16/12/2025
Lammileen Itoophiyaa sarara daandii xiyyaaraa Itoophiyaan "Seeraan ala Afriikaa Kibbaa seenan" jedhaman to’ataman
Mootummaan Afriikaa Kibbaa lammilee Itooophiyaa 14 kan balalii Sarara Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaan gara biyyattii seenan to’achuu ibseera. Mudde 11, 2025 xiyyaaraan Buufata Xiyyaaraa Taamboo gahuu kan himame lammileen Itoophiyaa, dhiira shanii fi dubartoota sagal, haalli imala isaanii shakkisiisaadha waan jedhuun to’annoo jala ooluu, Itti Aanaan Koomishinara Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Daangaa Afriikaa Kibbaa Jeen Tuupaanaa himaniiru.
Lammileen Itoophiyaa kun xiyyaara Sarara Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaan imalaa kan turan ta’uun kan himame yoo ta’u, kan isaan to’atamanis “mala namootni seeraan ala nama godaansisan fayyadaman imala isaanii irratti argamuu hordofeeti" jedhamee jira. Kanaanis lammileen Itoophiyaa kun dursa Afriikaa Kibbaa akka biyya qaxxaamuraatti cehuun duubarra, gara biyyattiitti deebi’uu isaanii ta’uus qorannoon jalqabaa Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Daandaa biyyattii ifoomsee jira.
Haaluma wal fakkaatuun xiyyaara Sarara Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaan kan Afriikaa Kibbaa seenan lammileen Baangilaadesh 16 ragaa imalaa seerummaa hin qabneeen imaluun to’annoo jala ooluu Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Daangaa Afriikaa Kibbaa dabalataan ibseera. Lammileen Baangilaadesh to’ataman kunneen martinuu dhiira ta’uu kan eerame yoo ta’u, erga Buufata Xiyyaaraa Taamboo gahanii qorannoo taasifameen ragaan imalaa (Viisaa)n isaanii kan sobaa ta’uu fi kaayyoon imala isaaniis kan eerameefii waliin gargar ta’uu Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Daangaa kun ibseera.