07/01/2024
Ergaa Baga Nagaan Geessanii
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
Mudde 27, 2016 Hooganaan W/ra Qonna G/W/Bahaa obbo Asfaw Hambisaa Hordoftoota Amantii Kiristaanaa Hundaan Baga Ayyaana Qillee (guyyaa yaadannoo dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos) nagaan geessan" jedhan.
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
Ayyaanni Qillee kan nagaa, kan fayyaa, kan gammachuu, kan jaalalaafi kan obbolummaa akka ta'u hawwii gaarii qaban Obbo Asfaw ibsaniiru.
Ayyaanni Qillee hordoftoota Amantii Kiristaanaa biratti guyyaa yaadannoo dhalachuu Yesuus Kiristoos ta'ee kan kabajamuufi akka fakkeenya nagaa, dhiifamaafi araaraa ta'ee kan yaadatamu ta'uu isaa barsiifanni amantichaa kan ibsudha.
Akkasumas, ayyaana yaadannoo guyyaa dhalachuu Gooftaa Keenya Iyessuus Kiristoos yeroo kabajnu barsiisa Amantii Kiristaanaa bu’uureffachuun aadaafi duudhaa wal gargaaruu qabnu gabbisuun harka qalleeyyii gargaaruu, kan beela'e nyaachisuun beela baasuufi kan daare uwwisuun daara baasuun kabajuun barbaachisaadha.
Akkuma beekamu imala badhaadhina maatiifi waloo akka Godina keenyaatti eegalame mirkaneessuuf bara bajataa 2016tti karoorri xiiqii karoorfamee hojiitti galamee jiru milkeessuuf humnoota Waloon hojjachuun murteessaa dha jedhan.
Kanaafuu, hordoftoonni amantii Kiristaanaafi jiraattoonni Godina keenya hojii misooma fi nageenyaa eegalame itti fufsiisuun galma badhaadhina hunda galeessa, nagaa waaraa mirkaneessuu;
ijaarsa biyya sabdaneessaa fi sirna diimokiraasii, kenninsa tajaajilaa ammayyeessuu fi fooyyessuun rakkoo bulchiinsa gaarii maksuun fayyadamummaa fi hirmaannaan uummataa akka mirkanaa'uuf keesumaa Q/bn keenya misooma isaatti cimee jiruu fi jireenya isaa jijjiiratee Gara badhaadhinaatti akka cehuuf W/ra Qonnaa Godinichaa waliin ta'uun gahee keessan bahuu akka qabdan obbo Asfaw Hambisaa dhaamaniiru.
Xumurattis, Ayyaanichi kan milkii, kan nageenyaa, kan jaalalaa ,tokkummaa fi kan badhaadhinni hunda galeessa ta'e itti mirkanaa'u akka isiniif ta'u hawwaaii qaban ibsaniiru.
🎄🎄AYYAANA GAARII🎄🎄