22/08/2024
teenya biyyi biyya fakkeessitootan guutamte;
Hoyyaa hoyyee jaalattuudha!
Taateen Gara jab’ummaa kun lameen biyya tokko keessatti kan ta’eedha.
Ji’oota muraasa dura intalli oromoo obboleetin teenya Ayyaantuu mustafaa Miidhaa hamaa gara-jab-ummaa irra ga’een asii-daan fuula isii guutuu gub-attee kan turte, yeroo sanitti
Qaamni mootummaa Kamiyyuu maal taate kan jedhee gaafate hin turre,
dhugaan isii hin qoratamne, namichi isii akkas godhe hin too’atamne! Akka yaalamtuuf iyyamee, Ummata keenyarraa gargaarsi Alaaf keessaa walitti qabameeti kan gara Ameerikaa deemtee yaalamaa jirtu!)
Maarree manni magaalaa finfinnee nama oromootif kennuuf hin malu moo? Isheenis dubartuma mitii? Inumaayyuu kan miidhamte isheedha! Osoo lu-bbuun jirtuu hadhaa sana hunda kan argaa jirtu!
Namitti Goondaritti daa’ima isii miidhaan irra ga’ee duu-te finfinneetti yaamuun fidanii manni kennameef jedhan! Isayyoo baga kannaniif! Bahardaaritti ykn goondar manni hin jiruu laata? Ajab!
Garuu Hojiin Ashqaabaacummaa akkaan nama ajaa’iba’
Ayyaantuu mustafaa gaafa akkas taate sana namni gaafatelleen hin turre! Yaalaaf birrii tokko hin gargaarre!
Finfinneen kan oromootii? Ee maqaadha!
Hibboo dur dhaga’aa turre tokko natti fakkaata!
Wanni marti kan Jaraati!
Jarri sagale guddiftuu media harkaa qabu
waan barbaadan wacanii waccisiisuun harka micciiranii fudhatu!
Dhugaan dhugaadha!