28/06/2026
✍ Sanee Golgotaa (Waxabajjii 21)
➥Sanee Golgootaa kan jedhameef haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin,Ergaa Gooftaan keenya du'a mo’ee ol ba'ee,iddoo Awwaala isaa Golgootaa jedhamuu ganamaaf,galgala deemtee Waaqayyoon kadhachaa turte .
kadhannaan ishees cubbamtoota akka Ilmi ishee fayyisuuf ture.
yeroo kanaas Ilmii ishee Goftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Qulqulloota isaa wajjin samii irraa gadi-bu'ee fedhiin harmee isa maal akka ta'ee gaafatee waadaa seeneef
Waadaa inni seenee kunis ፦...
➦Maqaa keetiin nama naa kadhate,
➦Nama beela'e kan beela basee,
➦kan dheebote kan dheebuu basee,
➦kan daare kan uwwisee fi kkf kan godhe sif nan Fayisaa jedhee waadaa seeneef .
Akkuma Dawwit dubbate--
"kanaan filadhe waliin waadaa seeneera" .(Far 89:3)
➥Eega Walumaa galatti Waxxabajjii 21 guyyaa itti Gooftaan keenya hadhaa isaa dubroo Maariyaamiifi_waadaa itti seeneedha .
➥Guyyaa Gooftaan keenya Mana Qulqullummaa itti Eebbise dha.!
" Mana Qulqullummaa isaa Iddoowwan Ol-ka’ootti ni ijaare.(Far 77፥69)
Waxabajjii gafaa 20 guyyaa itti Goftaan keenya dhagaa sadii irra mana Qulqullummaa ijaruun, Waxabajjii gafaa 21 immoo guyyaa inni itti Eebbisee, bartoota isaaf qurbaana laateefidha.
➥Guyyaa kanaa(Waxabajjii_21) Goftaan keenya hadhaa isaa Taabota taasise ofii isa luba tokkoffaa ta'ee,luba lammaffaa immoo Pheexiroosiin taasise,Isxifaanosiin Daaqunii tokkoffaa taasise manicha Eebbisuun qurbaana isaaniif latee.
Mana Qulqullummaa sanas maqaa Giiftii keenya Dubroo Maariyaamiin yaadannoo ishee taasise.
" Maqaa bara baraan hin badne dallaa mana kooti keessatti seenaa isan ittiin yadataman isiniifa nan kennaa("Isay 56 ፥5 )
🌷🌷🌷Araarsummaa fi kadhanni ishee hunduma keenya waliin yaa tahu.Ameen