24/07/2025
TROJAN HORSE BEEKTUU?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Yeroo yakka Kompiitaraa (Computer Crimes) kaafnu mara waa'ee Trojan horse osuu hin haasa'iin hin dabarru. Sababni isaas miidhaan karaa Trojan Horse dhufu nama kompiitara faana wal hin beekne qofa osuu hin taane nama sadarkaa kamirrayyuu jiru waan mudachuu danda'uufi. Akka hiikkaa waltaawaa barnoota kompiitaraa keessatti kennamutti Trojan Horse jechuun appiliikeeshinii dhimma gaarii tokkoof kan qophaa'e fakkaatee keessoon isaa garuu waanta balaafamaa baatudha, Gubbaan isaa waan mi'aawaa fakkaatee keessoon isaa garuu waanta ajjeesaa kan qabu jechuudha.
Trojan horse to'achuun ulfaataa kan ta'eef faayiloota gosa hundaa keessatti waan argamuufi. Viidiyoo, Geemii, Sagalee, dookumentii akka PDF fa'aa hunda keessatti argama. Isin al tokko waanta sana bantan taanaan hojiin keessoo isaa dhokfame sun hundi kompiitara yookaan bilbila keessanirratti hojii eegala. Kunis kan akka password keessan fudhachuu, faayila keessan hatuu, faayila keessan balleessuu fi vaayirasiiwwan garaagaraa kompiitara yookaan bilbila keessanirratti ol fe'uuti.
MAQAAN TROJAN HORSE MAALIRRAA MOGGAAFAME?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Seenaa fakkeessaa(mythology) Greek durii keessatti, Akka Walaloo Hoomer kan odyssey jedhu keessatti barreeffameetti, waraanni Greek yeroo loltoota Troy balleessuu barbaadan siidaa Farda guddaa wayii hojjetanii magaalaa Giriik gidduu dhaaban. Siidaan sun keessoon isaa waan homaa hin qabne, kan bareedinaaf qofa dhaabbate fakkaata. Garuu siidaan fardaa sun akka suuraa irraa argaa jirtanitti balbala kan qabuu fi icciitiidhaan loltoonni Greek kan keessa dhokatanii uummata Troy balleessuuf itti fayyadamanidha. Loltoonni Troy siidaadha jedhanii yeroo jala boqochuu yookaan jala darbuu dhaqan siidaa fardaa sana keessa dhokachuun isaan balleessu jechuudha. Egaa application Trojan Horse jedhamu kunillee concept kana fayyadamuudhaan balaa kompiitara keenyarratti geessisa jechuudha.
Yoo akkas ta'e Trojan Horse irraa akkamitti of eegnaa?
1. Application maddi isaa hin beekamne kompiitara yookaan bilbila keenyarratti fe'uu dhiisuu. Yeroo ammaa kana bloggers warreen ofiin jedhan application edited godhamee hannaaf qophaa'e weebsaayitii isaanii irra kaa'uudhaan hojii gaarii application sun hojjetu qofaa himuudhaan akka isin gadi buufattan godhu. Achiin booda application sun erga isin gadi buufattanii hojii hamminaa sana hojjeta jechuudha. Fakkeenyaaf: AKka application sun beeksifametti appilikeeshinii suuraa edit godhudha yoo ta'e, app sun suuraa edit gochuu inuma hojjeta. Garuu hojii dhoksaas of keessaa qaba jechuudha. Hojii dhoksaa inni hojjetu sana battalatti beekuu dhiisuu dandeessu. Isa kanaaf application source amanamaa qofarraa buufachuu qabna jechuudha. Dabalataan immoo yeroo application garaagaraaf Permission kenninu ofeeggannoon gochuu qabna?
=> Dhabbanni Play store jedhamu application "Vidmate" jedhamu maalif ugguree?
2. Yeroo pdf garaagaraa iddoo adda addaatii buufannu ofeeggannoo taasisuu. Liinkiiwwan achi keessatti argaman callifnee tuquu dhiisuu fi kkf
3. Weebsaayitii garaagaraa daawwachuun dura domain extension (.com/.org/...) isaanii ilaaluu fi maqaa isaanii adda baafachuu.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Odeeffannoo akkasii argachuuf Page keenya Follow godhaa!
Afa2