12/11/2025
Magaalonni yeroo itti aanu keessatti ijaaruu feenu hammataa ta`uu akka utubaa bu'uuraatti kan fudhatan ta'uu qabu.
Magaalota keessatti jirattonni iddoowwan ummataa miira abbummaan akka irraa fayyadaman gochuun barbaachisaadha.
Iddoowwan ummataa kunniin haala dhaqqabamaafi walitti hidhaminsa hawaasaa jajjabeessuun ijaaramuu qabu. Bakka jireenyaa, daldalaa, iddoo magariisaa fi bakka bashannanaa kan hammatu ta'uu qaba. Iddoowwan walitti hidhaminsa hawaasummaa jajjabeessan uumamuu qabu.
Adeemsa qophiifi raawwii karooraa keessatti hawaasa dammaqinaan hirmaachisuun, simnoota jiraattonni fedhiifi hawwii isaanii ibsachuu isaan dandeessisu diriirsuufi kanaanis guddinni hunda hammataafi haqa qabeessa ta'e akka jiran tattaafachuu gaafata.
Kitaaba Mootummaa Ida'amuu; Fuula 236