Paartii Badhaadhinaa Ganda Danbalii kattaa

Paartii Badhaadhinaa Ganda Danbalii kattaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Paartii Badhaadhinaa Ganda Danbalii kattaa, Digital creator, Woliso.

27/04/2025

Koreen Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumureera.

Koreen kun walga’ichaan dhimmoota Siyaasaa Itoophiyaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomaasii Itophiyaarratti bal’inaan mari’achuu ibseera.

Itoophiyaa Bara 2018 gara abdii haaraatti ceesisuuf, bara 2023tti immoo mallattoo badhaadhina Afrikaa akka taatuuuf, 2040tti moodeela badhaadhinaa Idil Addunyaa akka taatuuf galma qabatee mirkaneessuuf mallattooleen milkaa’inaa mul’achuu korichi eeree mallattooleen milkaa’inaa kunneen mul’anni badhaadhinaa sirrii ta’uuf agarsiistuu ta’uu eereera.

Yaa’ii idiilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaan booda damee Siyaasaafi Dippiloomaasiin bu’aan galmaa’uu himeera. Paartilee Siyaasaa garaagaraa waliinis sadarkaa hundaatti waltajjifi tumsi taasifamu seenaa siyaasaa Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuu eereera.

Naannoo tokkoon alatti naannoolee hundatti waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu xumuramuu ibseera.

Kutaalee biyyaatti rakkoo nageenyaa qaban tokko tokkootti nageenyi bu’aa jiraachuus himeera.

Waamicha nageenyaa Mootummaan irra deddeebiin taasise hordofee lakkoofsi hidhattoota kara nagaan galanii yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuus akeekeera. Dandeettii seera kabachiisuu guddachaa dhufuus eereera.

Waldhabdeen Somaaliyaa waliin ture karaa dippilomaasiin furmaata argateera. Ejjennoon Itoophiyaan karra galaanaa qabaachuu qabdi jedhu fudhatama addunyaa argachaa jira.

Hariiroon Itoophiyaan Dhaabbilee Faayinaasii Idil Addunyaa waliin qabdu fooyya’uurran darbe deeggarsi taasifamuuf guddachaa dhufunis ibsameera.

27/04/2025
27/04/2025

Address

Woliso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Paartii Badhaadhinaa Ganda Danbalii kattaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share