31/07/2025
𝗕𝗼𝘁𝗼𝗿 𝗫𝗼𝗼𝗹𝗹𝗮𝗮𝘆𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗔𝘀𝗵𝗮𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗠𝗮𝗴𝗮𝗿𝗶𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗔𝗱𝗼𝗼𝗹𝗲𝘀𝘀𝗮 24 𝗠𝗮𝘁𝗮 𝗗𝘂𝗿𝗲𝗲" 𝗗𝗵𝗮𝗮𝗯𝘂𝘂𝗻 𝗕𝗮𝘆𝘆𝗮𝗻𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳" 𝗝𝗲𝗱𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗗𝗵𝗮𝗮𝗯𝗯𝗮𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗢𝗼𝗹𝗲 𝗫𝘂𝗺𝘂𝗿𝗮𝗺𝗲𝗲 𝗝𝗶𝗿𝗮
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
Adoolessa 24/2017 Godina Jimmaa Aanaa Botor Xoollaayitti:- Dhaabbiin Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 24 akka aanaa keenyaati guyyaa tokkotti lafa heektaara 854.25 biqiltuu miiliyoona 2,135,615 dhaabuuf karoorfatame keessa raawwiin aanichaati mill 2,135,615 %100 xumuramee jira.
Sagantaa dhaabbii ashaaraa magariisaa guyyaa har'aa gaggeeffamee irratti argamuun Itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa,Horsiise Bulaa fi Lafaa Obbo Darajjee Girmaa Kansaa ergaa isaanii dabarsaniin biqilaa dhaabuudhaan biyya keenya hiyyummaa jalaa bayyanachiisuu ni dandeenya waan ta'eef qaamooleen hawaasaa hundiyyuu hirmaattanii biqiltuu dhaabdaan hundi galatooma jedhaniiru.
Dabalataan akka jedhanitti Biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuun dinagdee magariisa faalama qilleensaa irraa bilisa ta'e ijaaruun Itoophiyaa badhaate dhaloota haa dhaalchifnu jechuun dhaamsa dabarsanii jiru.