Nezif Dega Seid

Nezif Dega Seid You learn nothing from life if you think you are right all the time.
(2)

MaashaAllah!.... Suphaan daandii SIGIMOO-SAXXAMMAA eegaleera!
04/10/2025

MaashaAllah!.... Suphaan daandii SIGIMOO-SAXXAMMAA eegaleera!

Baay'inni barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 darbanii dabaleera!Bara 2017 qormaata biyyaalessaa kut...
03/10/2025

Baay'inni barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 darbanii dabaleera!

Bara 2017 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti komii barattoonni kaasaniin wal qabatee bu'aan qormaatichaa irra deebiin ilaalamaa ture.

Qormaata kanas barattoota karaa online qoroman muraasa irratti qabxiin gosa barnoota Fiiziksii gara 100% tti osoo hin jijjiiramiin kan hafe fi gara 100% tti yeroo jijjiiramus tuqaa dhaan qabxiiwwan turan barattoonni hin ida'aamneef akka isaaniif sirraa'e ibsameera.

Dabalataanis barattoonni qabxii 49.50% fi isaa ol fidan qabxiin isaanii gara 50% tti akka siqu taasifameera.

Kanaanis walumaa galatti barattoonni 3,350 dabalataan qabxii darbiinsaa fidaniiru.

Bu'uura kanaanis bara 2017 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa 50% fi isaa ol barattoonni fidan 52,279 yoo ta'aan parsantii dhaan yeroo ilaalamu barattoonni 8.9% darbaniiru.

**Baga gammannee Baga gammaddan!*Jimmaa-Magaalaa Hunda keenyaaHawaasni magaalaafi Hawaasni Godina Jimmaa Hundii Filatamu...
03/10/2025

**Baga gammannee Baga gammaddan!*

Jimmaa-Magaalaa Hunda keenyaa
Hawaasni magaalaafi Hawaasni Godina Jimmaa Hundii Filatamuu baga gammaddan baga gammannee jechaa-qaama miidhagina fi hawaattummaa magaala keenyaa kanaaf tumsan hunda, keessattuu Muumicha ministeera keenya Dr Abiy Ahmed Ali Hedduu galatoomaa jechuu barbaada!

-Keenya!

03/10/2025

Gaafa baay'ee aartu miira aariitiin murtee hin kennin, gaafa gammaddus miira gammachuun waadaa hin seenin.
Booda gaabbuun waan hin oolleef.



Oromia

Pirojektiin oomisha Gaasii uumamaa Ogaaden marsaan jalqabaa MM Keenya Kabajamoo Dr. Abiy Ahmedin eebbifame.Baga gammadda...
02/10/2025

Pirojektiin oomisha Gaasii uumamaa Ogaaden marsaan jalqabaa MM Keenya Kabajamoo Dr. Abiy Ahmedin eebbifame.

Baga gammaddan! Baga gammadne!

30/09/2025

👉Maaddii Guumaa irraa Dhadhaa nyaattanii..
👉Garaa kamiin karaa dhowwattanii🤔

  Qabxiin darbiinsaa 300 ture 297 ta’e.Barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan...
30/09/2025


Qabxiin darbiinsaa 300 ture 297 ta’e.
Barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darban akka taasifamu murtaa’e.

Ministeerri ministeera barnootaa Pirofeeser Birhaanuu naggaan barattoonni qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darbaniif murtaa’uu isaa beeksisuun xalayaa Yuunivarsitiileef erganiiru.

Bifuma kanaanis qabxiin darbiinsaa 600 irraa 300 ture gara 297tti gadi kan siqe yommuu ta’u barattoonni 297 fidan gara dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamuun barumsa isaanii ka itti fufan ni ta’a.

 ! Kuta 12Barattoota Qabxii Qormaataa Avreejii 49.50% hanga 49.99% Galmeessisan Hundaaf-----------------------BBO- Fulba...
30/09/2025

! Kuta 12
Barattoota Qabxii Qormaataa Avreejii 49.50% hanga 49.99% Galmeessisan Hundaaf
-----------------------
BBO- Fulbaana 20/2018 Barattoota Bara 2017 Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa fudhachuun Qabxiin Qormaataa keessan avreejin 49.50% hanga 49.99% galmeessisan hunduu qabxiin keessan avreejiin isaa gara 50% tti kan ol siqe waan ta'eef Yunivarsiitii barachuuf dabartaniirtu!
Kanaafuu, Qabxii Yunivarsiitii isin galchu galmeessistanii jirtu.

!

Galmeen Qormaata Seensa Digirii Lammaffaa Bara 2018 fuulbana 20 hanga 25tti Gaggeeffama jedhame Galmeen Qormaata Seensa ...
30/09/2025

Galmeen Qormaata Seensa Digirii Lammaffaa Bara 2018 fuulbana 20 hanga 25tti Gaggeeffama jedhame

Galmeen Qormaata Seensa Digirii Lammaffaa (NGAT) iyyattoota bara barnootaa 2018 sagantaa digirii lammaffaa barachuuf fedhii qabaniif fuulbana 20 hanga 25, 2018tti akka gaggeeffamu beeksise.

Haaluma kanaan iyyattoonni ulaagaalee unka galmee irratti tarreeffaman guutuu fi karaa https://ngat.ethernet.edu.et galmaa’uu ni danda’u. Guyyaan qormaatichaa booda akka ifoomu ministeerichi ibseera.

Iyyattoonni sa’aatii hojii idilee 0920157474 ykn 0911335683 qunnamuudhaan karaa teessoo imeelii [email protected] ibsa gaafachuu ni danda’u.

Iyyattoonni hundi waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa qabaachuu akka qabanis hubatameera.

Ministeerri Barnootaa kaffaltiin galmee fi tajaajila Birrii 750 karaa TeleBirr qofaan kaffalamuu akka qabus iyyattoota yaadachiiseera.

30/09/2025
Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 qabxiin olaanaa kan jedhamee ibsame 591 kan fide barataa Kaaliid yoo ta'u, ...
29/09/2025

Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 qabxiin olaanaa kan jedhamee ibsame 591 kan fide barataa Kaaliid yoo ta'u, amma garuu qabxiin sirreeffamni waan taasifameef qabxiin olaanaan 591 kan ture amma 592.08 ta'eera.

Akka biyyaatti qabxii olaanaa lammaffaa barataa Kaaliiditti aanuun kan dhufe 589 kan tures amma 590.08 ta'eera.

Qabxiin barattoota kanneenii kan sirraa'e barataan Kaaliid akkamitti qabxii 9 qofaa dhaba kan jedhu irra deebiin ilaalamee 592.08 ta'uun isaa mirkanaa'eera.

Kan barattoota hedduu sirraa'ee waan jiruuf seenuun check taasisaa!

Address

London
SW1A2AB

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nezif Dega Seid posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share