Waldaa G/W Heenachee Lakk.1

Waldaa G/W Heenachee Lakk.1 GooftaaYesuus Hundee Waldaa Kiristaana

Sidha Mataan Waldaa Kakuu Haaraa ✝️🙏

06/04/2025

Inni nu wajjin jiru
hundumaarra caala

03/03/2025

Ulfaadhu Waaqakoo
Ulfaadhu Yesuuskoo
Na waajjinin turte
Yemmutti qobaakoo

16/02/2025

“Warri maqaa kootiin waamaman hundinuu, warri ani ulfina kootiif uummadhe, warri ani tolchee bifa itti godhe haa dhufan!" jedhe.”
— Isa. 43:7

15/02/2025

“Yesus Kristos kaleessa isuma ture, har'as bara baraanis isuma sana !”
— Ibr. 13:8

15/02/2025

God is my strength

Amen ✝️🙏

14/02/2025

“Kaan konkolaataadhaan, kaan immoo fardeeniin of jaju; nuyi garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa keenyaan of in jajanna.”
— Far. 20:7

Oromedia, 22 Waxabajjii 2014) Luba Guddinaa Tumsaan bara 1929 Wallagga keessatti iddoo Boojjii jedhamutti dhalatan. Luba...
13/02/2025

Oromedia, 22 Waxabajjii 2014) Luba Guddinaa Tumsaan bara 1929 Wallagga keessatti iddoo Boojjii jedhamutti dhalatan. Luba Guddinaan obboleessa waa’ee Oromootif wareegame Baaroo Tumsaa jedhamu qabu.

Waldaan Makaana Yesuusii dandeettii geggeessummaa fi beekumsa obbo Guddinaa waan hubatteef, bara 1963tti gara Ameerikaa deemanii Luter Tiyoolojikaal Seminaari (Luther Theological Seminary)tti tiyooloojii akka baratan goote. Ijoollee isaanii shananii fi haadha manaa isaanii Itoophiyaatti dhiisanii 1963 amma 1966tti achitti barumsarra turan. Yeroo barumsa xumuran baachiler digirii diviiniitii (bachelor’s degree in divinity (B.D.)) fudhatan.

Erga barumsa isaanii xumuranii booda, Luba Guddinaan gara Itoophiyaatti deebi’an. Akkuma deebi’aniin Jeneraal Sekreeterii (Dura ta’aa) Waldaa Makaana Yesuusii Itoophiyaa ta’anii muudaman. Bara 1966 kaase hanga 1979 ajjeefamanitti jeneraal sekreterii ta’anii tajaajilaa turan.

Geggeessummaan isaanii waldaan Wangeela, kabaja ilma namaa(human diginity) fi walqixxummaa sabaa (social justice) irratti akka xiyyeeffattu godhe. Yaadni isaanii tiyooloojii Kiristoos bu’uura godhatee fi guutummaa ilma namaa irraatti xiyyeffatu ture. Barumsa argachuu, dhukkubsataa yaaluu, guddina diinagdee, tokkummaa cimaa (strong sense of community), fi amantiitti cimuu walitti kan qabate ture. “Afrikaa keessatti siyaasni eenyu jiraachuu akka danda’uu fi eenyu du’uu akka qabu murteessa” jechuun komiidhan dubbatu.

Mootummaa fiwudaalii Hayila Sillaasee warraa balaaleffatan(criticize) xiqqoo keessa Luba Guddinaan tokko turani. Boodarras waan mootummaan Dargii jedhe namoota “lakki” jedhan keessaa tokko turan.

Luba Guddinaan bara 1979 mootummaa Dargiitin qabamanii mana hidhaatti galan. Pirezidaantiin Federeeshinii Luteraanii Addunyaa yeroo sanaa lubbu isaanitif waan sodaataniif Pirezidaantii Tanzaaniyaa yeroo sanaa Juuliyees Nereeree kadhachudhaan dhimma isaanii keessa akka seenu godhan. Nereereenis mootummaa Itoophiyaa wajjin dubbatanii akka gad lakkifaman godhan.

13/02/2025

Nagaan Waaqayyoo Hunda Keessanif Ha Bayyatu

11/02/2025

“Bara dhufutti Yaaqoob hidda in yaafata, Israa'el hudhee in daraara, iji inni godhatus biyya lafaa irra in guuta.”
— Isa. 27:6

10/02/2025

Gaarummaake malee Gooftaako Mudaake Hin Argine

09/02/2025

‎ 𝗖𝗛𝗨𝗥𝗖𝗛 is the happiest place to forget all the problems.

09/02/2025

“"Gara mana Waaqayyoo dhaqna!" yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade.”
— Far. 122:1

Address

Nekemt
Welega

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa G/W Heenachee Lakk.1 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share