Tertale News TV

Tertale News TV Tertale News TV is a trusted media platform committed to delivering accurate, timely, and balanced news that informs, educates, and empowers the community.

We believe news should not only report events but also provide clarity, context, and understanding.

10/06/2026
ODUU GAMMACHIISAA: TAWORIIN 4G LAMMAFFAANIS XUMURAMEMiillamii, Waxabajjii 3, 2018 (Tertale News TV) Rakkoo networkii yer...
10/06/2026

ODUU GAMMACHIISAA: TAWORIIN 4G LAMMAFFAANIS XUMURAME

Miillamii, Waxabajjii 3, 2018 (Tertale News TV) Rakkoo networkii yeroo dheeraa hawaasa Magaalaa Miillamii fi naannoo ishee mudachaa ture furuuf hojii hojjetamaa ture keessaa oduun gammachiisaan dhaga’ameera.

Akka Kantibaan Magaalaa Miillamii, Obboo Aabba Zaakir Boraanaa, ibsanitti, taworiin 4G lammaffaanis hojii isaa guutuun xumuramee jira.

Kunis hojii mootummaa, hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti ta’een milkaa’ina guddaan galmaa’uu isaanii ibsaniiru. Tajaajilli networkii fooyya’aa fi saffisaa hawaasaaf dhiyaachuuf hojiiwwan hafan irratti hojii itti fufiinsaan hojjetamaa jiraachuunis himameera.

Ummanni Magaalaa Miillamii fi naannoo ishee milkaa’ina hojii kanaatiin gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

Tertale News TV
Oduu dhugaa fi yeroo irraa yeroo 📡📶

TAWORIIN NETWORK JALQABAA XUMURAME; KAN 2FFAANIS BORII DHAQQABATaltallee, Caamsaa 30, 2018 (Tertale News TV)Hojiin ijaar...
07/06/2026

TAWORIIN NETWORK JALQABAA XUMURAME; KAN 2FFAANIS BORII DHAQQABA

Taltallee, Caamsaa 30, 2018 (Tertale News TV)

Hojiin ijaarsa fi diriirsuu networkii yeroo dheeraaf hawaasa naannoo keessatti eegamaa ture keessaa tokko milkaa’inaan xumuramuu isaa irratti galanni guddaan qaamolee hojii kana keessatti qooda isaanii bahatan hundaaf dhiyaateera.

Akka odeeffannoon nu gaheetti, taworiin networkii jalqabaa hojii isaa guutuun xumuramee tajaajilaaf qophaa’ee jira. Kana malees, taworiin lammaffaanis yoo Rabbiin jedhe bor mootummaa bakka isaa gahee hojii hidhaa fi ifaan hojii jalqabuu eegala.

Qaamoleen hojii kana milkeessuuf gumaacha olaanaa taasisan keessaa, galanni duraa Rabbii carraa hojii kana argamsiiseef dhiyaateera. Itti aansuun hoggantoonni olaanoo dhaabbata Telee, kabaja namaa qabanii fi rakkoo hawaasaa hubachuun deebii kennan jechuun obboo Juunaddiinii fi obboo Abdii mootummaa Awaasaa irraa galateeffatamaniiru.

Akkasumas, qaamoleen gaaffii hawaasaa sadarkaa olaanaatti akka dhiyaatuuf hojii guddaa hojjetan keessaa obboo Teklee mootummaa Nageellee Booranaa irraa jechuun ibsameera. Injineerri hojii kana saffisaan akka xumuramuuf gahee olaanaa taphatan obboo Tasfaayeenis mootummaa Awaasaa irraa galata addaa argataniiru.

Kana malees, maatiin mootummaa fi hawaasaaf jedhaniitii lafa mana jireenyaa isaanii dabarsanii kennan, akkasumas hoggansi Aanaa, Gandaa fi ummanni hojii kana keessatti qooda isaanii bahatan hundi galata guddaa jechuun ibsameera.

Milkaa’ina hojii kanaan, rakkoon networkii yeroo dheeraa hawaasa naannoo mudachaa ture furmaata argachuu akka jalqabe ibsamee, hojii taworii lammaffaa irratti hojiiwwan hafanis saffisaan raawwatamaa jiraachuun himameera.

irraa jechuun, hojii misoomaa hawaasa keenyaaf bu’aa buusu keessatti qooda isaanii bahatan hundaaf galata guddaa jechuun hawwiin keenya hojii hafes yeroo gabaabaa keessatti xumuramee hawaasni tajaajila quubsaa akka argatuudha.

Iyyantii Sadaasa 7, bara 2016 A.L.H haardha kunoo deebii argattee jirti, ammaas saraarii ibsee gara Ganda fi Magaalleen ...
06/06/2026

Iyyantii Sadaasa 7, bara 2016 A.L.H haardha kunoo deebii argattee jirti, ammaas saraarii ibsee gara Ganda fi Magaalleen Aanaa Taltallee keessatti argaman hunda akka galuu gaafi Uummata keennatti kanaaf qaami dhimmii ilaallatuu isaa gadii hafees akka gaaffi Uummata keennaa deebiftan abdi guddaa qabna. Kanaaf Tertaleen Gamoo ijaarame hinxummuraamin, saraara ibsee magaalaa fi gandoota baadiyyaa akka dhaqqabu danda'u qaami dhimmii ilaallatuu hundii akka dhimma kanarratti xiyyeeffatan gaafatti

Taaworii Meetira 45 Dheeratu Ijaarsa Jabaadhaan Itti Fufe; Hanga Ammaatti Meetirri 20 XumurameMiillammii, Caamsa 29, 201...
06/06/2026

Taaworii Meetira 45 Dheeratu Ijaarsa Jabaadhaan Itti Fufe; Hanga Ammaatti Meetirri 20 Xumurame

Miillammii, Caamsa 29, 2018 (Tertale News TV) Hojii ijaarsa taaworii meetira 45 dheeratu irratti gaggeeffamaa jiru keessatti hojii saffisaa fi mootummaa hojii gaarii agarsiisuun sa'aatii hojii muraasa keessatti jijjiiramni guddaan galmaa'eera.

Odeeffannoon argame akka agarsiisutti, garaagarummaa hojii sa'aatii 6 keessatti raawwatameen taaworii meetira 45 dheeratu keessaa meetirri 20 ijaaramee xumurameera. Kunis hojii ijaarsaa saffisaan gaggeeffamaa jiru keessaa tokko ta'uun ibsameera.

Hojjettoonni fi ogeeyyiin hojii kana irratti bobba'an yeroo gabaabaa keessatti hojii bu'a qabeessa ta'e hojjechuun isaanii hojii ijaarsaa kana saffisiisaa jiraachuun isaanii beekameera.

Hojiin hafes karoora qabameen akka itti fufuufi yeroo murtaa'e keessatti guutummaatti akka xumuramu hojiiwwan barbaachisan ciminaan gaggeeffamaa jiraachuu maddoonni odeeffannoo ibsaniiru.

Tertale News TV Odeeffannoo dhugaa fi yeroo isaa eeggateen isin bira geenya.

  🇪🇹Miillammii, Caamsaa 29, 2018Godina Booranaa, Aanaa Taltallee, Magaalaa Miillammii keessatti rakkoon bulchiinsa gaari...
06/06/2026

🇪🇹
Miillammii, Caamsaa 29, 2018
Godina Booranaa, Aanaa Taltallee, Magaalaa Miillammii keessatti rakkoon bulchiinsa gaarii hawaasaaf yeroo dheeraa yaaddoo ta'ee ture keessaa tokko kan ta'e tajaajilli networkii irratti furmaanni argamaa jira.

Odeeffannoo fuula Facebook Kantiibaa Magaalaa Miillammii, irraa argame akka mul'isutti, tajaajila networkii 4G iddoo lama keessatti dhaabuuf hojii irratti hojjetamaa ture keessatti hojii paadii (foundation) xumuramee, yeroo ammaa hojii taaworii dhaabuu fi hidhuu jalqabameera.

Pirojektiin kun yeroo gabaabaa keessatti xumuramee hojii akka jalqabu ibsameera. Akka odeeffannoon mootummaa magaalichaa irraa argameetti, yoo rakkooleen hin mudanne ta'e, torban lama keessatti hojii guutuun xumuramee tajaajila kennuu ni eegala jedhameera.

Hojii kun yeroo xumuramu, rakkoo qunnamtii fi networkii hawaasni Magaalaa Miillammii fi naannawaan ishee yeroo dheeraaf keessa ture salphisuun tajaajila qunnamtii ammayyaa babal'isuuf shoora olaanaa akka qabaatu eegama.

Hawaasa Magaalaa Miillammii fi naannawaa isheetiif oduu gammachiisaa! Baga gammaddan jechuun ni danda'ama.

📌 Maddi Odeeffannoo: Fuula Facebook Kantiibaa Magaalaa Miillammii, Abbaa Zaakir Booranaa
🖋️ Qophii: Tertale News TV

  🇪🇹Taltallee, Caamsaa 24, 2018 (Tertale News TV) Aanaa Taltallee Bulchiinsa Magaalaa Miillammii keessatti filannoo biyy...
01/06/2026

🇪🇹
Taltallee, Caamsaa 24, 2018 (Tertale News TV) Aanaa Taltallee Bulchiinsa Magaalaa Miillammii keessatti filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti hirmaachuuf uummanni barii barraaqaan ka'ee buufataalee filannoo garaagaraatti argamuun sagalee isaa kennuuf hiriira dheeraa qabatee eegaa jira.

Hirmaannaan ummataa mootummaa dimokiraatawaa ijaaruuf fedhii fi kutannoo hawaasaa agarsiisaa jira.

📍 Taltallee, Magaalaa Miillammii
📅 Caamsaa 24, 2018
📺 Tertale News TV

  🇪🇹Taltallee, Caamsaa 24, 2018 (Tertale News TV)Aanaa Taltallee, Bulchiinsa Magaalaa Miillammii keessatti, filannoon bi...
01/06/2026

🇪🇹

Taltallee, Caamsaa 24, 2018 (Tertale News TV)

Aanaa Taltallee, Bulchiinsa Magaalaa Miillammii keessatti, filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa har'a gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuuf uummanni barii barraaqaan ka'ee buufataalee filannoo garaagaraatti argamuun sagalee isaa kennuuf hiriira dheeraa qabatee eegaa jira.

Uummanni mootummaa filate ofii isaa ijaarrachuuf mootummaa dimokiraatawaa keessatti gahee lammummaa isaa bahachaa kan jiru yoo ta'u, hirmaannaan ummataa yeroo ammaa mul'atu mootummaa uummataan filatame ijaaruuf fedhii fi kutannoo hawaasaa agarsiisa.

Filachuun mirga keenya, hirmaannaan immoo mootummaa keenya cimsuuf mootummaa dimokiraasii keessatti gahee keenya.

📍 Aanaa Taltallee, Bulchiinsa Magaalaa Miillammii
📅 Caamsaa 24, 2018
📺 Tertale News TV

  🇪🇹Taltallee, Caamsaa 24, 2018 (Tertale News TV) Aanaa Taltallee, Bulchiinsa Magaalaa Miillammii keessatti, filannoon b...
01/06/2026

🇪🇹
Taltallee, Caamsaa 24, 2018 (Tertale News TV) Aanaa Taltallee, Bulchiinsa Magaalaa Miillammii keessatti, filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa har'a gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuuf uummanni barii barraaqaan ka'ee buufataalee filannoo garaagaraatti argamuun sagalee isaa kennuuf hiriira dheeraa qabatee eegaa jira.

Uummanni mootummaa filate ofii isaa ijaarrachuuf mootummaa dimokiraatawaa keessatti gahee lammummaa isaa bahachaa kan jiru yoo ta'u, hirmaannaan ummataa yeroo ammaa mul'atu mootummaa uummataan filatame ijaaruuf fedhii fi kutannoo hawaasaa agarsiisa.

Filachuun mirga keenya, hirmaannaan immoo mootummaa keenya cimsuuf mootummaa dimokiraasii keessatti gahee keenya.

📍 Aanaa Taltallee, Bulchiinsa Magaalaa Miillammii
📅 Caamsaa 24, 2018
📺 Tertale News TV

‎ODUU ADDAA FI ABDIIN GUUTAME: TALTALLEE IRRATTI SEENAA HAARAA! 🌾‎📍 TALTALLEE —Caamsaa 17, 2018 (Tertale News TV) Waggoo...
25/05/2026

‎ODUU ADDAA FI ABDIIN GUUTAME: TALTALLEE IRRATTI SEENAA HAARAA! 🌾
‎📍 TALTALLEE —Caamsaa 17, 2018 (Tertale News TV) Waggoota sadii dura seenaa gaddisiisaa hongee fi hiyyummaa keessa dabartee kan turte Aanaan Taltallee, har’a rooba Arfaasaa argatteen dachee ishee lalisifattee ashaaraa badhaadhinaa hiraa jirti!

‎Waggoota sadan darban keessa koflaa fi malkaan naannichaa gogee, beeyiladoonni fi ummatni hongeedhaan rakkachuu isaanii hundi keenya ni yaadanna. Har'a garuu dacheen Taltallee gaddarraa gara gammachuutti, gaddisiisarraa gara badhaadhinaatti ceitee jirti.

‎🌾 Wabii Nyaataa Mirkaneessuuf Keessaa Gara Gabaatti!
‎Qotee bultoonni Aanaa Taltallee, Godina Booranaa, rooba Arfaasaa kanaan dhimma qabatamaa itti ba'uun, Kilaastera Gurguddaa irratti qamadii haala baayyee nama gammachiisuun misoomsaa jiru. Ummatni naannichaa:
‎1️⃣ Wabii nyaataa isaanii guutummaatti mirkaneeffachuu danda'aniiru.
‎2️⃣ Isas bira dabranii omisha qamadii qulqullina qabu kanaan gabaa bal'aaf dhiheessuuf halkan fi guyyaa hojjechaa jiru.

‎Kuni milkaa'ina guddaa fi agarsiistuu cimina ummata Booranaati! Hongeen har'a seenaa ta'ee, dacheen Taltallee qamadii callaa kessummeessuun "Nuti of dandeenyeera!" jechaa jirti.

‎📌 Maddi Odeeffannoo: Biroo Qonnaa Oromiyaa

‎Gabaasaan: Ripportera Keessan

Address

Milammii
Yabelo
0000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tertale News TV posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category