
23/08/2025
π«ππππ₯ πππ π ππ¬ππ πππ π’π’
=============
~Laggasaa Wagii miseensa ABO fi qabsaawaa mirga Oromooti. Laggasaa Wagii ABO keessatti sadarkaa adda addarratti kan hojjate yoo ta'u qabsoorratti bara 2008 lubbuunsaa dabarte.
IJOOLLUMMAA ISAA.
Laggasaa Wagii umriin isaa barnootaaf yeroo ga'u mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Bakkamee jedhamutti kutaa tokkoo hanga afurii barate.
Barnoota isaa kutaa shanii hanga saddeetii ammoo mana barumsaa Incinniiti barate. Sana booda gara Finfinneetti deemuun barumsa isaa itti fufuun kutaa kudha tokkoo hanga kudha lamaa magaaluma Finfinneetti barate.
Laggasaa Wagii erga barumsa isaa hanga kutaa kudha tokkootti barate booda barnoota akkaadaamii dhiisee baruumsa makaanikummaa fi konkolaataa oofuu bara 1975 keessa barate.
Ogummaa isaa kanaanis hojiilee adda addarratti bobba'uun hojjachaa ture. Laggasaa Wagii hojii daldalarratti bobba'uun magaalaa Dirre dhawaa keessatti waggaa torbaaf kan jiraachaa ture.yeroo ta'uu hojjiidhuma daldalaa kanaaf meeshaa daldalaa Adda addaa fe'achuun gara dhihaa Oromiyaa deemun daldalaa itti fufe.
Laggasaan obbolaa shan qaba . Laggasaan , Waxabajjii 27. 1987 haadha manasaa waynisheet Geetaahuun fuudhee.
Haadha manasaa kanarraa ijjoollee dubartoota sadii kan maqaan isaanii Bilisummaa Laggasaa. Fireehiweet Laggasaa. Nastaannat Laggasaa. Kan jedhamanis godhate . Itti fufaa.
ABOtti Makamuusaa .
Laggasaa Wagii jaalalaa guddaa ummata Oromoof qaba. Hacuuccaan ummatarra ga'u boqonnaa waan isa dhorkeef bara 1990 maatii isaa jaalatu dhiisee dhiha Oromiyaa deemun qabsoo bilisummaa hogganummaa ABOttin gaggeeffamutti makame. Bara 1991. Barumsa siyaasaa fi leenjii waraanummaa . Marsaa 18 ffaa gahumaan xumuratee. Dirree dhihaatti miseensa ABO ta'ee.
Dammaqiinsaa fi hubbannoo Laggasaa Wagii qabu irratti hundaa'uun dhaaba keessatti barumsa dabballummaa bara 1991 bakka Beelmuuguu jedhamutti barate. Akka baratee ba'een dirqama dirqama dabballummaa zoonii Beegiitti ramadame .