Fayyaa keenya

  • Home
  • Fayyaa keenya

Fayyaa keenya dhimma fayyaa irratti odeefannoo kennuu

21/03/2026

Big shout-out to my newest top fans! Bilisummas Sammuu

21/03/2026

The highest pleasure for the highest number of poeple

Sammuun Keenya Akkuma  Qaamu keenya kamuu Dhukkubsachuuf miidhamuu ni Danda'aFayyaa Sammuu Keenyaa Eeguuf Wantoota Fayya...
11/09/2025

Sammuun Keenya Akkuma Qaamu keenya kamuu Dhukkubsachuuf miidhamuu ni Danda'a
Fayyaa Sammuu Keenyaa Eeguuf Wantoota Fayyaa Sammuu Miidhan Beekun Barbaachisaa dha!
Wantoota muraasa SAMMUU keenya miidhan keessaa:-
1. Ciree Nyaachuu Dhabuu
Yeroo sirriitti ciree hin nyaanne (especially breakfast), gulantaa sukkaaraa dhiigaa gadi bu'uu danda’a. Kunis dadhabina, yeroo hunda gaddaa fi dhiphina sammuu fida.

2. Garmalee Nyaachuu (Overeating)
Nyaata baay'inaan fudhachuun dhiibbaa dhiigaa dabaluun, hojiirra oolmaa oxygen gara sammuu itti fufinsa dhabsiisa. Kun ni dadhabsiisa, yaada namaa laamsheessa.

3. Nyaata Sukkaarummaa Of Keessaa Qaban Baay’isuu
Sukkaarri baay’inaan fudhatamu, gulantaa sukkaaraa ol-kaasa. Kun immoo sammuun akka dadhabu fi yeroo dheeraaf rakkoo sammuuf saaxilamuu ni taasisa (Alzheimer’s fi dementia).

4. Alkoolii Garmalee Dhuguu
Alkooliin xurumba sammuu (neurons) ni miidha, yaada, yaadannoo fi murtii namaa dadhabsiisa. Yeroo dheeraaf dhukkuba sammuu (brain atrophy) fida.

5. Bishaan Gahaa Dhuguu Dhabuu
Haftee qaama keenya keessaa %75 bishaan dha. Bishaan gahaa dhabuun, dhiibbaa dhiigaa gadi buusuun, oxygen gara sammuu gahuu ni hanbisa. Kun dadhabina fi yaada cirachuu fida.

6. Hirriba Gahaa Rafuu Dhabuu
Hirribni yeroo sammuun of haaromsu fi yaadannoo bifa haaraan ijaaruu dha. Yeroo hirriba gahaa dhabnu, hubannoo, yaadannoo fi tasgabbiin ni hir’ata.

7. Boqonnaa (Haara Galfii) Gahaa Dhabuu
Hojii hafuura baafachuu fi ofirraa boqachuu dhabuun, dhiphina sammuu fida. Sammuun yeroo hunda hojii irra oolu ni laamsha’a.

8. Yeroo Rafnu Huccuu Fuula Keenya Irraatti Haguuggachuu
Yeroo fuula haguuggannu, qilleensa keessatti carbondioxide baay'inaan deebifna. Kun oxygen gahaa dhabuun xurumba sammuu miidha.

9. Tamboo, Shiishaa, Kokeenii, Wiidii, Gaanjaa fi kkf Xuuxuu ykn Fayyadamuu
Qorichoota sammuu baddan (neurotoxic substances) fi alkooliiwwan kunneen, xurumba sammuu balleessu, yaadannoo cabsu fi tasgabbii namaa balleessu.

10. Osoo Dhukkubsatanii Hojii Sammuu y

11/09/2025

Happy New Year for All Ethiopians!

15/06/2025
06/06/2025

Eid Mubarek

07/04/2025

Wontoota Araada Namatti Ta’uun Rakkoo Sammuu Fiduu Danda’an:
***************************************************
➢ Dhugaatii alkoolii. Dhugaatiilee nama macheessan (etaanoolii qaban).

➢ Tamboo (nikootiinii).

➢ Hashiishii. Ashiishiin maqaalee adda addaa kan akka (g***a, ma*****na, cannabis, w**d, pot, dope, hash) fa’aan waamama.

➢ Qorichoota hirribaaf, dhiphinna hirdhisuu fi yaaddoo cimaa salphisuuf kennaman (hypnotics, sedatives, anxiolytics)

➢ Qorichoota gartuu opoyidii (opioids) ta’an kan dhukkubbii garmalee cimaa ta’an woyyeessuuf fayyadan, kan biqiltuu abaaboo o***m poppy jedhamu irraa argaman (oomishaman): tramadol, morphine, he**in, pethidine, codeine, methadone, oxycodone, hydrocodone, fi fentanyl fa’a.

➢ Qorichoota miira argaa, dhageettii, fi foolii naannoo san hin jirre tokko namatti uuman (hallucinogens) kan akka L*D, P*P, pe**te, psilocybin jedhaman fa’a.

➢ Kookeenii (co***ne) kan baala kowkah (coca) jedhamu irraa tolfaman ykn argaman.

➢ Bunaa fi wontoota kaafiinii (caffeine) qaban kan biroo.

➢ Wantoota hafuuraan olharganaman (inhalants - inhalers), kanneen akka foolii halluu dibaata manaa (toluene), foolii bobo’aa (beenzilaa, gasoline) ulachuu, halluu qeensaa fi kkf fuunfachuu.

➢ Qorichoota gartuu amphetamine fi biqiltoota uumamaa kan amala amphetamine fakkaatu qaban kan akka jimaa (caatii) fa’adha.
—-
—-
—-
Bu’uura Fayyaa, Fuula 389 fi 390.
Dr. Nuredin Luke

20/06/2024

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Yona Tariku, Mestawet Biru, Tun Tanuma, Gemechu Hordofa, Alex Ali, Fuad Jebel Hassen, Isak Abas, Idiris Ibrahim, Abdallahi Nizaamu, Ajmal Muhammad, Hundaa Teferi, Dabalaa Hoxeesaa, Antof Junta, Ararso Use Dube, Oliyaad Adam, Tefera Kebede, Ganale Wako, Obsii Obsa Barbachiisa, Berhanu Dejene, Ayansa Kitata, Danso Oli, Tashoma Birhanu, AY Jemal, Hawi DW, Tiyuye Tiyuye, Israel Fufa, Beekaam Gadaa, Imaltu Faana Fagoo, Dani Dani, Usmaani Kaamil, Daffar Sima, Gaaddisa Oromiyaa, Madii Jamaal, Usmael Hasen, Gaara Nafuroo, Samuu Mizbahu

22/02/2024

“stroke”n dhukkuba akkamiiti, malattoon isaahoo, akkamiin ofirraa ittisna?

“Stroke” jechuun yeroo seelotni sammuu akka tasaa miidhamaniidha. Kunis kan uumamu yeroo dhiigni gara sammuu deemu akka tasaa addaan chitu ykn irratu seelotni sammuu oksijiinii ykn soorata dhabuudhaan miidhaman ykn du’uu eegalaniidha.

Malattoolee Istirookii
• Haasaa dhadhabuu/ afaan xaxuu
• Waanta namni kan biraa jedhu hubachuu dhadhabuu
• Harkaaf milli gartokkee naafachuu ykn sochoosuu dhadhabuu
• Fuulli walakkaan gartokkotti dabuu
• Qaroon ijaa gartokkoon harguu dhadhabuu
• Mataa dhukkubbii yeroo baayyee karaa qooseen namatti dhagahamuu
• Balaqamsiisuu
• Of walaalchisuu

Mallattooleen chaqasaman kun yeroo baayyee sekoondotaa hanga sa’a muraasaa keessatti uumamu.

Sababa irratti hunda’ee Istirookiin bakka lamatti qoodama

1. “Ischemic stroke”—ujummoon dhiigaa gara sammuu deemu yeroo ugguramu kan uumamu.
2. “Hemorrhagic stroke”-- ujummoon dhiigaa gara sammuu deemu yeroo tatarsa’u kan uumamu.

Bakka lamatti haa qoodaman malee malattooleen isaanii kan walfakaatuudha yaalli isaanii garuu gargar. Adda baafachuuf yaalota hammayyaahaa ta’an kan akka “ Computed Tomography (CT Scan)” ykn “Magnetic Resonance Imaging (MRI)” fayadamuu qabna.

“Ischemic stroke”
Yeroo ujumoon dhiigaa dhiphatu ykn ugguramu uumama. Akka torbe darbe jenne waantoti dhiiga ugguran Kun chooma, koleestirolii fi waantota adda addaa irraa ijaaramuun idda dhiigaa irratti maxananii idda dhiigaa dhiphisu. Walumaa galatti “plaque” jedhamu. “Plaque” Kun idda dhiigaa irraa foxoqee deemuun idda dhiigaa seelii sammuu sooru keessatti suuqamuun dhiigi gara qaama sammuu deemu akka tasaa akka dhaabatu ykn irratu godha.
Qoronnoowwaan bahatti jiran COVID 19 illeen dhukkuba kana fiduu ni danda’a jechaatti jiru.

“Hemorrhagic stroke”
Ujummoon dhiigaa gara sammuu deemu yeroo tatarsa’u kan uumamuu dha.
Ujummoon dhiigaa gara sammuu deemu baayyee qaqallaa fi akka salphaatti tatarsa’uu danda’u. waantota tatarsaasuu danda’an keessaa:
• Dhiiphaa dhi

• Dhiiphaa dhiigaa hin to’atamne
• Qorichoota dhiiga qalisuuf kennaman
• Rukuttaa sammuu
• Kaansarii sammuuf kkf

Waantota Istirookiif nama saaxilan
• Garmalee furdachuu (obesity)
• Hanqina sochii qaamaa
• Dhugaatii
• Dhiiphaa dhiigaa
• Dhukkuba sukkaaraa
• Dhukkuba onnee
• Kurruuffii ujummoo sirna hargansuu chufuu danda’u
• Maatiidhaan kan dadarbu
• COVID 19
• Umurii > 55

Akka biyya keenyaatti namoota Istirookiin hospitaala chiisan keessaa 18% ni du’u, 90% immoo yooma fayyan illee miidhama qaamaa yeroo dheeraa turu godhatu.

Akkamiin ofirraa ittisna

• Umurii >40 ol yoo taane sakkata’insa fayyaa ( checkup) godhachuuf doktora keenyaa wajjin marihachuun barbaachisaadha
• Kolestiroolii fi dhiibbaa dhiigaa ilaalchisuu
• Haala jireenya keenyaa sirreefachuu
• Rakkoon onnee, sukkaaraa fi dhiibbaan dhiigaa yoo jiraate sirriitti yaalamuu
• Istirookiin akka nutti hin dhufneef qorichoota ogeessaan kennaman kan akka aspiriinii osoo addaan hin kutiin fudhachuu

Yeroo baayyee namooti hedduun qoricha dhiibbaa dhiigaa fudhachuu hin barbaadan ykn immoo addaan kutu. “Yoon qoricha fudhe waan natti baruuf hinfudhadhu” jedhu, dogoggora baayyee chimaadha. Kun immoo rakkoo baayyee lubbuu namoota baayyee dabarsuuf sababa guddaadha.

Rakkoon kun yoo isin ykn maatii quunname daftanii mana yalaa dhaquu hin irraanfatinaa. Akkuma daqiiqaan, sa’atiin ykn guyyaan deemeen

rakkoon dabalaa deema.

Waan obsaan dubbiftaniif baayyee galatoomaa

Tarii lubbuu nama tokkoo baraaruu waan dandeessaniif “Like” fi “share” gochuu hin irraanfatinaa.

Dr Yitbarek ( Ispeshaalistii dhibee keessoo)

Address

Telephone

+251917015547

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fayyaa keenya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share