Dambalii Sagalee haqaa

Dambalii Sagalee haqaa Follow

Eebla 15 Guyyaa gootota Oromoo.
15/04/2025

Eebla 15

Guyyaa gootota Oromoo.

  Dendea AredoQoosaa fi Dhugaa //ቀልድና እዉነትአንድ ወቅት የሊቢያዋ ትሪፖሊ እጅግ ዉብ ከተማ ነበረች::  ኮሎኔል ጋዳፊም ጭብጨባ የበዛላቸዉ  ስልጣን ወዳድ ነበሩ:: ዛሬ...
03/02/2025

Dendea Aredo

Qoosaa fi Dhugaa //ቀልድና እዉነት

አንድ ወቅት የሊቢያዋ ትሪፖሊ እጅግ ዉብ ከተማ ነበረች:: ኮሎኔል ጋዳፊም ጭብጨባ የበዛላቸዉ ስልጣን ወዳድ ነበሩ:: ዛሬ ግን ያ የትሪፖሊ ዉበትና የኮሎኔሉ አጀብ የሉም:: መሰረታዊዉ ጉዳይ አስተማማኝና ዘላቂ ሰላም እንጂ ብልጭልጭ የመንገድ ላይ መብራት አለመሆኑን ይህ ታሪክ ያሳያል:: ለቀጣዩ ትዉልድ መስራትም የራስን ዉሸት አምኖ በከንቱ መፎከር ሳይሆን እንደስምቦ ብርሃኑ ያሉ ህፃናት ተምረዉ በነፃነት የሚያድጉበትን ሰላማዊ ሀገር መፍጠር እንደሆነ ልብ ያለዉ ልብ ይለዋል!

Al-tokko Tiriippooliin Liibiyaa magaalaa akkaan bareeda turte. Koloneel Gaadaafinis daran faarfamaa fi aango-jaalataa ture. Hardha garuu miidhagi Tiriippoolii fi faaruun koloneelichaa hin jiran. Dubbii ijoon nagaa amansiisaa fi waaraa malee ifaa karaa irraa calaqqisu akka hin tahin seenaan kun ni agarsiisa. Dhaloota dhufuuf hojjatuunis kijiba ofii amananii bilaasha dhaadatuu otoo hin taane biyya nagaa daa’imman akka Simboo Biraanuu bilisummaan itti barataa guddatan uumuu ta’uu qalbi-qabeessi ni qalbisa!

  Team Dambalii Sagalee Haqaa qorannoo Bulchaa Ganda Kaarraa Talkoo Obbo Taha Abbamacha irratti gaggeesseen matta'aa (Gu...
12/09/2024



Team Dambalii Sagalee Haqaa qorannoo Bulchaa Ganda Kaarraa Talkoo Obbo Taha Abbamacha irratti gaggeesseen matta'aa (Gubboo) fudhachuurraa bilisa! dubartoota sagaagaluurraa bilisa! naamusaan uummata ofitti qabanii keessummeessuun jaallatamaa akka ta'aniifi nama fakkeessuun osoo hin taane garaadhaan uummata isaanii tajaajiluuf halkanii fi guyyaa hojjetaa jiran sirriitti qoratamanii shakuwaa kaabinee baranaa irraa bilisa bahaniiru! Galatoomaa jennaan! isinimmoo baga gammaddan naa jedhaanii!dhaamsi an isaanii qabu amala gaariitu dafee hin darbu malee amalli ajaan daftee namatti darbiti! kaabinoota hattootarraa of eeggadhaa! hattee dhuftee akka isinittis dibdee afaan isin hin qabnen isiniin jedha! rabbis isin haa Eegu!kabajaa guddaa qabdu uummata keessan biraa! kan jara kaanii booxxoon jaraa baayyeedha! saaxilli jaraa akka itti aanutti itti fufa! hunduu ragaa waliin!😎

 Kellaa Fayyaa dhaloota 2ffaa Ganda   Kellaan fayyaa kun erga ijaaramee hojii jalqabee reefuma waggaa tokkoo ol lakkoofs...
03/09/2024


Kellaa Fayyaa dhaloota 2ffaa Ganda
Kellaan fayyaa kun erga ijaaramee hojii jalqabee reefuma waggaa tokkoo ol lakkoofsiseera.
Gandoolee naannoo sana jiranuuf tajaajila nii kennama jedhamee yaadamus
Rakkoo hamaaf saaxilamaa jira.

Rakkoolee tajaajila kanneen akka qorichaa, ibsaafii dhiyeessiilee garaagaraan qoramaa jira
Ojjetoonnis hojii gadhiisanii ba'aa jiru sababni isaas qarshii mootummaan nuuf kaffalu irraa Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Cooraa Botor kan ta'e Obbo jedhamu qarshii kuma tokko tokko miindaa keenya irraa kutatee kan ji'a 6 qofa nuuf galchee ture amma garuu waan tokko nuuf galchaa hin jiru waan ta'eef hin hojjannu jechaa jiru.
Dabalataan waa'ee tiraanisfoormarii kellaa fayyaa dhaloota lammaffaa gandichaatif jedhamee qarshiin kumni dhibbi tokko maddabamee ykn kennamee ture akka miilla achi buutee isaa dhabamsisee jira jedhu maddeen keenya.
Kanaaf Hoggansi Aanichaa dhuguuma biyyaaf hojjataa jirtu yoo ta'e dhimma kana gadi fageenyaan ilaalaa jechuu barbaada..

"Godina Harargee Bahaatti himatamaan yakka gudeeddii daa'ima umurii 3-4 gidduu taatu irratti raawwate hidhaa cimaa wagga...
22/08/2024

"Godina Harargee Bahaatti himatamaan yakka gudeeddii daa'ima umurii 3-4 gidduu taatu irratti raawwate hidhaa cimaa waggaa 16 adabame

Woggaa 16 hidhaa cimaa jettaniiree Daa’ima kichuu cittee 🥹

Prime Rimas

teenya biyyi biyya fakkeessitootan guutamte;Hoyyaa hoyyee  jaalattuudha! Taateen Gara jab’ummaa kun lameen biyya tokko k...
22/08/2024

teenya biyyi biyya fakkeessitootan guutamte;
Hoyyaa hoyyee jaalattuudha!

Taateen Gara jab’ummaa kun lameen biyya tokko keessatti kan ta’eedha.

Ji’oota muraasa dura intalli oromoo obboleetin teenya Ayyaantuu mustafaa Miidhaa hamaa gara-jab-ummaa irra ga’een asii-daan fuula isii guutuu gub-attee kan turte, yeroo sanitti
Qaamni mootummaa Kamiyyuu maal taate kan jedhee gaafate hin turre,

dhugaan isii hin qoratamne, namichi isii akkas godhe hin too’atamne! Akka yaalamtuuf iyyamee, Ummata keenyarraa gargaarsi Alaaf keessaa walitti qabameeti kan gara Ameerikaa deemtee yaalamaa jirtu!)

Maarree manni magaalaa finfinnee nama oromootif kennuuf hin malu moo? Isheenis dubartuma mitii? Inumaayyuu kan miidhamte isheedha! Osoo lu-bbuun jirtuu hadhaa sana hunda kan argaa jirtu!

Namitti Goondaritti daa’ima isii miidhaan irra ga’ee duu-te finfinneetti yaamuun fidanii manni kennameef jedhan! Isayyoo baga kannaniif! Bahardaaritti ykn goondar manni hin jiruu laata? Ajab!

Garuu Hojiin Ashqaabaacummaa akkaan nama ajaa’iba’

Ayyaantuu mustafaa gaafa akkas taate sana namni gaafatelleen hin turre! Yaalaaf birrii tokko hin gargaarre!

Finfinneen kan oromootii? Ee maqaadha!
Hibboo dur dhaga’aa turre tokko natti fakkaata!

Wanni marti kan Jaraati!
Jarri sagale guddiftuu media harkaa qabu
waan barbaadan wacanii waccisiisuun harka micciiranii fudhatu!

Dhugaan dhugaadha!

Humnonni Raashiyaa Magaalota Yukireen deebisee toowwachuu ibse.…Mootummaan Raashiyaa woraana Yukireen woliin bara 2021 e...
21/08/2024

Humnonni Raashiyaa Magaalota Yukireen deebisee toowwachuu ibse.

Mootummaan Raashiyaa woraana Yukireen woliin bara 2021 eegaleen injifannoo galmeessuun kutaalee Yukireenii harkatti galfatee turulle, Yukireen dhiyeenna kana daangaa Raashiyaa cabsitee seenuun humnoota Raashiyaarraa dhukkee kaasuun ni yaadatamaa.

Yukireen daangaa Raashiyaa KM 30 cabsitee seenuu kan amane Vilaadmir puutiin Woraanaa isaa cimsuun daangaalee Yukireen toowwatte bira darbuun daangaa bulchiinsaa Yukireenii Magaalaa New York jedhamtu toowwachuu himeera.

Ministirri Ittisaa Raashiyaa ibsa kenneen Tarkaanfii Laalessaa loltoonni Raashiyaa qaamota woraana Yukireeniirratti gaggeesseen loltoonni hedduun ijjeefamuufi Magaalonni Yukireenii toowwatamanii turan ka akka Noviroogorodiskooyee Humnoota Raashiyaatiin toowwatamuu himaniiru.

Raashiyaa guyyaa Tokko dura Magaalota toowaannoo of jalatti deebiste tana qabachuuf jiraattoonni Magaalicha Yeroo gabaabaa keessatti gad lakkisanii Akka bahan ajajuun ni yaadatamaa.

Guyya: 21/8/2024
Aljazera Odeeffanne

Naannoo Gambeellaa pireezidaantii haaraa muudatte!!Aadde Alamituu Umuud pireezidaantii naannoo Gambeellaa taatee muudamt...
15/08/2024

Naannoo Gambeellaa pireezidaantii haaraa muudatte!!

Aadde Alamituu Umuud pireezidaantii naannoo Gambeellaa taatee muudamtee jirti.

Pireezidaantii naannichaa kan turan Umuud Ujuluu woggaa jahan ofii fixatee aangoo gadi dhiiseera.

Haaluma kanaan aadde Alamituu Umuud Pireezidaantii naannoo Gambeellaa tolchanii gara aangoo fudaniiru.

Magaalaa Finfinneetti namni dhuunfaa daandii misooma kooridarii irratti haftuu tamboo gate qarshii kuma 2 adabame.Akkas ...
13/08/2024

Magaalaa Finfinneetti namni dhuunfaa daandii misooma kooridarii irratti haftuu tamboo gate qarshii kuma 2 adabame.
Akkas kunoo! Adabbii malee namni tasuma hin dhagahu!
Yaaddeettaa waan cimaa kana caalu otoo gattee meeqa akka ta'u!👌

10/08/2024

"OROMOO malee Itoophiyaan Gaagura duwwaadha!" Dr.Gemechu Megarsa

Xinxalaa Siyaasa Gaanfa Afrikaa   har’a fiigicha maraatoonii guyyaa har'aa irratti qaaman Paarisitti argamuun daawwateer...
10/08/2024

Xinxalaa Siyaasa Gaanfa Afrikaa har’a fiigicha maraatoonii guyyaa har'aa irratti qaaman Paarisitti argamuun daawwateera.
Namni kun ayyaantummaa qaba fakkaataa guyyaa jalqabaa inni Paarisitti hirmaaten warqeen jalqabaa argame. Tarsiimoo wayyaanee ittiin injifanne boccee Taammiraatif fidde moo? Baga gammadde jabaa ilmaa sabaa Baguma keenya taatee!

Meetira 10,000 dubartootaanis hin milkoofne.✍️Olompikii Paariis 2024 fiigicha meetira 10,000 dubartootaan atileetotni ke...
09/08/2024

Meetira 10,000 dubartootaanis hin milkoofne.

✍️Olompikii Paariis 2024 fiigicha meetira 10,000 dubartootaan atileetotni keenya hin milkoofne.Dorgommichaan atileetiin Keeniyaa Baatirist Cheebeet meedaaliyaa warqee argattee jirti.Cheebeet meetira 5000 fi 10,000 meedaaliyaa Warqee argatteetti.
Atileet Siifan Hasan immoo sadarkaa 3ffaa'n xumuruun meedaaliyaa naasa argattee jirti.

??t.me/T_ispoortii

Address

Arjo
Welega

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dambalii Sagalee haqaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dambalii Sagalee haqaa:

Share