Reyyan Mohammed

  • Home
  • Reyyan Mohammed

Reyyan Mohammed Insha allah

06/11/2025

Irreechi Amantii dhaa moo Aadaa?​Hubannoon guutuu fi hundeeffamaan jiru Irreecha ilaalchisee yaada lama guddaa of keessa...
05/10/2025

Irreechi Amantii dhaa moo Aadaa?
​Hubannoon guutuu fi hundeeffamaan jiru Irreecha ilaalchisee yaada lama guddaa of keessaa qaba:
• ​Irreechi Sirna Galateeffannaa fi Waaqeffannaati: Irreechi hundee isaa irraa kaasee sirna Waaqeffannaa (amantii Oromoo durii) keessatti argama.
• ​Hiikni inni ijoon "Galatoo Waaqayyoo" jechuu dha.
• ​Waaqa kadhachuu fi galateeffachuuf, keessattuu yeroo ganni xumuramee Birraan ga'u, bakka addaa (Horaa fi Tulluu) deemanii marga jiidhaa qabatanii sirna raawwatu.
• ​Kunis amantii Waaqeffannaa keessatti akka gochaa waaqeffannaatti fudhatama.
• ​Irreechi Mallattoo Aadaa fi Eenyummaa Oromoo ti: Yeroo ammaa kana garuu, Irreechi hiikaa fi faayidaa sana caalu qabatee dhufee jira.
• ​Ayyaanni Irreechaa akka mallattoo Eenyummaa Oromoo, Tokkummaa, Araaraa, fi Jaalalaa fudhatama.
• ​Ayyaanicha irratti Oromoonni garaagarummaa amantii (Islaamaa, Kiristaanaa, Waaqeffannaa, kkf) fi siyaasaa malee walitti bahanii waliin kabaju. Kunis akka ayyaana Aadaa fi Duudhaa Sabaa ta'ee beekameera.
• ​Dhaabbata Addunyaa UNESCOtti akka Duudhaa Addunyaa Hin Mul'anne (Intangible World Heritage) Sirna Gadaa keessatti galmaa'ee jira.
​Kanaafuu, deebiin isaa: Irreechi hundee isaa amantii Waaqeffannaa keessaa qaba, garuu yeroo ammaa kana akka ayyaana sabaa, aadaa fi tokkummaa Oromoo ta'ee fudhatama guddaa qaba.
​Irreechaa fi Amantii Islaamaa
​Amantiin Islaamaa amantii seeraan uumamee fi kitaaba (Qur'aana) irratti hundaa'ee dha.
• ​Amantii Islaamaa keessatti, waaqeffannaa fi galanni hundi (Ibaadaan) karaa Rabbii (Waaqaa) Qur'aanaa fi Hadiisaan murtaa'e qofaan raawwatama.
• ​Yeroo baay'ee, barattoonni amantii Islaamaa Irreechi sirna Waaqeffannaa (waan Islaamummaan hin barsiisne) waan of keessaa qabuuf, namni Muslimaa akka waaqeffannaatti akka hin fudhanne akeekkachiisu.
• ​Haa ta'u malee, Muslimoonni Oromoo hedduun Irreecha irratti hirmaatu. Isaanis akka sirna Aadaa Oromoo, Jaalalaa, fi Tokkummaa Sabaatti malee akka waaqeffannaa amantiitti hin fudhatan. Isaan Irreechaa fi amantii isaanii addaan baasanii ilaalu.
• ​Walumaa galatti, Muslimni kamiyyuu Shari'aa Islaamaa eeguu qaba. Yoo namni Muslimaa tokko Irreecha irratti hirmaate, gochoota yookiin kadhannaa amantii Islaamaatiin wal hin simne irraa of qusachuu fi akka Ayyaana Aadaa qofaatti fudhachuu qaba.

25/05/2025

Out Now

Jirra jirtuu jaalattootaa fi dinqifattoota Emala Entertainment akkuma amaleeyfannee Walliisa cimaa Mifta Abba Magaal Ft ...
12/09/2024

Jirra jirtuu jaalattootaa fi dinqifattoota Emala Entertainment akkuma amaleeyfannee Walliisa cimaa Mifta Abba Magaal Ft C Boy Music Video matadureen Hawwii Je'uu yeroo dhihotti isiina biraan gahuuf kurfii xumarannee dhufu jirra maarree isiinis share godhuun YouTube Chaanaalii keenya ammoo Subscribe godhuun nu eeggadhaan afeerraa teenya Galatoomaa => youtube.com/c/Emalaentertainment
Robson Wabe Mifta abbaa Magaal CBoy Dire Ephrem Tsegaye Amanuel A Man

Hin Hafne Insha Allah Dhufa JirraMaher Ahmed
11/08/2024

Hin Hafne Insha Allah Dhufa Jirra
Maher Ahmed

Qaama khe guddisun duraSammu tee guddisiMaalif yoo jatteSammuutu Qaama ajaja wan tahef😊😊😊
07/08/2024

Qaama khe guddisun dura
Sammu tee guddisi
Maalif yoo jatte
Sammuutu Qaama ajaja wan tahef
😊😊😊






Best picture 🥰🥰❤
28/06/2024

Best picture 🥰🥰❤














27/06/2024
Akkuma Kaleessa Harris Bor  Ni Darba Garuu  Wonti Guddaan Kaleessi Maaliin Akka Darbe fi Maaliif Akka Darbe Beekuudha Is...
28/04/2024

Akkuma Kaleessa Harris
Bor Ni Darba Garuu Wonti Guddaan Kaleessi Maaliin Akka Darbe fi Maaliif Akka Darbe
Beekuudha Isa Beeknaan Waan
Harra Keessa Jirtu Akka Darbu
Beekte waan bor sifayyadu
Keewwatte Darbuudha Bu,aa
Harraa Bor Argita Kan boriif
Abdatta Waan Harra Hojjatteen
Abdataan Beelan Dadhabu
Argataan Qeeqan Dhabu Beeki!!

Gufuu daandii kee irraa kaasi!Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra kees...
06/04/2024

Gufuu daandii kee irraa kaasi!
Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra keessise. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiima irraa goranii darbuu turani. Gariinimmoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hinturre. Mootichi hamma kana ilaaleema ajaa'ibsiifata. Ajaa'ibas!

Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabii guddaan booda nimilkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama ofkeessa qaba. Kunneenis warqee gatii jabeessaafi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha; "Warqeen kun, kana nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati!

Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hinhubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee!

- Ba'aa keessa bu'aatu jira! Watonni gufuu nutti fakkaanii isaan dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hintaane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira; garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira; ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuus badhaasa mataa isaa niqabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hinjirres sun hinjiru,....hindagatiin!

- Gufuun har'a irra darbamu borus achuma! Rakkoon har'a hinfuramne rakkooma ta'ee tura. Dhagaa sana karaa irraa kaasuu dhabuu isaaniif waan dhaban qabaachuu qofaa miti, kan jarri sun miidhaman. Dhagaan isaan irraa goranii darban yoomuu isaaniif gufuudha. Hamma isaan hinkaafnetti achuma jira; yeroo bahanis ta'e galan achuma taa'ee isaan eega. Deemsa isaan dhorka, karaa itti dhiphisa, rukutees isaan miidhuu danda'a, dhagichi. Rakkoon har'a hinfuramne borus rakkoodha, yookaan bifa jijjiirratee dhufa. Kanaafuu, furmaanni hundeen bakkaa kaasuudha. Yoos rakkootu bakkaa ka'a,...nirakkatas! Akkas kunoo!

- Wanti nama hinmiine ittuu nama jabeessa! Nama dhagaa guddaa sana dhiibee kaasetti, ba'aan isaa duraa akka itti salphatu nama hinshakkisiisu. Gara fuulduraattis, leenjii jabaa ta'aafi. Hammam jabaa akka ta'es nihubachiisa. Meeshaalee suphee irraa hojjetaman yoo fudhanne, isaan osoo tajaajila hinkenniin dura ibiddaan siila'uu qabu. Yoo akkana hintaane, bishaan of keessatti qabachuu hindanda'ani. Kanaafuu, dursa ibiddaan siila'uu qabu. Argitee? Hamma hinballeessinetti gubuunuu furmaata. Meeshaaleen kunis, osoo hingubatiinirra yoo gubatan irra jabaatu. Jabinni dhala namaas leenjii garagaraa keessaani. Yaaduu, yaaluu, kufuu, ka'uu, baachuu, dadhabuu,.....! Kanaafuu, jabina keenya waan nu jabeessuu danda'u qofaa keessatti haa eeggannu!

- Kaayyoof jecha gad jechuun ol jechuu fida! Namichi qofaa isaa dhagaa dhiibu sun, namoota biroo biratti akka maraatuutti ilaalamuu hinhafu. Baay'eenis dhaabatanii itti kolfu ta'a. Dhageettiin gurra isaafi agartuun ija isaa garuu, kaayyoo isaa qofaa irra ture. Gufuu of jalaa kaasuufi deemsa itti fufuudha, mul'anni isaa. Namootatti gowwaa fakkaatus inni kaayyoo isaaf gamna yeroo isaati. Nutis, kaayyoo keenyaaf gad jechuu haabarru. Kan kaayyoof gad-jedhetu, olkaafama!

Camera ,Editing & Color by RAYYAN MAHAMMADPOSTER DISEGNER BY Hamze Alp
04/04/2024

Camera ,Editing & Color by RAYYAN MAHAMMAD

POSTER DISEGNER BY Hamze Alp

Address


Telephone

+251979513632

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Reyyan Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Reyyan Mohammed:

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share