18/12/2025
Godaannisa Seenaa Lola Azuulee!
Minilik Oromoo Arsii irratti lola kan eegale bara 1881tti ture. Hoggantoonii waraana milinik gaafa san Raas Daargee fi Dajjaach Goobanaa Daaccee turan. Arsiin lolee lolchisee warana isaanii cansee of irraa deebisee.
Lola itti aanus karaa hara Danbaliin Arsii seenanii hanga Gaara Cilaaloo socho'anis, mooyamanii salphinaan of duuba deebi'an.
Lolli sadaffaan baatii muddee 1883tti Minilik waraana ofii hoogganee karaa Qoorroo Dagaagaa (Aanaa Doddotaa Siree tiin ) Arsii irratti duule. Lola kana irratti; Dilbatoo Qilxuu, Waayyuu Hamdaa, Jaatanee Bultumee fii ilmaan isaa Seeraa fi Kaayoo, Leenjisoo Diigaa fi Gurree Waayyuu warra Waraana Arsii hooggananii dha.
Lola kana Minilik hanga Aanaa Xannaatti babal'isuun naannoo Haroo Qeerroo'tti namoota nagaa hedduu fixan. Dhumaatiin kuniif ajjeefamuu Qeerroo Nageessoo gootota akka Leenjisoo Diigaa, Gurree Waayyuu fii Jaatannii Bultum faa aarsuun Laga Hawaas irratti minilik eeguun haadha manaa fi dibbee isaa irraa fudhatanii hanga Mojootti fardaan ari'an.
Lolli Jahaffaan kan godaannisaa fi daguun goolabameedha. Innis lola azuuleeti. Azuule Arsii Aanaa Suudee keessatti Laga argamuudha. Afaan laga kanaa irratti kan Arsiin caphe.
Lola kanas Raas Daargeetu hooggana. Lolli kun lola baayyee suukanneessaadha ture. Marsaa kana karaa Hara Banbaliin seenuun jalqaba Albasoo fii Gadabitti duulan. Meeshaa ammayyaa fi Dhukkuba Gifiraatiin lolan. Hedduu miidhan. Shirkaan keessattis gosoota akka Heellaa fi Soolee moo'udhaan Diida'aan qabatan. Iddoo lolaaf mijooftuu taate Laga Azuulee irratti of jabeessan. Malas jijjiiratan. Karaa Diplomaasiitiin Ummata keessa miila dheereffatan. Boolla Faradoon itti dhumtus gadi fageessanii qotan. Iddoon suni kallattii tokkoon malee qilee qabdi. Miilli isaan hawaasa keessa gadi dhiisan dubartii beekamtuu takka fideef. Cabiinsa Arsii kan lolaa azuuleetif sababnii guddaan tokko dubartii tana isheen eenuu ? Akkamiin Arsii cabsisiifte?