Thomi Belete

Thomi Belete NAMNI NAMA CABSA!

HIN GAABBU Book launch by Jawar MohammedNAIROBI, KENYATHURSDAYDECEMBER 19, 2024
11/12/2024

HIN GAABBU

Book launch by Jawar Mohammed

NAIROBI, KENYA
THURSDAY
DECEMBER 19, 2024

31/10/2024

Askutii😁

❤️✍️ Ani silaa hin qabu firaKan waamnaan naaf owwaatuSi qofatu tasgabbeessaKeessi koo yoo watwaatu.
09/10/2024

❤️✍️ Ani silaa hin qabu fira
Kan waamnaan naaf owwaatu
Si qofatu tasgabbeessa
Keessi koo yoo watwaatu.

14/09/2024

በቃ በሉ
በቃ ይብቃ በሉ

20/07/2024

I can do all things through Christ who gives me strength.
Philippians 4:13

Qulqulluu Yohaannis abbaa Wangeelaa fi Ergamaa Waaqayyoo: Qulqulluun Yohaannis Kan waamamees bara dargagummaa isaatti, w...
10/07/2024

Qulqulluu Yohaannis abbaa Wangeelaa fi Ergamaa Waaqayyoo:

Qulqulluun Yohaannis Kan waamamees bara dargagummaa isaatti, waan ta'eef qeerrummaadhaan duuka bu'aa jiraachaa tureedha. Erga guyyaa fannifamuu Gooftaa keenya gidiraa Gooftaa keenya irra gahe hanga Qaaraniyootti waan ta'e waan argeef guyyaa tokko illee kolfee hin beeku. Fuulli isaa bara jireenya isaa guutuu kan gaddaan guutameedha. Bifti fuula ifuu fi kolfuuf ilkaan isaa ifee kan hin beeknedha. Guyyaa tokko garuu gar malee laphee isaan kolfeerra. Kunis namichi tokko uffata haaraa bitee hodhisifachuuf nama uffata hodhuuf wajjin gatii akka hirisuuf wal mormu arge. Ergamaan Waaqayyoos Qulqulluu Yohaannisitti siiqe, namichi kun boru ni du'a jedhee itti hime. Qulqulluun Yohaannis kana dhaga'ee hojii namichaa wajjin wal bira qabee baay'ee kolfe. Har'a du'aa keenya osoo hin yaadin manaaf, nyaataaf, uffataaf, konkolataaf, inveesteera ta'uuf addunyaa wajjin wal mormina. Maal beekna wanta fedha keenyaa sana guutuu borumti sana yoo du'aan waamamne beeknaa? duutti nu fudhachuuf osoo nu bira dhabbattuu, nutti garuu gammachuuf, cubbuudhaaf kan sa'aatii boodaa ykn boruuf haala mijjeesina. Waaqayyoo laphee yeroo hunda isa wajjin jiraachuu yaadannu nu haa taasisu.
Sugni fi eebbi Qulqulluu Yohaannis hunda keenya wajjin haa ta'u.ameen!

Addunyaa kana kan Moo'atuu amantii keenyadha.1Yoh.5፥4Gaafa amantii guutuu qabaannu Gabri'eel balali'ee gara keenya ni dh...
26/06/2024

Addunyaa kana kan Moo'atuu amantii keenyadha.
1Yoh.5፥4

Gaafa amantii guutuu qabaannu Gabri'eel balali'ee gara keenya ni dhufa
abiddi nuratti boba'us ni dhaama.
Dan.9፥21
Dan.3፥27

Nutis abidda boba'u gidduu dabarree jireenyatti ni ceena.
Far.66፥12

Akkaataa kanaan namootni danuun amantiidhaan ta'anii afaan leencaa hidhaniiru,
humna abiddaas dhaamsaniiru.
Ibr.11፥34

Warri waa'een amantii Isiniif hin galle koottaa!
Qiirqoosiif Iyyeluuxaa irraa baradhaa!

Warri eebba isaan irraa argamutti amantanii jirtaniif Ammoo
!
Page koo kana Follow naaf taasisaa

Biyyakoo qallitti ishee caakkaan duubaaKan siif yaadu dhabde waa'eenkee na gubaEenyuree iyyakee namni siif birmatuYeroo ...
24/06/2024

Biyyakoo qallitti ishee caakkaan duubaa
Kan siif yaadu dhabde waa'eenkee na guba

Eenyuree iyyakee namni siif birmatu
Yeroo at waammatu kan dafee owwaatu

Silaa qabda ijoollee kan ofii guddifte
Kaasuu keetti baattee kan harma hoosifte
Guddifachuuf jettee gaaraaf dachaa baatee
Inni yeroo rakkoo waamtee beela baafte
Har'a maalumaaf si jalaa dhokate

Rakkinni kee 100 wanti gad si qabe
Wanti biyyaaf guute maaltu si qaqqabe
Network fi ibsaan,daandii konkolaataa
Kan inni siif guutu guyyaansaa yoom laata

Har'a kan ilaalee eenyuree namni siif birmatu
Na waamte siin jedhee kan dafee owwaatu

Abboitiin qabeenyaa kan lubbuun jirtan
Hojiii mootumaa keessaa warri hojjettan
Dhiibbaa uumuufis iddo kan qabdan
Biyyota baar gamaatti kan achi ceetan
Waa'ee biyyatti sanaa utuu itti yaaddanii
Silaa waa'ee keessan ni hima bubblee seenaan😥😥😥😥😥😥😥😥😥
===============================
Yaadannoo namoota har'a karaa garjeedaatti balaa konkolaataatiin lubbun isaanii darbeef Haa ta'u.
Waxabajjii 17/2024

"Thomi Belete"

22/06/2024


( )
.

"Kunoo isa Abbaan koo isin abdachiise isiniif nan erga. garuu humna isa samii irraa (Afuura Qulqullluu) hanga argattanutti magaala iyyeruusaalem turaa"
24:49-50

➤Galatni maqaa isaatiif ulfinnis teessoo isaatiif ha ta'u gooftaan keenya iyyesuus kiristoos man'dhee du'aa moo'ee erga ka'ee guyyaa 50'ffaatti Afuura Qulqulluu duuka buutota isaatiif erguu isaa sababeeffachuun akka mana kiristaana Ortoodoksi Tewaahidootti Kan kabajamuu Ayyaana (Ayyaana ) jedhamee beekama.

➤Pharaaqilixoosii jechuun cinaa kan dhaabbatu, kan jajjabeessuu fi kan nama gargaaru jechuudha. Kunis guyyaa kanatti duuka buutotni gooftaa kan jara jajjabeessuu fi fuula ormootaa duratti gooftaaf dhugaa akka ba'an kan jara gargaaru Afuura Qulqulluu waan argataniif moggaasa maqaa kana argate.

➤Pheenxeqoostee jechuun Afaan Giriikiitiin shantamaffaa (50ffaa) jechuudha. gooftaan du'a moo'ee ka'ee gaafa guyyaa 50ffaa Afuura Qulqulluu maatiiwwan 120 'f (duuka buutota) isaaf waan ergeef maqaa kana argate.
👉Maatii 120 jechuunis Duuka bu'oota (ሐዋርያት) 12 + Gargaartota (አርድእት) 72 + Dubartoota qukqulloota (ቅዱሳት አንስት) 36 dha.

➤Gooftaan duuka bu'oota isaatiin hanga Afuura Qulqulluu isiniif ergutti magaalaa iyyeruusaalem keessa turaa! jedhee abboomeenii akkuma turetti maatii Iyyesuus 120 'n kan jedhamanu kun mana haadha maarqoos isa duuka bu'aa Gooftaa, "Maariyaam" jedhamtuutti balbala cufatanii laphee tokkoon jaraa waaqayyoon kadhatu Gooftaan Du'aa ka'ee guyyaa 50ffaatti, Samiitti ol bahee guyyaa 10ffaatti Dilbata ganama sa'aatii 3:00tti Afuurri Qulqulluun mana jarri keessa jiran guute; tokkoon tokkoon jaraarras akkaataa kennaa jaraatiin irra bu'e. Hafuurri Qulqulluun kunis bifa abiddaatiin bu'eef.
2:1-5
👉Abiddi dheedhii bilcheessa; laafaa jabeessa🙏

➤...... itti fufa!

10/04/2024

Akkanatti Wangeela Lallabuun, Mana Kiristaanaa Galma galgalaa kan taate cinaa dhaabachuun!

👉 Akkuma Beekkamu Yaa'iin Afuuraa kun karaa tokkoon wangeela lallabuuf gara biraan immoo mana Kiristaanaa ijaarramaa jirtu kana utubuufidha.
↘ Kanuma hubachuun obboleessi keenya biyya Hambaa jiraatu tokko uummanni Yaa'ii Afuuraa kanarratti argamuun yoo Qarshii 10 kanne anis 10 nan kenna, yoo 1000 kennes anis 1000 nan kenna jedheera. Kana jechuun uummanni kun wangeela baratee walii gala Qarshii 500,000 yoo walitti qabate inni immoo 500,000 dabaluun miliyoona tokko(1,000,000) taasisa jechuudha.

Dhugumatti Waaqayyo bara isaa nuuf haa eebbisu!
🙏 gochuun uummata hunda qaqqabsiisaa.

Nagaan hundumaaf🙏

10/04/2024

Addunyaan namoota yaada lama qabaniif hin mijattu.

Address

Dembi Dolo
Welega

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Thomi Belete posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share