17/06/2025
Yaalii Bilxiginnaan Qeerrowwan Hawwachuuf godhaa jirtu irratti...
Warri Bilxiginnaa Qeerroowaaniifi namoota biroo qabsoo keessa turan ofitti hawwachuuf duula cimaa geggeessaa akka jiran quban qaba. Walgahii jalqabaa ji'a lama dura geeggeessan. Amma ammoo gara godinaaleetti gadi bobba'uun namoota adda baafachaafi sossobaa jiran. Namoota qunnaman keessaa hedduun keessan yaada kiyya na gaafattanii jirtu. Deebiin keessaan isniif deebisaa ture hunda akka walgahuuf kunooti.
Qeerroowwan akka diinaatti adamsaa turan amma ofitti qabuuf maalif barbaadan? Sababni jarri dhiheessan 'Qeerroowwan kana caasaa mootummaatti seensifne sirna cimsina, Qeerroowwan kanas fayyadamoo taasifna' kan jedhuudha. Dhugattuu Qeerroowwaniif qabsaa'onni naatoo ummataa qabaniifi dandeettiin hattoota sirnicha guutan waan caalaniif, iddoo itti gaafatamummaa osoo taa'anii tajaajila haqa-qabeessa bifa saffisaa ta'een kennuu dandan'u. Kun ammoo sirna cimafi ummata biratti fudhatam qabu ijaaruuf ni gargaara ture.
Garuu yeroo kanatti sirnichatti dabalamuun faaydaa jedhame kana argamsiisu miti. Sababnis;
1)Jarri Bilxiginnaa yeroo kanatti Qeerroowwaniifi qabsaa'ota hawwachuuf duula kana bananiif akka odeessanitti faaydaa ummataaf miti. Akeekni isaanii in dhugaa qabsoo mooraa mormitootaan jabaachaa dhufe kana dhaamsuudhaafi. Keessattuu yeroo dur jalqaban akkuma bara dur san Qabsoo Qeerroo jiddugaleessa godhate taasisuuf kan karoorfanne waan se'aniif, qabsaa'ota muuxannoofi dhageettii qaban dafanii qabatanii nu dura dhaabbachuuf ture. Boodarra tarsiiimoon keenya akka isaan tilmaamanii turan ta'uu didnaan seenessa 'tokko taanee warra Kaabaa dura dhaabbanna' jedhuun hawwachuu yaalaa jiru.
Waahalleefuu sababni yeroo kanatti Bilxiginnaan Qeerrowwan hawwachuuf ishii kakaase dhugumaan sirna ummata fayyaduu ijaaruuf ykn ammoo 'tokkummaa Oromoo cimsuuf' osoo hin taane, Qeerroofi qabsaa'ota guuza baafattee balaa amma itti dhufaa jiru kana jalaa of baraaruufi. Qeerrowwan kun balaa kana irraa qolachuuf erga itti fayyadamtee booda handaaratti facaafti. Kanaaf ammoo ragaan fagoo osoo hin deemin qabsaa'ota waggoottan torban dabre yaada 'mootummaa Oromoo cimsuu' kanaan hawwatamee itti makame booddeen isaanii maal akka ta'e ilaaluun gahaadha.
2) Akkuman amma dura barreesse Bilxiginnaan, keessattuu Abiy, namoota Qabsoo Oromoo keessaaa itti makaman booji'amaafi kara-deemaa jedhee laala. Qabsaa'ota kanaan warra qabsoorraa abdii kutatee yookin dhiibamee dhufe malee kan akeekaafi kaayyoo keenyatti amanee dhufe miti; boru nus ni gana waan jedhaniif hin amanan. Kanarraa ka'uun namoonni qabsoo keessa turan yoo itti makaman taaytaa angoon bira hin jirre itti kennu. Jechuunis maqaaf iddoo itti gaafatamummaa tokkotti muudanii, jalaa gubbaan namoota sirnichi guddiseen marsuun, aangoo waan murteessuuf dandeessisu hoongessu. Kanaafuu, qabsaa'aan isaanitti makame, takkaa laamsha'ee barcuma duwwaa qabatee itti fufu. Lakki aangoo murteessummaa taaytaan walgittuun fayyadama jedhee yoo wixxifate ammoo dhiibame alatti gatama. Ammas fakeenya yoo barbaaddan jaallan nu biraa gamas makamanii taaytaan kennameefi ture dhawaatan harcaafamuu isaanii yaadadhaa. Abalu fa'aa ministeera, deetaa ministeeraa, itti gaafatamaa wajjira saniifi kanaa turan. Har'a hoo? Carraan namoota haaraa itti dabalamuus kanarra adda hin ta'u.
3) Osoo hoggansi Bilxiginnaa olaanaanuu Qeerrowwan kana sirnichatti dabalanii aangessuu onneerraa itti kan amanu taatee, caasaan amma jiru miila tokko hin tarkaanfachiisu. Akkuma Taayyee Danda'aa jedhu, yeroo ammaatti caasaan mootummaan jalaa hamma gubbaatti, caasaa jaalaa-soddaan malaammaltummaan wal harkisee itti guutameedha. Namni alaa caasaa mootummaa bifa sanii keessa yoo seene, takkaa qaama caasaa malaammaltummaa san ta'ee tapha jiru itti fufsiisa. Yoo malaammaltummaarraa bilisa ta'een ummata tajaajila jedhe ammoo dantaa dhuunfaafi gareetiin walitti bu'a. Gurmuun malaammaltummaa kun, miidhaa namni haarayni kun dantaa isaanirraan gahuu malu ofirraa faccisuuf, caasaa gubbaa, jalaafi dalgaan shira itti xaxuun laamshessa. Tura keessa namni haaraan kun takkaa harka kennee miseensa caasaa hannaa san ta'a. Didnaan shiraan dhiibamee alatti gatama.
4) Bilxiginnaan dhuguma humna Oromoo tokkoomsuu barbaaddee walwaraansa Oromiyaa keessaa araaraan fixxi ture. Faallaa kanaa marii marsaa lammaffaa WBO waliin ture kan waliigalteef fiixerra gahe san shiraan jiigsite. Mariiin marsaa sadaffaa akkan hin jiraanneef waliigaltee qaamota sadaffaa waliin mallatteessite diiguun Marroon biyyatti akka hin galle dhoowwuu yaalte. Kan warra qawwee qabateetuu moggatti dhiifnee, Bilxiginnaan dhuguma qabsaa'ota Oromoo waliin hojjachuu osoo feetee marii dhiheenya kana ABOfi KFO waliin eegalte jidduun kuttee biraa hin deemtu ture. Akkuma jalqaba shakkine olola yerootiif itti fayyadamtee achumaan badde. Joollee Jaal Sanyii fa'a waliin galtes, namoota muraasa agarsiisaaf taaytaa itti kenniteefi lolatti bobbaafteen ala, kanneen hafan ni facaafte. Warruma taaytaa itti kennites gubbaa jalaan warra sirnichaatiin marsitee aangoo dhugaa dhabsiisuun, odeeffannoo irraa guurrachiifi hojii ololaa qofaaf itti fayadamaa jirti.
Dimshaashumatti wanti jala muramee beekkamuu qabu, tarsiimoon Abiy Ahmadiifi Bilixiginnaa qabsaa'ota qeenxeen luqqiftee fudhattee itti fayyadamtee xureessitee gatuu malee, akka gurmuutti waliigaltee sirnaa irratti hundaayuun waliin hojjachuuf fedhii hin qabdu. Olola 'warra Kaabaa' jedhu haa oofan malee, Abiyifi tuutni isa marsitee jirtu kaleessas har'as akka diina adda dureetti ( existential threat) kan laaltu qabsaa'otaafi jaarmayaalee qabsoo Oromooti. Osoo tole jedhaniifi warra biraati waliin mariin (negotiation) dubbii fixachuuf fedhii qabu. Oromoofi Oromiyaa keessa garuu namnis ta'ee jaarmayni isaanitti hin maxxanne akka jiraatu gonkumaa hin barbaadan. Tarsiimoon isaanii nama qabsoo Oromoo keessa tureefi jiru kamuu yoo danda'an tokko tokkoon ofitti hawwatanii itti fayyadamanii erga ummata biratti jibbamee booda gatuudha. Warra hawwatamuu dide ammoo bifa danda'ame maraan dhabasiisuudha. Kun dhugaa qabsaa'onni itti hawwatamanii turan marti ragaa bahaniidha.
Kanaafuu, gorsi ani Qeerrowwaniifi qabsaa'ota Bilxiginnaan isin waswaasaa jirtuuf qabu kana:
Qabsoon dheerachuunifi bacancaruun hedduu keessan abdii akka kutachiifte nan hubadha. Sanirraan qaalomiinsi jireenyaa miidhaa hamaaf isin saaxiluunis ifa. Namoonni kaleessa gaafa isin qabsotti cichitan isaan gara mootummaa goran gariin har'a tujjaaromanii qabeenya isaanii ija dura isin o'oofuunis dhiibbaa xiinsamuu 'an hoo hanga yoomiin maqaa qabsootiin hooqqadha' jedhu uumuu mala. Sababoota armaan oliifi kanneen biroo kamiifuu sirnichatti makamuu yoo murteessitan nan hubadha. Rakkoon isinitti hammaattee, abdii kutattanii itti makamuun yeroofi taatu galii ittin jiraattan argachuuf taanaan homaa miti. Garuu ammoo sirna kanatti makamnee waan ummata keenya fayyadu, kan akeeka kaleessa qabsooftaniif galmaan ga'u hojjachuu dandeenya jechuun abdii hin taane onnee keessatti of hin uuminaa. Abdii sobaa akkasiitiin of amansiisuun bor qalbii cabuu fiddi.
Activist. Jawar Mohammed