26/07/2025
Haala Sosochii Siyaasaa Hayyootaa fi Paartiilee mormitootaa Oromoo fi Gara jabeenya (Hammeenyaa fi wallaalummaa) Mootummattii Ethiopia irratti Yaada kooš
====================================
Amma yeroo ammaa kanatti, biyyattii Ethiopia Tana keessatti rakkoo siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa hammaataa jiru keessatti, hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa fi Kanneen federaalaas yeroo baayāee gahee isaanii sirriitti bahuu dadhabanii, rakkoo fi hanqinoota keessaa fi alaa irraan gahuuf hawaasa yakkuun, hayyoota Oromoo arrabsuun, fi paartiilee mormitootaatti gufuu taāuun isaanii ni mulāata.
Kun ammoo mallattoo dadhabinaa fi sodaa keessa jiru agarsiisa.
Fkn. Obbo Shimallis Abdiisaa yeroo darbe Yaaāii Caffee Oromiyaa irratti hayyoota Oromoo fi paartiilee mormitootaa arrabsuun isaanii bifa wal-xaxaa fi dogoggora siyaasaa cimaa of keessatti kan qabate taāuun isaa ifa ture.
Hayyoonni Oromoo, akka fakkeenyaatti, seenaa keessatti qooda olaanaa taphatanii fi qabsoo bilisummaa, walqixxummaa fi guddina saba isaaniif falmaa turaniiru.
Kanaaf, isaan arrabsuun ofiif illee ifatti dadhabina ofii of saaxiluu yoo taāe malee hiika biraa waan qabaatu natti hin fakkaatu .
šHaala Amma Caasaan Biltsiginnaa keessa jirtuu fi Qabatama Ummatni Oromoo keessa jiru:
Mootummaan yeroo ammaa kanatti caasaa isaa ummata irraa fagaatee, hojii isaa humna waraanaa fi doorsisaa irratti hundeessuudhaan ummata ofiin ukkaamsee bulchuuf yaalaa jira.
Badhaadhinni jerri odeessu, qaamota Odola badhaadhinaa ( ᨠį°į“į± įįįØįį½) worra taāan biratti malee ummata bira hin jiru.
Ummatni kun mootummaa kana irraa dhugaa fi haqaan hojjetuu dhabuu, dhimmi ummataa akka rakkina lafaa, mirga siyaasaa fi mirga namoomaa irratti abdii kutannaa guddaa taāeetu jira.
2. Tokkummaa Hayyoota fi Ummataa Oromoo:
Hayyoonni Oromoo, kanneen barumsaan, ogummaan, akkasumas seenaa fi aadaa saba isaanii beeku fi kabajan, yeroo ammaa walitti dhufuun mootummaa kana biratti sodaa fi shakkii guddaa uumeera. Sababni isaas, hayyoonni kun dhugaa dubbatu, dhimmoota sabaa ifa baasanii himu, mootummaa abbaa irree jibbisiisu. Tokkummaan hayyoota Oromoo, utubaa jabaa taāee caasaa mootummaa kufaatii irra jiru kana keessatti jijjiirrama barbaadamu fiduuf deeggarsa guddaa ummata biratti argataa jira.
Tokkummaan Hayyoota keenyaa Gara fuulduraas cimee itti haa fuufuun Hawwii kooti!.
3. Cabiinsa Siyaasaa fi Diinagdee:
Cabiinsi siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru, haala yeroo ammaa Oromiyaatti mulāatu caalaa, saboota biroofis rakkoo taāaa jira. Mootummaan ceāumsa dimokiraasii gaggeessuuf haala mijeessuuf osoo hin yaalin, gara mootummaa abbaa irree deebiāuun, mormitoota ukkaamsuu, fayyadamtoota mootummaa ofii taasisuu fi sirna federaalaa keessaatti aangoo of harkaa qabuun ummata jilbeeffachiisuuf halkanii guyyaa hojjechutti akka jiru Guyyaa Guyyaan waanuma ija kee haan toora social media kana irratti argaa oolluudha.
Kana Addumyaanis quba qabdi.
Kana keessa, sabni jelqabarratti Miidhaa hamaaf saaxilamaa jiru, Oromoodhuma.
Dhiibbaa siyaasaa kana waliin, dinagdeen biyyattii kufaatii cimaa keessa seenuun jireenya ummataa rakkisaa taasiseera. Gatii nyaataa fi tajaajila buāuuraa dabalaa jiru, daldaltoota fi qonnaan bultoota rakkisaa taasisuun, guddina irraa fagaachuun jiraachuu murichaa jira.
Akka Yaada kootti furmaataa fi Daandii Jijjiiramaa jedhee Kanin Yaadu:š
⢠Tokkummaan hayyoota Oromoo jabaachuu qaba.
⢠Ummanni Oromoo, mootummaa abbaa irree kana dura dhaabbachuun mirga isaaf falmachuu qaba.
⢠Paartiileen mormitootaa humna isaanii waliin qabatanii gara hojii dhugaa fi hojii ummataa deebiāuu qabu.
⢠Qeerroofi Qarreen Oromoo seenaa isaanii beekuudhaan, tokkummaa fi sirna haqaa buusuuf hirmaachuu qabu.
===Xumura/conclusion irratti Dhaamsa koo:š===
Arrabsoo fi salphinna hayyoota Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kana balaaleffachuun dirqama Oromoota maraati. Hayyoonni Oromoo kabajamoo dha. Tokkummaan isaanii caasaa mootummaa dadhabsiisuu fi jijjiirrama haqaa fiduuf meeshaa jabaa dha. Mootummaan tokko yoo ummata isaa jibbe, ummanni sunis dhugumaan mootummaa san jibbaa ā kun haqa dha. Kanaaf, yeroo ammaa Oromoon hundi gara tokkummaa, gara qabsaaāummaa fi gara bilisummaa dhugaa tarkaanfachuu qaba.
Aman fc