Dhugaan yoom galti

Dhugaan yoom galti MOTI IS A STUDENT OF MEDICINE

28/11/2023



Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoottan 20 yoo dabru miidhaan qaamaa cimaan 18fi salphaan 14 irra ga'eera.

Balaan kun konkolaataa deddeebisa ummataa FSR jedhamu Magaala Miillammiirraa gara ganda Waayyuutti imalaa osoo jiruu ture eddoo tarbee meexii jedhamutti daandiirraa bahuun kan uumame .blaa tasa kanaaf firottan lubuun isaan darbeef jajjabina hawwin.

Jirtuu?
17/08/2023

Jirtuu?

Barsiisoonni keenya Yuuniversiiti naannoo Amaaratti qorumsaa barattoota kutaa 12ffaan qoruuf deeman iddoo adda addatti h...
04/08/2023

Barsiisoonni keenya Yuuniversiiti naannoo Amaaratti qorumsaa barattoota kutaa 12ffaan qoruuf deeman iddoo adda addatti hugguramanii jiru.Mootummaan Federaalaa waan kana xiyyeeffannoo keessa galchee nageenya barsiisota keenya Oromiyaarra garas imalan kana eeguu qaba.

Hanga yoonaa barsiisan Abbabaa Taddasaa jedhamu jarreen Fannoo jedhamtu kanaan waregamuu isa dhageenye.Warra kaanifis yaaddoo keessa jirra.

Warri dhageettii qabdan barsiisota keenyaf sagalee ta'aa!

04/08/2023

Ayii dachee kana dhugaas namas jiraan nu dhossitee jirti.

Namoota jiraadhan achi buuteen isaani dhabame keessa muraasa
1 Jaal Nadhii Gamadaa
2 Jaal Baqqalaa Dawwaanoo
3 Hayyuu Dabbasoo Guyyoo
4 Jaal Lammeessa Boruu
5 Jaal Yooseef Bantii
6 Barsiisaa Kabbadaa Hurrisoo
7 Jaal Barooda
Eessuma jirtu laata saba keessanif jettanii mana baatani hin deebi'iin haftan

02/08/2023
“Ogummaa koon uummata koo osoon tajaajilaa jiruun dhibee hamtuuf saaxilamee yaa uummata koo naaf birmadhaa waaqaa gaditt...
02/08/2023

“Ogummaa koon uummata koo osoon tajaajilaa jiruun dhibee hamtuuf saaxilamee yaa uummata koo naaf birmadhaa waaqaa gaditti lubbuu koo oolchaa ” jedha Dargaggeessi abdii dhalootaa ta’e Dr Dureessaa Tarfaa.

Dr Dureessaan ogommaa fayyaan uummata isaa tajaajilaa osoo jiruu dhibee Kaanserii lafeen qabamee biyya keessatti yeroo dheeraaf yaalamaa turee yaala biyya keessaan fayyuu akka hin dandeenye fi biyya alaatti deemee akka yaalamuu qabu ragaan mana yaalaa ni ibsa.

Dr Dureessaan yaala biyya alaaf baasii guddaa waan isa barbaachisuuf “Yaa uummata koo ani obboleessi keessan, ani, ani ilmi keessan osoon isin qabuu abjuun koo baroota dheeraa karaatti akka na jalaa hin hafne, ani kaayyoon koo kan umrii koo haga har’aa itti dadhabe baradhee ogummaa kootin fayyaa uummata koo eeguu ture har’a siree irratti hafeen gargaarsa keessan gaafachaa jira.

“Arjummaa fi aantummaa keessan barameen Waan humna keessaniin na cinaa dhaabbadhaa na yaalchisaa abjuu koo karaa irraa goree jiru karaatti naaf deebisaa” jedha Dargaggeessi Oromoo Dr Dureessaa Tarfaa.

Nama gargaaruuf nama ta’uun gahaadha!

Yaa uummata koo! deeggarsii erga walitti qabamuu jalqabee bubbuulee jira, haa ta'u malee baasii yaalaf isa barbaachisu gahaa argachuu hin dandeenye.

“Namoonni haga ammaa waan dandeessaniin na cinaa dhaabbachaa jirtan galatoomaa, bara keessan guutuu fayyaas ajummaas hin dhabinaa,
Hin dhibaminaa, namnis isin jalaa hin dhibamin hin rakkatin.
Yoo gargaarsa maallaqaa hin dandeenye share gootanii nama gargaaruu danda’u biraan waan geessaniif isinis na yaalchifattaniittu aantummaa keessaniif galatoomaa” isiniin jedha Dr Dureessaa Tarfaa.

Odeeffannoo dabalataa fi dhugummaa isa mirkaaneefachuuf ragaa mana yaalaa dubbisuun ni danda'ama!

Dr Dureessaa Tarfaa 0910339844 0908040348 Getachew Girma

Bankii daldaala: 1000136089327 (Dureessaa Tarfaa Ejeeta)
Bankii Awaash: 013201159260401 (Dr Dureessaa Tarfaa Ejeeta)
Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaa: 1058800004097 (Dr Dureessaa

Address

Sire
Welega

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhugaan yoom galti posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share