12/06/2026
Kuweet Itoophiyaa dabalatee biyyoota 10 qofaa irraa hojjetaa fudhachuuf karoorsite
Waxabajji 12, 2026 ,Finfinnee!
Biyyi Galoo Galaana Arabaatti argamtu Kuweet imaammata haaraa sektera kana qajeelchuuf fooyyeffame jalatti biyyoota 10 hojjattoota manaa irraa qaxaruuf mirkaneessite keessatti Itoophiyaan haammatamuun gabaafameera.
Galfi Niwus gabaasa sabaa himaalee naannoo Galoo Galaanaa waabeffachuun akka gabaasetti, Ministeerri Biyya Keessaa Kuweet xalayaa qajeelfamaa hojjattoota manaa qaxaruu biyyoota filataman 10 qofatti daangessu fi biyyoota biroo 27 irraa immoo kan dhowwu baaseera; kunis qaawwa to’annoo fi qajeelfama sektera hojii manaa cimsuuf qaama yaalii taasifamudha.
Qajeelfama kanaan, hojjattoota manaa Itoophiyaa, Ertiriyaa, Afriikaa Kibbaa, Beeniin, Filippiinsi, Sirii Laankaa, Indiyaa, Veetnaam, fi Neepaal irraa qaxaruun ni danda’ama. Seeneegaalis tarree kana keessatti kan hammatamte yoo ta’u, ta’us garuu biyya Afriikaa Dhihaa kana irraa qaxarriin taasifamu dhiira qofatti kan daangeffame ta’u gabaasichi ifoomseera.
Gulf News akka gabaasetti, tarkaanfiin kun kan fudhatame yaada fi xiyyeeffannoo dhaabbatawwan mootummaa hedduu, kanneen akka Ministeera Dhimma Alaa Kuweet, Ministeera Faayyaa, fi Abbaa Taayitaa Humna Namaa Hawaasummaa irraa dhihaate hordofeeti.
Xalayaan qajeelfamaa kun kallaattii bulchiinsa dhimma eyyama jireenyaa fi wiirtuulee tajaajilaa guutuu Kuweet keessa jiranitti kan raabsame yoo ta’u, fooyya’iinsa jalqaba torban kanaa taasifame hordofee hojii irra ooleera, jedha gabaasichi.
Haaluma kanaan, Kuweet biyyoota 27 kanneen akka Keeniyaa, Yugaandaa, Nijeeriyaa, Rwaandaa, Burundii, Angoolaa, Jibuutii, Rippaabliika Demokraatawawa Kongoofi Rippaabliika Kongoo dabalatee biyyoota biroo irraa hojjattoota manaa qaxaruu dhowwiteetti. Akka gabaasichatti, dhowwawwan tokko tokko hojjattoota manaa dhalaaa qofa irratti kan raawwataman yoo ta’u, biyyoota tokko tokko irraa immoo hojjattoota dhiiraa qaxaruun ni eyyamama.
Qajeelfamni fooyya’e kun yaalii Kuweet hojjattoota manaa qaxaruu sirreessuuf, akkasumas to’annoo bulchiinsaa fi agarsiistuu hordoffii sekterichaa keessatti babal’isuuf taasistu keessaa isa tokkodha, jedhee galfi Niwus gabaaseera.
Oduun kun kan dhagaahame, erga Itoophiyaan waliigaltee bulchiisna hojjattoota manaa gama lamaa Adoolessa 2024 labsame jalatti hordoffii godaansa hojii gara Kuweetitti taasifamu cimsuuf tarkaanfii fudhatte bultii waggaa lama boodadha.
Yeroo sanatti, abbootiin taayitaa Itoophiyaa akka ibsanitti, hojjattoonni gara sana deeman osoo hin bobbi’in dura leenjii afamanii, ogummaa, fi qajeelfama aadaa, akkasumas qophii xiinsammuu fi yaadaa akka xumuran ni taasifama.
Waliigalteen kun eegumsa hojjattootaaf abbootii taayitaa Kuweetiin taasifamu kanneen akka wabii kaffaltii mindaa, mirga qunnamtii, eegumsa seeraa falmii hojii irratti uumamu, fi dirqama qaxartuun xalayaa jireenyaa (residency) fi ragaa hojii seeraa qabaachuu dhiheessuuf qabu hammatta.
Taateen dhiyoo kun immoo, waliigaltee hubannoo (MoU) Caamsaa 2024 keessa Itoophiyaa fi Kuweet gidduutti qaxarrii hojjattoota Itoophiyaa mootummaa Galoo galaanaa keessatti mijeessuuf mallatteeffame hordofee kan dhufedha. Akka yeroo sana Addis Standard gabaasetti, waliigalteen kun Ministeera Hojii fi Ogummaa Itoophiyaa, Muferiyaat Kaamil, fi Ambaasaddara Kuweet Itoophiyaatti argaman, Naasiir Haajjii Al-Mudayiriin mallatteeffame.
Waliigalteen hubannoo (MoU) kun kaayyon isaa caasaa seeraa qaxarrii fi qacarii hojjattoota Itoophiyaa Kuweet keessatti bulchu uumuu, mirgaa fi faayidaa isaanii gargar baasuu, akkasumas tumsa hojii biyyoota lameen gidduu jiru cimsuuf kan yaadamedha. Abboomiin taayitaa akka jedhanitti, waliigalteen kun qaxartootaa fi hojjattootaaf adeemsa fi dirqama ifa ta’e kan dhiheessudha.
Maddi :Addis Standard