Mia Entertainment

Mia Entertainment Mia Entertainment Dhaabbanni keenya hojii qopheessa sagantaa Miidiyaa, Beeksisa dhaabbiler gara garaafi hojiilee maxxansaa kamuu ni hojjeta

22/10/2025


“Barsiisummaa ogummaawwan hundaaf galtee ta’etu ogummaa nabaadhaase”
- Dargaggoo Abdii Luuccee
*************
Gaazexaa Bariisaa
“Biiftuu jirtu suksuku” jedha Oromoon. Yeroo tokko dargaggeessa tokkotu jijjiramaafi milkaa’ina arguu barbaadee hayyuu kalaqaa Sooqiraaxos gorsa gaaafte.

Sooqiraaxosis maal ta’uu barbaadda? jedhee isa gaafate. Waan jireenyi natti hadhaa’eef jijjiiramuufi milkaa’uun barbaada. Kanaaf nagorsi jedhee irra deddeebbiin rakkisnaan Sooqiraaxosis bor qarqara galaana kanaatti walargina achittin siorsa jedhee beellama qabeefii gaggeesse.

Halkan guutuu hirribni nanqabne jedha dargageessichi; laftis bari’ee gara qarqara galaanichaa dhaqee Sooqiraaxos eeguu jalqabe. Sooqiraaxosis xiqqoo barfatee bakka jedhe sanatti dhufeefii dargaggeessichis ka’ee fuula ifaan isa simate. Sooqiraaxos ijakeessa isa ilaalee jijjiiramtee milkaa’uuf of qopheessitee?jedhee isa gaafate.

Dargaggeessichis eeyyee jedhe. Sooqiraaxos uffata qaamasaatti aanu qofa anbisee irraa hanga jalaatti baafatee tole, atis guutummaa uffatakee baafadhu jedhe dargaggeessichaan. Dargaggeessichis tole jedhee baafate. Milkaa’ina barbaadda mitii jedhee irra deebiin isa gaafate innis eeyyee jedhe sardamee.

Battalumasanatti harka naqabadhu jedhee gara galaanichaatti seene. Bishaan mogolee isaan gahe, ittifufee mudhii isaan gahe osuma gidduutti siqaa deemanii laphee isaan gahe jennaan dargaggeessichi eessa nageessaa jirta yaa Sooqiraaxos nanyaachisuufii jedhee gaafate? Lakki milkaa’uu barbaadda mitii? jedhee ammas irra deebiin isa gaafate.

Eeyyee jennaan, kanaaf nafaana koottu bakka milkaa’inni itti argamu sigeessaan jiraa jedheen. Dargaggeessichis isuma faana miila fuudhaa osoo jiruu danbaliin galaanaa isaan raasuu jalqabe, sodaan isa weeraraan nan deebi’a, natti haahaafu jedhee ija sooqiraaxos keessa ilaale.

Sooqiraaxosis duubatti deebi’uun hindanda’mu jedhee harkisaa walakkaa galaanaan isa gahe. Bishaan isa dhidhimsuu eegallaan dargaggeessichi yoo iyya dhageessisu arkalamaan qabee humnaan bishaanicha keessatti gadi isa xilliqsee irraa fagaate.

Battaluma kanaan darageessichi bitaafi mirgatti harkasaa facaasaa miila raasaa didhima bishaanii keessaa of baasuuf yoo wixxifatu Sooqiraaxos irraa siqee ilaalaa ture.

Duubarra olii gadi harkaraasee futuk jedhee yoo morma baaafatu Sooqiraaxos itti siqee harkasaa qabnaan miira naasuun itti maramee maaf na ajjeesta jedhee gaafate .Sooqiraaxosis si ajjeesuuf miti similkeessuufi sijijjiiruufan gorsaaf sifide.

Battala ani bishaan gadi fagoo keessatti gadi sidarbadhee sirraa fagaadhu harka facaasaa miila raasaa turte maal barbaadda jedhee isa gaafate, dargaggeessichis qilleensan barbaadaa ture jedhee deebiseef.

Bishaan gadi fagoo keessaa qilleensi jiraaree? jennaan, bishaan keessaa harka facaasan, miila raasan bakkeetti bahanii qilleensa argatu kanaafan harka raase futuk jedheenis olba’ee qilleensa argadhe sanaafuu siinis ijaan arguu danda’e jedhee deebiseef.

Egaa milkaa’innis callisaan kan lafarraa waraabamu miti; harkaafi miila raastee dhidhima bisaanii keessaa baatee akkuma qilleensa argatte milkaa’innis humna beekumsaafi dandeettii ofiitti yeroon fayyadamuun jijjiirama dhufu waan ta’eef yeroo keetti kufii ka’ii haalaan fayyadami, nimilkooftaa jedhee gaggeesse.

Dargaggeessichis olii gadi fiigee kufee ka’ee waggoota muraasa booda dureessa ta’e jedhama. Dimmikun maaf ka’e jechuun hinoolu osoo humnaafi ogummaa qabnuu eeggattummaan nurakkisaa jira.

Eeggattummaa jalaa bahuufimmoo isa barataniin qofa osoo hintaane leenjiilee gaggabaaboo fudhachuun of jijjiiruun fala jedha Dargaggoo Abdii Luuccee turtii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen.

Dargaggoo Abdii Luuccee jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’u; jalqaba ogummaa barsiisummaan Kolleejjii Barsiisotaa Fedhii Addaa Sabbataarraa Afaan Oromootiin leenji’ee ogummaa barsiisummaan magaalaa Adaamaa hojjetaa ture.

Duubarra Afaan Ingiliziin Yunivarsiitii Arsiirraa digriisaa argateera. Barnoota Biizinasiin dabalata digrii qaba, kanamalees Biizinas Administireeshiniin digrii 2ffaasaas barateera.

Ogummaa barsiisummaa qofaan jireenyasaa gaggeessuun gahaa waan hintaaneef gara aartiitti goruun Hawwisoo Jiituu Adaamaa, Hawwisoo Odaa Nabee keessa hojjetaa tureera, aalbamii tokkoofi kiliippii sadiis qaba.

Albamnisaa maqaa Booree jedhuun kan Walleewwan Dalloon bahaafi Shaggooyyee dabalatee waliigalaan sirboota 12 baaseera.
Carraa artistoota gara garaa wajjin hojjechuus argateera.

Dargaggoo Abdiin ogummaa aartii kana fedhii isa keessa jiruun kan itti seene yoo ta’u; umrii dargaggummaasaa kanatti fiigee hojjechuu waan qabuuf ofkennee hojjechaa dirree milkaa’inaatti bahuu kanamalees guddina aartiifi muuziqaa Oromookeesstti gaheesaa bahachuuf kutannoon hojjetaa tureera.

Kanaan dargaggummaasaa dabarsuu waan inbarbaanneef kitaabilee gara garaa barreessuun ogbarruu Afaan Oromoo guddisuufis hojjetaa tureera jedha.

Akka ibsasaatti kitaabilee shan barreessee dubbistootaaf kan qaqqabsiise yoo ta’u; Qoraasuma, Imimmaan Hinqoorre, Hora Dhiigaa, Faana Afaan Oromoo, Barruulee Qoraasuma Sirna Gadaa, Siiqqeefi kanneen biroo of keessatti hammateera.

Qoraasumni afoolaafi ogbarruu ofkeessatti hammata, Imimmaan Hinqoorre Jiruufi jireenya hawaas dinagdeefi siyaasa bifa asoosamaan kan keessummeesseedha.

Horri Dhiigaa walaloo kan qabate yoo ta’u; keessumaa taatee Irreecha harsadeerratti jijjiirama dura qaqqabeen kan guutameedha. Kitaabni 4ffaa Faana Afaan Oromoo jedhu Caasluga, Seerlugaafi xinqooqa kan keessummeesse yoo ta’u; Barruun Qoraasumaa duudaa, aadaafi sirnoota Oromoo kan of keessatti ammateedha.

Ogummaan barsiisummaa ka’umsa kan ta’eefii Dargaggoo Abdiin gama biraanis ogeessa biizinasiifi kaameeraas ta’uu kaasa.

Ogummaa harkasaa guutuu qabu kanaan kan mootummaas hojii dhuunfaasaas gaggeessaa jireenyasaa injifachuuf qabsoo taasisaa jiraachuu himee; yeroon itti fiiganii boruuf waa olkeewwatan dhalootaafis waa gumaachanii darbuun dirqama.

Akkuma biiftuu jirtuu suksuku jedhamu dargaggummaa kootti ka’umsakoo ogummaawwan hundaaf haadha ta’e barsiisummaa cinatti harka guutuu hammaarradheen harkatokkoon kan mootummaa harka biraan hojii dhuunfaakoo hojjechaa eeggattummaa seenaa gochaa jira kan jedhe Dargaggoo Abdiin; dhaloonni isarraa barachuu akka qaban kaasa.

Ilmaan Oromoo duudaa, aadaafi sirnoota gadibahanii in mul’anne hedduu qabeenyatti jijjiiruu osoo danda’uu hojiitti hinseeniin jiru. Kun rakkoo guddaa furamuu qabuudha.

Dargaggeessi kamuu kan barateen qofa of jijjiira jedhee taa’ee harka mootummaa eeguun sirrii miti, leenjiiwwan gaggabaaboo jireenyasaanii jijjiiruu danda’u sakatta’uun dinagdeesaanii bayyanachiisuu, eeggattummaa jalaa bahuu qabu.

Umrii daraggummaa fiignee waa qabuu dandeenyutti oliif adi fiignee yoo hin hojjenne alalli keenyas ta’e kan ilmaan keenyaa balaaf waan saaxilamuuf biiftuu jirtu suksukuun fala ta’uu kaasa.

Yeroo qabu aalaan kan itti fayyadamu ta’uu kan kaase daraggoo Abdiin guddina ogbarruu Afaan Oromoorratti gabbifate kana cinatti kitaabilee barreessitoota biroo gulaaluunis nama shoora olaanaa taphataa jiruudha.

Akka ibsasaatti ogummaa ogbarruu horate kana cinatti kitaabilee 15 gulaaluu yoo kaasu; Doktar Zabiibaa Roobaa barreessite 10 keessaa kitaaboota sadii gulaaluun ogeessa maqaa qabuudha. Giraafiiksii kitaabilee gara garaas nan hojjedha, kun hundi bu’aa ogummaan barsiisummaa naaf dhaleedha.

Barsiisonni hedduu ogummaa gadi bahee hinmul’anne qabu. Isaan kunniin haalaan of daangessuu keessaa bahanii ogummaa keessasaanii jiru gadibaasanii ofis jijjiiruu biyyasaaniifis galaa olkaa’uun irraa eegama jedha.

Dargaggoo Abdiin ogummaa barsiisummaa ka’umsa godhatee guddina aartii muuziqaa, ogbarruu, ogummaa kaameeraa, ogeessa miidiyaa, dinagdeefi kanbiroon badhaadhhuu yoo kaasu galii argatu caalaa galaan dhalootaaf olkaa’aa jiru daran kan isa gammachiisu ta’uu kaasa.

Dargagoonni keenya keessumaa ogummaa barsiisummaarra kan jiran bakkawwan hunda ilaalanii hojjechuun qorannoofi qo’annoo gara garaa hojjechuun dinagdeesaanii bayyanachiisuu qabu.

Sadarkaa biyyaattis fudhannee yoo ilaalle ministeeronni aanga’oonni olaanaan qondaaltonni siyaasaa gara garaa ka’umsisaanii barsiisummaadha kan jedhe dargaggoon kun; barsiisonni ogummaan kan badaadhan waan ta’aniif beekumsa of harkaa qaban qabatamaatti jijjiiruun ofis biyyasaaniis jijjiiruu qabu.

Ani ammallee hojiilee ogbarruu hedduu of harkaan qaba. Hawaasatti gadibaasee mul’suufis adeemsarran jira.
Duubarrammoo dhaabbata miidiyaa banadheen ofis biyyakoos dabalataan tajaajluuf qophiittan jira jedha Abdiin.

Walumaagalatti dargaggoonni keenya kan barataniin qofa osoo intaane leenjii ogummaa gaggabaaboo fudhachuun osoo haalotaan hinsakaalamiin qabsaahanii jireenya injifachuu, dinagdeesaanii bayyanachiisuun galgalasaanii bareechuu qabu kan jedhe Dargaggoo Abdiin ilaalchi kan baranneen qofa hojii barbaanna jedhu umrii keenyas beekumsaa keenyas miidhuu waan danda’uuf osoo nutti hinalgalaahiin biiftuu jirtu warraaquun nurraa eegama.

Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 8 Bara 2018

13/05/2025
04/05/2025

Address

Adama

Telephone

+251920391058

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mia Entertainment posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share