Iron Pen Media

  • Home
  • Iron Pen Media

Iron Pen Media We deliver Truth, Accurate, and Balanced current information for the generation

Iron Pen Media is creative media brand focused on powerful, strong, permanent, and impactful truth information

Iron Pen media is company which produces digital contents

TRUTH INFORMATION FOR THE GENERATION!

Magaalaa Shaggaritti shakkamttootni dhadhaa fakkeessuun wantoota garagaraa walitti makuun gabaaf dhiyeessuuf qopheessaa ...
14/09/2026

Magaalaa Shaggaritti shakkamttootni dhadhaa fakkeessuun wantoota garagaraa walitti makuun gabaaf dhiyeessuuf qopheessaa turan eeruu hawaasni qaamolee nageenyaaf kenneen to’annoo jala oolfaman

Fulbaana 1 4,2026 Finfinnee!
Shakkamtootni maqaan isaanii 1ffaa Allabbachoo Geetaa, 2ffaa Indaalammaa Waleefi Asmaamoo Walee jedhaman Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Aanaa Tufaa Munaatti mana jireenyaa dhuunfaa kireeffatanii badhaadhina qaxxaamuraa argachuuf dhadhaa fakkeessuun kartooniifi zayitii nyaataa walitti makuun geejjibsiisuuf wayita turanitti Fulbaana 1/2019 Qajeelchi Poolisii kutaa Magaalaa Mana Abbichuu eeruu hawaasa irraa argateen to'annoo jala oolcheera.

Akka Poolisiin kutaa Magaalichaa ibsetti shakkamtootni kunneen wantoota nyaataaf hin oolle waraqaa adii 31, pilaastika magariisa 61 zayita akkasumas kaartoonii 114, baarmeeliiwwan 6 fayyadamuun gabaaf wayita qopheessaa turanitti kan to'ataman yoo ta'u, bakki itti gurgurtaaf dhiyeessuuf turanis Magaalaa Finfinnee bakka addaa "Gojjam barandaa" jedhamutti geejjibsiisuuf wayita turanitti to'atamaniiru.

Haaluma kanaan qaamooleen gareen qorannoo qajeelcha Poolisiifi Abbaa alangaa dhimmicha irratti qorannoo gaggeessuu eegaluun ibsameera.

Hawaasni wayita oomishaalee gabaa irraa bitu qulqullinaafi nageenya mirkaneessuun, odeeffannoo shakkisiisaa yoo argan ammoo qaamolee dhimmi ilaallatuuf hatattamaan beeksisuun gahee isaanii bahachuun murteessaadha jedhame.

Magaalaa Hawaasaatti Roobni Cimaan Bubbee fi Cabbii makatee Roobe Lubbuu Namaa fi Qabeenya Irratti Miidhaa Geessise Adoo...
30/07/2026

Magaalaa Hawaasaatti Roobni Cimaan Bubbee fi Cabbii makatee Roobe Lubbuu Namaa fi Qabeenya Irratti Miidhaa Geessise

Adoolessa 30, 2026, Finfinnee!

Kaleessa galgala Magaalaa Hawaasaatti roobni cimaan cabbii fi qilleensa cimaa makatee roobe lubbuu namaa fi qabeenya irratti miidhaa geessisuun dhagahame.

Naannolee magaalattii tokko tokko keessatti qilleensi cimaan mukkeenii fi utubaawwan ibsaa kufsiisuun lubbuun nama tokkoo darbeera; namoota kudhan irrattis miidhaan qaamaa salphaan qaqqabuu isaa mirkanaa'eera.

Kana malees, bu'uuraalee misoomaa irratti mancaatii qaqqabeen walqabatee tajaajilli ibsaa halkan guutuu kutaalee magaalattii hedduu keessatti addaan citee turuu Kominikeeshiniin Magaalaa Hawaasaa beeksiseera.

Bulchiinsi Magaalaa Hawaasaa guyyoota itti aanan keessattis roobni qilleensa cimaa wajjin dhufu fi balaa lolaa mudachuu akka danda'u akeekkachiisee, hawaasni of eeggannoo barbaachisaa akka godhu jechuun waamicha dhiyeesseera.

Abbaan Intala Isaa Gudeede Hidhaa Waggaa 9 fi ji'a 3 n adabame Adoolessa 21,2026, Finfinnee! Abbaan intala isaa ganna 20...
21/07/2026

Abbaan Intala Isaa Gudeede Hidhaa Waggaa 9 fi ji'a 3 n adabame

Adoolessa 21,2026, Finfinnee!

Abbaan intala isaa ganna 20 gudeede hidhaa waggaa 9 fi ji'a 3 tiin adabame

Miidhamtuun Hannaa Girmaa barattuu kutaa 9ffaa yoo taatu, abbaa ishee Inispeektar Girmaa Geetaachoon gudeedamuun yakki irratti dalagame jira.yakki kun kan itti raawatame ammoo Aanaa Abbayyaa Lixaa Ganda Birbir 7 jedhamu keessa ture.

Akka gabaasa Kominikeeshinii Aanaa Abbaayaa Lixaatti himatamaan Girmaa Geetaachoo jedhamu kun qawwee mootummaan hojjiif kenneen intala isaa kana doorsisuun gaafa guyyaa 6/9/2018 galgala naannoo sa'aatii 2:00tti osoo mana keessatti buna danfistuu gara kutaa ciisichaa geessuun humnaan walqunnamtii saalaa ishee waliin raawwateera.

Iyya gargaarsaaf miidhamtuun dhageesiisteen ollaan gara bakka balaan kun itti dhaqqabeetti ariifatanii sagalee miidhamtuu irraa haala jiru mirkaneessanii, dhimmicha poolisiitti gabaasani jiru.

Poolisiin erga bakkati ga'ee booda yakkamaa qabuun qorannoo isaa xumuree dhimmicha mana murtiitti dhiyeessee jira.

Dhumarratti Manni Murtii Aanaa Abbaayaa Lixaa dhaddacha har'a geggeeffameen himatamaa irratti hidhaa waggaa 9 fi ji'a 3 murteessee jira.

Maddi:- Kominikeeshinii Aanaa Abbaayaa Lixaati

Namichi uffata dubartii uffachuun hojii gowwoomsaa hojjechaa ture to'atame Waxabajjii 30,2026, Finfinnee! Shakkamaan maq...
30/06/2026

Namichi uffata dubartii uffachuun hojii gowwoomsaa hojjechaa ture to'atame

Waxabajjii 30,2026, Finfinnee!
Shakkamaan maqaan isaa Jamaal Anas jedhamu uffata dubartii uffachuun hojii gowwoomsaa hojjechaa ture Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullallee Aanaa 05, naannawaa buufata konkolaataa Askootti to'annoo jala ooluu poolisiin ibseera.

Akka odeeffannoon argame ibseetti, shakkamaan kun rifeensa sobaa (human hair), faayaa gurraa fi uffata adda addaa kan dubartii uffachuun dubartii fakkaatee socho'aa ture.

Gochaa isaa kanaan yeroo dubartii fakkaatee namoota waliin haasa'aa turetti namoonni isa shakkuun poolisiif eeruu kennaniin to'annoo jala ooluu danda'uun ibsameera.

Kana hordofee qorannoo qaamaa irratti taasifameen dubartii osoo hin taane dhiira ta'uun isaa mirkanaa'uu Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalaa Gullallee ibseera.

Ragaan qorannoo akka agarsiisutti, Jamaal Anas kanaan dura illee dubartii fakkaatee namoota gowwoomsaa akka ture dhugaa-baatonni himaniiru.

Akkasumas bilbila isaa keessaa suuraawwan yeroo adda addaatti uffata dubartootaa fi faaya adda addaa dubartootni tajaajilaman godhatee ka'e hedduun argamaniiru.

Gochootni aadaafi duudhaa hawaasa keessaa bahan gama tokkoon yakka raawwachuuf akka gowwoomsaatti fayyadamu tahuu kan ibse Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee gochoonni nama gowwoomsuuf ykn yakka raawwachuuf malan yoo mul'atan hawaasni dammaqinaan poolisiif odeeffannoo kennuu akka qabu dhaamera.
Odeeffannoon @ AMN

Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalan Waxabajjii 15, 2026 ,Finfinnee! Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf walii...
15/06/2026

Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalan

Waxabajjii 15, 2026 ,Finfinnee!
Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf waliigaltee irra ga'an
Ameerikaa fi Iraan walitti fiduun mariisisaa kan jirtu Paakistaan waliigaltichi Jimaata dhufu Siwiizarlaanditti akka mallatteeffamu beeksisteetti.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi akkaataa waliigaltichaan ulaan Hormuuz irra deebi'ee banama jedhan.
Akkuma waliigaltee irra ga'amuun dhaga'ameen gatiin boba'aa hir'achuutu himame.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan akka dubbatanitti, ajajaa olaanaan loltummaa biyyattii tokko waliigaltichi Teeraaniif injifannoo ta'uu ibsan.
Yaadni guutuun waliigaltichaa hanga ammaatti maal akka ta'e ifoomuu baatus, BBC'n akka gabaasetti waliigaltichaan dursi kan kennamu waliigalteen waraana dhaabuu kanaan dura mallatteeffame akka dheeratu, guyyoota dabalataa 60'f waraanni kamuu akka hin gegggeeffamne fi qaamoleen lamaanuu maree dabalataa akka geggeessan kan akeekkachiisuu dha.

Pirezdaantiin Ameerikaa Donald Trump waliigaltee kana hordofee qoqqobbiin yabala doonii Iraanirra ture akka kaafamu ajaja dabarsaniiru,biyyootni Awurooppaa 4 UK fi France dabalatee waliigaltee kana hordofee qoqqobbii Iraanirra ture gadhiisuuf murteessaniiru.

Guyyoota 10n dhufan  Kutaaleen biyyattii hedduun Rooba Salphaa hanga giddugaleessaa ni argatu:InstiitutichaWaxabajjii 12...
12/06/2026

Guyyoota 10n dhufan Kutaaleen biyyattii hedduun Rooba Salphaa hanga giddugaleessaa ni argatu:Instiituticha

Waxabajjii 12,2026 ,Finfinnee!
Guyyoota kudhan itti aanan bakkeewwan rooba gannaa argatan, akkasumas kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti roobni xiqqaa hanga jiddugaleessaa akka eegamu inistiitiyuutiin mitiworoloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi akka hubachiisetti, haalli miitiwoorooloojii roobni akka uumamu godhan keessumaa kutaalee biyyattii walakkeessa lixaarratti cimina ni qabaatu.
Sababa Kanaan haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii kibba lixaa, lixaa fi Kaaba lixaatti babl’achaa ni deema jedheera.

Haala Kanaan rooba xiqqaa amma jiddugaleessaa akka argatan raagni kan mul’isu yoo ta’u kutaalee biyyattii jiddu galeessa, bahaa fi kibbi rooba xiqqaa ni argatu jedheera.
Guyyoota itti aanan cimina miitiwoorooloojiirraa ka’uun biyyattii bakkeewwa rooba gannaa argatanii fi kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti rooba xiqqaa hamma jiddu galeessaa akka argatan ibseera.
Dabalataanis miitiwoorooloojii darbee darbee qaamolee bishaanii fi qilleensa naannawaa keessatti ciman irraa ka’uun kibba lixaa fi lixni biyyattii rooba cimaa ni argatu jedheera.

Humna aduu olaanaan wal qabatee keessumaa aduun guyyaa kutaa biyyattii Affaar, kibba bahaa, Kaaba, lixaa fi kibba lixaa tti digirii seelshiyeesii 32 amma 41 ol akka ta’u raagni jiru akka agarsiisu eereera.

Oomaar Artaan tapha xumuraa Waancaa suuppar Kaappii Awurooppaa akka taphachiisu filatame,Waxabajjii 12, 2026 ,Finfinnee!...
12/06/2026

Oomaar Artaan tapha xumuraa Waancaa suuppar Kaappii Awurooppaa akka taphachiisu filatame

,Waxabajjii 12, 2026 ,Finfinnee!
Lammiin Somaaliyaa gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkame Abbaan murtii kubbaa miilaa Oomaar Artaan tapha xumuraa Waancaa suuppar Kaappii Awurooppaa akka taphachiisu filatameera.
Dargaggeessi umrii waggaa 34 Oomaar Artaan tapha Waancaa Addunyaa 23ffaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waloon qopheessan akka taphachiisan filatamanii turan.
Haa ta’uutii Ameerikaan Oomar Artaan gara biyya ishee akka hin seenne dhorkuun kan yaadatamuudha.
Oomaar Artaan tapha xumuraa Waancaa moo'aa moo'attootaa Awurooppaa PSG fi Astoon Viilaa gidduutti taphatamu akka taphachiinsan filatamaniiru.
Abbaan murtii kun gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkamuu hordofee wayita gara biyya isaa deebi’an simannaan gootaa taasifameera. Dabalataan namni kun beekamtiin akka addunyaatti qabu dabalaa kan dhufee fi FIFA Irraa doolaara kuma 100 fi lammiileen Somaaliyaa biyya alaa jiraatan ammoo Doolaara kuma 50 walitti qabaniiruufi.

12/06/2026
Kuweet Itoophiyaa dabalatee biyyoota 10 qofaa irraa hojjetaa fudhachuuf karoorsiteWaxabajji 12, 2026 ,Finfinnee!Biyyi Ga...
12/06/2026

Kuweet Itoophiyaa dabalatee biyyoota 10 qofaa irraa hojjetaa fudhachuuf karoorsite

Waxabajji 12, 2026 ,Finfinnee!
Biyyi Galoo Galaana Arabaatti argamtu Kuweet imaammata haaraa sektera kana qajeelchuuf fooyyeffame jalatti biyyoota 10 hojjattoota manaa irraa qaxaruuf mirkaneessite keessatti Itoophiyaan haammatamuun gabaafameera.

Galfi Niwus gabaasa sabaa himaalee naannoo Galoo Galaanaa waabeffachuun akka gabaasetti, Ministeerri Biyya Keessaa Kuweet xalayaa qajeelfamaa hojjattoota manaa qaxaruu biyyoota filataman 10 qofatti daangessu fi biyyoota biroo 27 irraa immoo kan dhowwu baaseera; kunis qaawwa to’annoo fi qajeelfama sektera hojii manaa cimsuuf qaama yaalii taasifamudha.

Qajeelfama kanaan, hojjattoota manaa Itoophiyaa, Ertiriyaa, Afriikaa Kibbaa, Beeniin, Filippiinsi, Sirii Laankaa, Indiyaa, Veetnaam, fi Neepaal irraa qaxaruun ni danda’ama. Seeneegaalis tarree kana keessatti kan hammatamte yoo ta’u, ta’us garuu biyya Afriikaa Dhihaa kana irraa qaxarriin taasifamu dhiira qofatti kan daangeffame ta’u gabaasichi ifoomseera.

Gulf News akka gabaasetti, tarkaanfiin kun kan fudhatame yaada fi xiyyeeffannoo dhaabbatawwan mootummaa hedduu, kanneen akka Ministeera Dhimma Alaa Kuweet, Ministeera Faayyaa, fi Abbaa Taayitaa Humna Namaa Hawaasummaa irraa dhihaate hordofeeti.

Xalayaan qajeelfamaa kun kallaattii bulchiinsa dhimma eyyama jireenyaa fi wiirtuulee tajaajilaa guutuu Kuweet keessa jiranitti kan raabsame yoo ta’u, fooyya’iinsa jalqaba torban kanaa taasifame hordofee hojii irra ooleera, jedha gabaasichi.

Haaluma kanaan, Kuweet biyyoota 27 kanneen akka Keeniyaa, Yugaandaa, Nijeeriyaa, Rwaandaa, Burundii, Angoolaa, Jibuutii, Rippaabliika Demokraatawawa Kongoofi Rippaabliika Kongoo dabalatee biyyoota biroo irraa hojjattoota manaa qaxaruu dhowwiteetti. Akka gabaasichatti, dhowwawwan tokko tokko hojjattoota manaa dhalaaa qofa irratti kan raawwataman yoo ta’u, biyyoota tokko tokko irraa immoo hojjattoota dhiiraa qaxaruun ni eyyamama.

Qajeelfamni fooyya’e kun yaalii Kuweet hojjattoota manaa qaxaruu sirreessuuf, akkasumas to’annoo bulchiinsaa fi agarsiistuu hordoffii sekterichaa keessatti babal’isuuf taasistu keessaa isa tokkodha, jedhee galfi Niwus gabaaseera.

Oduun kun kan dhagaahame, erga Itoophiyaan waliigaltee bulchiisna hojjattoota manaa gama lamaa Adoolessa 2024 labsame jalatti hordoffii godaansa hojii gara Kuweetitti taasifamu cimsuuf tarkaanfii fudhatte bultii waggaa lama boodadha.

Yeroo sanatti, abbootiin taayitaa Itoophiyaa akka ibsanitti, hojjattoonni gara sana deeman osoo hin bobbi’in dura leenjii afamanii, ogummaa, fi qajeelfama aadaa, akkasumas qophii xiinsammuu fi yaadaa akka xumuran ni taasifama.

Waliigalteen kun eegumsa hojjattootaaf abbootii taayitaa Kuweetiin taasifamu kanneen akka wabii kaffaltii mindaa, mirga qunnamtii, eegumsa seeraa falmii hojii irratti uumamu, fi dirqama qaxartuun xalayaa jireenyaa (residency) fi ragaa hojii seeraa qabaachuu dhiheessuuf qabu hammatta.

Taateen dhiyoo kun immoo, waliigaltee hubannoo (MoU) Caamsaa 2024 keessa Itoophiyaa fi Kuweet gidduutti qaxarrii hojjattoota Itoophiyaa mootummaa Galoo galaanaa keessatti mijeessuuf mallatteeffame hordofee kan dhufedha. Akka yeroo sana Addis Standard gabaasetti, waliigalteen kun Ministeera Hojii fi Ogummaa Itoophiyaa, Muferiyaat Kaamil, fi Ambaasaddara Kuweet Itoophiyaatti argaman, Naasiir Haajjii Al-Mudayiriin mallatteeffame.

Waliigalteen hubannoo (MoU) kun kaayyon isaa caasaa seeraa qaxarrii fi qacarii hojjattoota Itoophiyaa Kuweet keessatti bulchu uumuu, mirgaa fi faayidaa isaanii gargar baasuu, akkasumas tumsa hojii biyyoota lameen gidduu jiru cimsuuf kan yaadamedha. Abboomiin taayitaa akka jedhanitti, waliigalteen kun qaxartootaa fi hojjattootaaf adeemsa fi dirqama ifa ta’e kan dhiheessudha.
Maddi :Addis Standard

Address


Telephone

+251986357904

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Iron Pen Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Want your business to be the top-listed media company?

Share