Jemal saani Ad

  • Home
  • Jemal saani Ad

Jemal saani Ad 𝖕𝖘𝖜𝖖𝖓 𝖌𝖔𝖔𝖗𝖔𝖔 𝖌𝖚𝖚𝖙𝖚𝖚

19/09/2025

Gaaffiin Hulaa Galaana Dhimma Jireenya Dhalootaati!
= = =

Dhimmi gaaffii Hulaa Galaanaa Diimaa argachuu biyya keenya Itoophiyaaf dhimma guddina diinagdee biyyaa qofa osoo hin taane, dhimma siyaasaa, hawaasummaa, nageenya tifkachuu, birmadummaa biyyaa guutuu taasisuufi qabeenya ofiitti sirnaan fayyadamuu yoo ta'u, hojiilee kanneen akka daldala geejjibaa, industirii, qonna jallisiifi tajaajilaaf daandii bal’aa waan banuuf hulaa galaanaa argachuun biyya keenyaaf dhimma yeroon barbaadudha.

Biyyi hulaa galaanaa hin qabne, qabeenya ishee gara alaatti erguufi alaa gara biyya keessatti galchuu irratti biyyoota biroo irratti akka hirkattuufi birmadummaa diinagdee biyyaa sarbuu bira darbee nageenya biyya ofii sirnaan tifkachuu irrattis danqaa guddaa ta'a. Kanaaf gaaffiin balbala Galaanaa argachuu gaaffii siyaasaafi diinagdee qofa osoo hin taane gaaffi birmadummaa biyyaafi jireenya dhaloota biyya keenyaati. Kanaaf ammoo waliin dhaabachuun gaafficha kan waloo taasisuun nurteessaadha.

Kanuma bu'uura taasisuun, Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itoophiyaan teessuma lafaan hidhamtee barabaraan jiraatti jedhee kan yaadu du'aa ta'uu eebba kitaaba 'Mootummaa Ida'amuu' tibbana geggeeffame irratti haasawaa taasisaniin ibsaniiru.

Kana malees dhaloonni Galaana Diimaa deebisanii gaafachuu sodaatuufi shakku jiraachuu kan hin qabne ta'uu kaasuun, Itoophiyaan nagaaf dursa kennuun hiyyuummaa irratti akka duultu ta'uu himaniiru.

Itoophiyaan balbala ittiin baatee galtu ni tolfatti, kun dhimma waan hin oolle ta'uu himuun, kun yoo milkaa'u nuti jiraachuu baannus ijoolleen keenya hiyyeeyyii biyya cufamte keessa jiraatan utuu hin taane, ijoollee hojjettoota seenaa ta'anii ofirra darbanii biyyoota biroo warra gargaaran akka ta'an dubbataniiru.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf waraana barbaachisa jettee akka hin yaanneefi gaaffii ishee karaa nagaan dhiyeessaa turuu ibsanii, Itoophiyaan rakkoo ulaa galaanaa obbaafachuu qabdi jennee yaadna, kana irrattis qaama kamuu waliin karaa nagaan mari'achuuf eeyyamamoodha jechuun hubachiisaniiru.

Biyyattiin boru ofirra darbitee biyyoota obbolaa kan gargaartu ta'uu akka qabdu hubachiisuun, kanaafis mootummaan har'a irra taa'ee boru beekuu akka qabu himaniiru.

Kanaaf gaaffiin hulaa Galaana Diimaa argachuu dhimma jireenya dhalootaa waliin wal qabatu dhimma birmadummaa biyyaa guutuu taasisuuti.

17/09/2025
11/08/2025
11/08/2025
11/08/2025
10/09/2024

“Diinagdee uummataa guddisuuf waadaa galle gochaan ni dhugoomsina” Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii MNO
********
Tarkaanfiin mootummaa tajaajilaafi ijaarsa cimaa sadarkaa Gandaa gurmeessuuf fudhatame bulchiinsa gaarii sadarkaa gandaatti diriirsuun, kenna tajaajilaa saffisiisuufi si’oomsuuf; hojimaata badaa tajaajilli itti gurguramu dhabamsiisuun abba birmadummaa aangoo kan ta’e ummanni tajaajila haqaafi bilisaa akka argatu dhugoomsuuf; sirna bulchiinsa ammayyaa’aafi qaqqabamaa ta’e diriirsuuf; leecalloo qabnu hunda sirnaan xuruursinee fayyadamuun kan dandeessisudha.

Waadaa uummataaf galle gochaan dhugoomsuudhaan guddina diinagdee mirkaneessuuf xiyyeeffannaan ni hojjanna.

Address


KARAMILE

Telephone

+251926941226

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jemal saani Ad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share