EthioXpress

EthioXpress We love to learn more and more about the new technologies of this modern world.

08/08/2026

“Stay focused on the process; results will follow.

28/07/2026

Gumaan qabsaa'ota Oromoo waggoota 30'n darbdan qabsorratti wareegamanii hundi jaara ABOrra Jira. Keessuma jaarsi sun nama gumaati. Oromoo jiratti ajjeese.

24/06/2026

Baaroo Tumsaa osoo lubbuun jiraatee silaa akkuma Leencoo Lataa kana itti duulama ture. Nadhii Gammadaa fi Guutamaa Hawaas osoo lubbuun jiraatanii akkuma Jawar Mohammed kana itti duulama ture. Elemoo Qilxuu osoo lubbuun jiraate akkuma Jaarraa Abbagadaa irratti duulama ture.

ABOn dhaaba sanyii filatamaan hundeeffame. Adeemsa keessa kan isa dhaale banjii, mujaa fi shaabbee dha.

Ani gaafa jarri Asmaraa irraa galan gammadeen ture. Cunqursaa Shaabiyaa hamaa jala akka turan waan beekuuf ture. Gaafa galan garuu waan tokko isaan gorsee ture. Innis akka dhaaba siyaasaatti diigamee foundation aadaa fi seenaa akka hundeessu facebook kana irratti yaada dhiyeessee ture.

ABOn badee hin badu. Guddatees paartii sona qabu hin ta’u. Cittoo ta’ee nama hooqsisuu itti fufee jira.

Amma waa lamatu isa aarsaa jira. Paarlaamaa mootummaa keessaa hafuu fi Paarlaamaa TikTok irratti hirmaachuu dhabuu dha.

Ani alaabaa fi seenaa gootowwan ABO nan jaaladha. Hundeessitootaafi wareegamtoota isaa hunda nan kabaja. Bu’aa isaan buusan itti gammada. Inkirdaadni ammaa kun garuu na singiggeessa.

Nagaan oolaa!

06/06/2026


Rakkoon qabu rakkataa ofitti qabe, nyaachisee obaasee, lafa muree kenneef. dhaltii dabaree kenneefi. Warra diinni qe'ee ofirraa buqqise ofitti qabe. Warra buqqa'ee itti baqate ofitti qabee lafa mureef. Arsii Sirni hamaan Aatsotaa waggaa 8 Meeshaa Ingiliizin Waraanee Cabsuu dadhabe har'a warri inni ofitti qabe, warri inni bilisoomse cabsuuf yaala. Maqaa Arsiitin Aangorra taa'ee itti roorrisa. Maqaaf bakka bu'aa Arsiiti Garuu Arsii ni jibba. Mee ilaala Arsiin Akka Bara Kanaa Aangawaa dhabee beekaa. Hoogganni amma sadarkaa olitti maqaa Arsiitin jiru Hundi lafaan malee lafetti Arsii miti. Lafetti Arsii tahuu dhabuun rakkoo miti, ilaalchi fi jibbi isaan Arsirraa qaban garuu bakka bu'aa Arsii isa hin taasisu. Warri kun guyyaa guyyaa Arsii wajjiin Oola Halkan Halkan Charchitti Qeesii wajjiin Arsirratti Xonqolaa dalaga. Warra kanatu Arsii bakka bu'a. Arsii Aangoo isaanif barbaadan malee Arsiif dalaguuf achi hin jiran. dammaquu qaba. Qooda isaan malu gaafachuu osoo hin taane, fudhachuu qaba. Eennutu Arsii Keessaa Sadarkaa Hooggansaa Ol'aanarra jira mee lakkaayaa. 🙏

06/06/2026

SEENAA HIDDA LATIINSA OROMOO ARSII

Arsiin ilma Ambatoo Dooyyooti. Gosa Oromoo baldhinna lafa qubatee fi baay'inna ummataatin guddaa ta'edha.

ilmaan lama qaba; isaanis Sikkoo fi Mandoodha.

Sikkoo ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo):
A. Bullaala
B. Jawwii
C. Ilaani
D. Wocalee
E. Waaji yommuu ta'u
Mando ilmaan torba qaba(Torban Mandoo):
1. Raayyaa
2. Kajawa
3. Utaa
4. Waayyuu
5. Waanama
6. Harroojjii (Biltuu)
7. Hawaxxuu

Arsiin laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti waabee gamaa Baalee yoo jedhamtu ta gamanaa Diida'aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti.

Arsiin lafa isaa yeroo hedduu:
* Baalee
* Gadab
* Albasoo
* Diida'aa
* Laangannoo fi
* Dambal jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta'u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Harannaa, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babaldha jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.

Magaalonnii fi aanaaleen akka: Asallaa, Dodolaa, Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijoo, Amiinya, Abboomsa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shiree fi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti moggaafamaniiru.

Arsiin ummata woliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa baldhaafi cululuqaa qabu yoo ta'uu akkuma ilmaan Oromoo biroo duudhaa fi safuu sirna Gadaa jalatti buluudha.

📲Arsii Arsoomni Qorsaa
📲Arsii Sanduuqa Obsaa
📲Arsii Tuttuqaa Diddu
📲Arsii Tuttuqaa Iddu!!

📲Duree Qarooma Duraa
📲Arsee Woraana Shuraa
📲Worra Diina Rarraasu
📲Gaafa Lolaaf Kutate
📲Worra Biidhaa Wol Baasu
📲Gaafa Woliif Murate!!

📲Arsii Gaafa Dhoombirkaa
📲Arsii Gaafa Aanolee
📲Worra Woliin Dhaabatu
📲Worra Woliin Dhaadatu
📲Bullaallaafi Wocaalee!!

📲Hidda Utaafi Waayyuu
📲Hundee Raayyaafi Kajawaa
📲Lafaafi Lafee Ofii Irratti
📲Ija Jaamse Adawaa!!

📲Worra Sikkoo Mandoo
📲Worra Daba Hin Qabne
📲Worra Bonaa Ganna
📲Waan Elmatu Hin Dhabne
📲Worra Callaa Tuulee
📲Gabaa Biyyaa Alaa Fidu
📲Worra Cubbuu Dheessu
📲Worra Deeguu Didu!!

📲Worra Dhadhaa Dhugu
📲Akka Bishaanitti
📲Worra Rakkataan Quufu
📲Balbalaa Isaaniitti
📲Biyyeen Kee Dhaltiidha
📲Margi Kee Ni Marga
📲Hayyuun Kee Dubbatee
📲Dhuka Dubbii Arga!!

📲Lafti Kee Worqiidha
📲Kan Birrii Magarsu
📲Biyyeen kee Dhaltiidha
📲Kan Namaaf Dabarsu
📲Arsii Diina Daaku
📲Marsee Harkaan Qabee
📲Dhaba Dhabe Malee
📲Mee Arsiin Maal Dhabee jechuun yeroo gara garaa itti leellifama.

Jaarsi Arsii keessatti kabaja guddaa qaba. Ka dubara dhiiratti fuudhu jaarsa.
Ka dubbii hawaasummaa, waldhabdee garagaraa dubbate fixu jaarsa.
Jaarsi Arsii biratti ulfaata, kabajamaa, jaalatamaadha.

Aadaan Oromoo Arsii keessatti sirnoota dhufaa darbaan miidhamaa ture waggoota muraasa asi iddoo isaatti deebi'aa jiraachuun isaa ni beekkama.

Address

Ethiopia
London

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when EthioXpress posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share