09/07/2023
JECHOOTA HAYYOOTAA
1)Ati of Daangesitee Teenyaan Eenyutu Daangaa si Ceesisa ?
2)Osoo Nama Hin Ta'in, Namaaf Ta'uun Hin Jiru.
3)Of Beekuuf Murtoo hin Qabdu Taanan; Of Beektees Murtoo hin Murteessitu.
4)Barachuun Beekuu Miti. Beekuun Garuu Barachuudha.
5)Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of awwaaluu= Of wallaaluu. Of Wallaaluun of Awwaaluudha.
6)Qabeenyi Bakka Malee Kufee fi Dagatame Ilma Namaati.
7)Namni Lakkoofsa Guutuuf Dhalate hinJiru. Lakkoofsa Guutuu Ta'ee Dhalata Malee.
8)Addunyaa keessa Jirramoo Addunyaatu nu keessa jira ?
9)Yoo Qophaa'aa Taate Guyyaan Borii Qabeenya ati Qooddachuuf Eeggattuudha.
10)Jaarraan kun Jaarraa Mul'ataan Injifatani Malee;Jaarraa Mufachuun Injifatanii Miti.
11)Addunyaan Sammuu kee fi Jecha Ati Waa'ee Keef Qabdu keessa jirti.
12)Nama Jechuun Bu'aa Yaada Isaati. Namni Waanuma Byaatu Fakkaata.
13)Barrisuu kan Dandeessu; Hanga Barrisuu Dandeessu yoo Amante Qofa…
14)Of hin Shakkin Inni Namni Biraa si Shakku Iyyuu si Ga'aa.
15)Dirree Injifatamtetti Lubbuun Jiraachuu Caalaa; Dirree Injifatte keessatti Duutee Awwaalamuu Wayya.
16)Meeshaa Ammayyaa Caalaa; Sammuu Injifannoo Qabaadhuutii Gara Dirree Seeni.
17)Tulluun Ofiin Beekee si Duraa Kufu hin jiru. Tulluun Ati Dhiibdee si Duraa Kufuu Didus hin jiru.
18)Sammuu Injifannoo Malee Hidhamee jiru Qabaachuun Rakkisaadha.
19)Sammuu Hidhamaan Addunyaa Hiikamaa keessa Jiraachuu irra Qaamaan Hidhamanii Sammuu Hiikamaa Qabaachuu Wayya.
20)Rakkina Kaleessa Sirra Ga'e Har'as Rakkina Jettee Dubbatta Taanaan, Har'a Iyyu Namaatu Siif hin Argine Malee Ati Rakkina Kaleessa Caalu keessa jirta.
21)Of Booda hin Ilaaliin! Borii kee Namni Siif Ilaalu hin Jiru::
Maddi:-MIHRATU SHAANQO