25/02/2026
JENERAALTICHA!đź’Ą
Kun suuraa B/J.Taaddasaa Birruu fi Neelsan Maandellaadha; N.Maandellaan cunqursaa sirna appartaayidii Afrikaa kibbaaf nama bilisa baasuuf qabsaa ture, gurraachota kolonii warra adii jalaa baasuuf nama gahee leencaa taphate, B/J.Taaddeen ammoo leenjisaa isaa ture.
Gootichi qaalii, sabaaf biyyaaf, uummata isaaf qabsaayee ashaaraa isaa dhaloota har'aa kana kaa'ee darbe B/J.Taaddeen, "Dhaloonni barachuu qaba; namni barate gaaffii mirgaa gaafata!" Jechuun, sirna mootiin H/Sillaasee dhaloonni akka hin baranneef cunqursaa ture, keessattuu uummatni Oromoo kun baratee akka hin fagaanneef dhiibbaan baroota hedduu irratti taasifamaa ture falmuun dhaloota har'aa ija itti godhe.
Nus bu’aa isaaniiti; seenaa isaanii odeessaa, leellisaa qofa jiraanna osoo hin taane, imaanaa isaanii barannee, hojjannee garbummaa doofummaa fi hiyyummaa jalaa of baasuudhaan, of dandeenyee qabsoo isaanii mirkaneessuufi qabna.
Gootota seenaan isaanii goonkuma hin dagatamne lamaan; uummata qofaaf osoo hin taane, sabaaf addunyaaf warra bu'aa buusan lamaan!🫡❣️