JARA POST

JARA POST Start with Bismillah. End with Alhamdulillah. Appreciate with subha Allah.Hope with insha,Allah and life will be blessed by Allah ❤️

🚫👣 Namoota si xiqqeessaniifi si gufachiisan irraa fagaadhu. Gara fuulduraatti imaluun mararfannoo osoo hin taane muranno...
13/06/2025

🚫👣 Namoota si xiqqeessaniifi si gufachiisan irraa fagaadhu. Gara fuulduraatti imaluun mararfannoo osoo hin taane murannoo gaafata.

AMMEEKooriyaan Kaabaa deeggarsa waraanaa guutuu tahe Iraniif akka gootu beeksifte.
13/06/2025

AMMEE
Kooriyaan Kaabaa deeggarsa waraanaa guutuu tahe Iraniif akka gootu beeksifte.

"Israel addunyaa gama jeequmsaa Harkisaa jirti" ja'e dureen Turkii Recip Tayib Erdogan.dhumaatii Gaazaa gama naannawicha...
13/06/2025

"Israel addunyaa gama jeequmsaa Harkisaa jirti" ja'e dureen Turkii Recip Tayib Erdogan.

dhumaatii Gaazaa gama naannawichaatti babal'isaa jirti kan ja'an pirezdaanti Erdogaan bulchinsi Netaanaahoo daandii balaafamaa irra imalaa jira ja'an.

"Haleellaan Israel biyya ollaa teenyaa irratti raawwatte seera addunyaa kan cabsuufi kaayyoo naannawicha gama lola hamaatti jijjiiruu kan qabuudha. kun naannicha qofa osoo hin tahin addunyaa guutuuf yaachisaa waan taheef hawaasni addunyaa Israel dhaabsisu qaba" ja'e Pirazdaantichi.

Oduu Ammee!!Eenyu ummata Falasxiin gaa'zaa IZra"ael jalatti akka gabrooman godhaa jira kan jadhu ummata hundaaf ifa ta'e...
12/06/2025

Oduu Ammee!!

Eenyu ummata Falasxiin gaa'zaa IZra"ael jalatti akka gabrooman godhaa jira kan jadhu ummata hundaaf ifa ta'eera. Masriin duula Activistoonni gara Gaa-zaa godhuun biyyoota Addunyaa gara garaa irraa Masriin Kaayiroo seenan keessaa hanga ammaatti Masriin Activistoota dirmannaaf deeman keessaa nama 200 ol hiitee jirti. Ummata kuma 100 lakkaawamus akka isaan Masrii hin seenne uggurte jirti. Duulli Activistoota kun diina dhokataa saaxileera!! Abdul fattan Al Sisiin Mohammed Muursii shiraan fonqolcha irratti raawwate gara aangoo akka dhufe beekkamaadha. Amma immoo fincila ummata harka isaan of irratti waama jira. Sanuu ummata
Masrii qofa osoo hin taane sadarkaa Idil-Addunyaatti of irratti waamaa jira. Diinni dhokotaan Falasxiin tokko saaxilame!! Bilisummaan ummata Cunqurfame hundaaf haa taatu

AmeerikaaHokkorri Ameerikaa daandiiwwan   tti eegale ammas cimee itti fufeera. Ajaja Perezidaantii biyyattii Doonaald   ...
12/06/2025

Ameerikaa
Hokkorri Ameerikaa daandiiwwan tti eegale ammas cimee itti fufeera. Ajaja Perezidaantii biyyattii Doonaald kennaaniin tikni biyyattii kumaatamaan lakka'aman garasitti boobba'anillee hanga ammaatti balaa kana to'achuu hin dandeenye.

© Achraf Hakimi

 Badhaasa "Hacaaluu Hundeessaa Award" marsaa 4ssoo kan bara 2017 ilaalchisuun koreen ibsa miidiyaaleef kennee jira. Saga...
12/06/2025



Badhaasa "Hacaaluu Hundeessaa Award" marsaa 4ssoo kan bara 2017 ilaalchisuun koreen ibsa miidiyaaleef kennee jira. Sagantaan badhaasa kanaa gaafa waxabajjii 22 bara 2017 kan gaggeeffamu yoo ta'u, badhaasni kennamus gosoota ogummaa 11'n akka ta'e ibsamee jira.

Dhugaa Media
Gaaddisa dhugaa!

Great News !!Sa'uudi Arabiyaa fi Masriin riqicha Addunyaa irratti guddaa jadhame ijaaruuf waliigaltee mallatteessanii ji...
12/06/2025

Great News !!

Sa'uudi Arabiyaa fi Masriin riqicha Addunyaa irratti guddaa jadhame ijaaruuf waliigaltee mallatteessanii jiru! Riqichi kun ( Proposed route of bridge) jadhama. Riqicha kana hojjachuuf doolaarii Biiliyoona 4 oliin akka hojjachuuf deemaniis waliigaltee irra gahaniiru!! Yeroo Jalqabaaf Afrikaa fi Eeshiyaan riqichaan wal qunnamuuf deemu. Riqicha Afrikaa fi Eeshiyaa wal qunnamsiisu duraan Yamanii fi Jabuutii gidduutti hojjatamuuf ture. Yamaniin amma sababa hidhattoonni Huutii Yaman Sana'aa harkatti galfataniin wal qabate biyyattiin tasgabbii keessa waan hin jirreef Sa'uudi Arabiyaa fi Masriin carraa kanatti fayyadamuun Riqicha guddaa Addunyaa kan ta'e Ijaaruuf waliigaltee mallatteessanii jiru. Kun diinagdeen Masrii fi Sa'uudi Arabiyaa akkaan guddisa. Keessattuu biyyoonni Afrikaa Hajjiif yeroo deeman baasii guddaa baasuun hafuu danda'a. Sababni riqicha hojjatame yeroo xumurametti namoonni baay'een konkolaataa Afrikaa irraa Sa'uudi Arabiyaa deemu. Kanaaf Yeroo san gatiin xiyyaara Afrikaa fi Sa'uudi Arabiyaa geessu baay'ee gatiin isaa gadi bu'uu danda'a. Addunyaan gara hundaan fagaachaa jirti. Yeroo kamuu keessatti Rabbiin furmaata numa fida!! Gurra wal buusaa!!👇

  Xayyaarri Indiyaa  namoota 232 gabate imalaa ture kufe.Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446Xayyaarri Indiyaa buufata xiyy...
12/06/2025


Xayyaarri Indiyaa namoota 232 gabate imalaa ture kufe.

Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446
Xayyaarri Indiyaa buufata xiyyaaraa Ahmedabad irraa ka'uun namoota 232 gabatee gara UK London Gatwick imalaa ture kufe.

Xiyyaarichi buufata ka'umsa isaarraa erga ka'ee yeroo muraasa booda dhiha Hindii nannawaa qe'ee hawaasni hedduun jiraatu keessatti kufe.

Imaltoonni 232 fi hojjettoonni 12 xiyyaaricha keessa akka turan hogganaan daayirektoreetii siiviil aviyeeshinii Hindii AP'tti himeera.

Diinagdeen Itoophiyaa saffisaan guddachaa jiraachuu Africanews gabasse. Akka gabaassa kanaatti qaala'insi jireennaa akka...
11/06/2025

Diinagdeen Itoophiyaa saffisaan guddachaa jiraachuu Africanews gabasse. Akka gabaassa kanaatti qaala'insi jireennaa akka jiru ibsameera. Haa ta'uu malee biyyattiin saffisa diinagdee ariifataa gubbaa kan jirtu ta'uu ibsameera.

Dhugaa Media
Gaaddisa dhugaa!

Maanguddoon umrii waggaa 60 qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhatan.=======================================Godina Arsii Li...
11/06/2025

Maanguddoon umrii waggaa 60 qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhatan.
=======================================
Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti; manguddoon ganna 60 qormaata naannoo kutaa 8ffaa qoraman.

Maanguddoo umriin 60, ulee bordeeffachuu geessite qormaataaf qubeessaa qabatte.
Aadde Halkanee Shuutaa jedhamu Mana Barumsaa Daakaa Hora qadhoo jedhamutti, ijoollee akkoo ta'aniif waliin baratanii qormaataaf dhaqqaban.

Barnoota kutaa 8ffaa xumuranii, Sadarkaa itti aanu barachuuf hamilee qabu.

Aadde Halkaneen yoo milkaa'anii Yuunivarsiitiirraa eebbifaman ogummaa akkamiitiin biyya tajaajilu ta'inna? Isinis Namoota akkasii beektan yoo jiraate mee eeraa.OBN

“US Ameerikaa fi Israa'el maqaa marii Niiwukilaraa jedhuun kiyyoo keessa na galchuu barbaadu” – Iraan*******************...
11/06/2025

“US Ameerikaa fi Israa'el maqaa marii Niiwukilaraa jedhuun kiyyoo keessa na galchuu barbaadu” – Iraan
*****************************
US Ameerikaafi Israa'el marii dhimma Niiwukilaraa fayyadamuun kiyyoo keessa ishee galchuuf barbaadaa akka jiran Iraan himatte.

Iraan kana kan jette, mariin dhimma Niiwukilaraa Iraan gabbistu ilaalchisee Teehraanii fi Waashingtan gidduutti yeroo mari’atamuuf jedhu kanatti ta'uun eerameera.

US Ameerikaa fi Iraan marsaa 6ffaa dhimma gabbisa Niiwukilaaraa Iraan irratti Dilbata dhufu Omaan, Muskaatitti mari’atu jedhameera.

Miseensonni Paarlaamaa Iraan, Kibxata Waxabajjii 10, 2025 ibsa baasaniin, US Ameerikaa fi Israa'eel maqaa marii Niiwukilaaraatiin Iraan kiyyoo bara dheeraa keessa galchuuf shiraa jiru jechuu isaanii, Rooyitars gabaase.Etv

Simannaa Addaa Activist Greta Thunberg yeroo biyyasii Sweden qaqqabdu
11/06/2025

Simannaa Addaa
Activist Greta Thunberg yeroo biyyasii Sweden qaqqabdu

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when JARA POST posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to JARA POST:

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share