Ethio-Socialist

Ethio-Socialist Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ethio-Socialist, Nairobi, Asella.

Injera🄰
22/08/2025

Injera🄰

Injera is a spongy, round flatbread that serves as a nutrient-rich staple of the Ethiopian diet, as well as a serving plate and utensil. Preparing injera in the traditional method takes a lot of practice. This version streamlines the fermentation process for the novice. https://nyti.ms/3HCd3qe

21/08/2025

Professor Merera Gudina to Hold Community Meeting in Washington, D.C.

Washington, D.C. — The Chairman of the Oromo Federalist Congress (OFC), Professor Merera Gudina, will convene a community meeting with members of the Oromo community from across the Northeastern United States.

The event will take place on Saturday, September 6, 2025, at 3:00 PM EST at the Oromo Community Organization-DMV Hall, 6212 3rd Street NW, Washington, D.C. 20011.

Professor Merera will deliver a comprehensive briefing on the current state of Oromia, Ethiopia, and the wider Horn of Africa region. He will also present OFC’s vision for building a united Oromo front to prepare the community for emerging political and economic challenges of historic significance.

The OFC calls upon all Oromos in the region to attend this important gathering and actively engage in the discussion on our shared future.

BUBBEE FARRA TOKKUMMAATIBBA KANA WAA’EE  UMMATA OROMOO KEENYA, UMMATA ARSII FI HARARGHEE IRRATTI YAADA KOO:=============...
30/07/2025

BUBBEE FARRA TOKKUMMAATIBBA KANA WAA’EE UMMATA OROMOO KEENYA, UMMATA ARSII FI HARARGHEE IRRATTI YAADA KOO:

===================================

Dhiheenya kana, Ajandaa wal jibbaa fi Qoqqoodiinsaa kana irra Yoo Lafa nutti dhiphisu ifatti mul’achaa turee jira.
Ajandaa kana yeroo jalqabaatiif Namni Kaasee fi akkasumas osoo Lakki dhiisiā€, ajandaan kun Balaa hamaa qabaachuu danda’aā€, asumatti dhaabi maaloo ā€œ jedhamee osoo kadhatamuu, Dhagahuu didee kan babal’ise, artist Kadiir Martuu ti.
Garuu, wanti hubatamuu qabu inni guddaan, ajandichi Kan Madde mataa Kadiir Ykn Nama dhuunfaa fi garee muraasa biroo irraa osoo hin taane, mootummaa Biltsiginnaa irraa kan dhufe ta’uu isaa ti.
Kun Haala qabatamaa Tibba kana wojjiin argaa turre irraa salphamatti ni hubatama.

Mootummaan Biltsiginnaa, yeroo ammaa kana, ummata Oromoo kana gidduutti tokkummaa cimaa sana , jaalala fi gootummaa seenaa woliin qabaachaa ture sana, keessaahuu addatti immoo Ummata lamaan kana (Harargee fi Arsii ) biratti mul’atu diiguuf Halkanii fi Guyyaa hojjachaa akka jiru beekkamaadha.
Kana gochuun, Humna siyaasaa/deeggartoota paartii mormituu fi Activistootaa mootummaa mormanii Baayyinaan ummata kana lamaan bira akka jiru waan beekuuf, ajandaa Gadhee/summii Kana ummata kana giddutti Facaasutti jira.
Ummata kana qofa osoo hin taane, sirni kun Karaa garagaraatiin Gola Oromoo keessa Bakka Adda addaatti olola kijibaa farra tokkummaa facaasuidhaan, wal-dhabbii uumuuf Hojjii irratti argama.

Tibba kanas ,Artist Kadiir Martuu’n, karaa miidiyaa kanaan akka nama ummata Harargee qofaaaf falmuutti gad bahee ummata Arsii arrabsuuf, Ajajni Biltsiginnaa irraa Karaa Faarsee bultoota sirnaatiin itti kennamuun ifa gala.

Ajandaa farra tokkummaa & wal jibbansaa fi wal-dhabbii ummattoota jiddutti uumuun kun tarsiimoo sirnattii kanaati.

Haa ta’uus garuu, Ummatni Oromoo Baroota dheeraadhaaf, sirni cunqursaa hunda tokkummaa fi wal hubannaafhaan dura waan dhaabbateef, Diina addaan nu diiguuf dhufe hin milkoofneef hafee jira.
Ammas Ummanni Oromoo, adda durummaan Harargee fi Arsii kun Olola kana tokkummaadhaa fi wal hubannaadhaan Sirna qaama addaan isaan qoqqoofuu, fi akkasumas sirna cunqursaa isaan Cabsuuf dhufu kamiinuu dura dhaabbachuu itti fufuu qabu.

Wonti hubatamuu qabummoo, sirni diinummaa fi qoqqoodinsa Kana oofaa jiru yeroo muraasa qofa jiraata.
Tokkummaan, jaalalli fi Aanteen Oromoo garuu bara baraan injifataa ta’ee jiraachuusaa itti fuufa.

Tokkummaa Humna!.
.

26/07/2025

Haala Sosochii Siyaasaa Hayyootaa fi Paartiilee mormitootaa Oromoo fi Gara jabeenya (Hammeenyaa fi wallaalummaa) Mootummattii Ethiopia irratti Yaada koošŸ‘‡

====================================

Amma yeroo ammaa kanatti, biyyattii Ethiopia Tana keessatti rakkoo siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa hammaataa jiru keessatti, hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa fi Kanneen federaalaas yeroo baay’ee gahee isaanii sirriitti bahuu dadhabanii, rakkoo fi hanqinoota keessaa fi alaa irraan gahuuf hawaasa yakkuun, hayyoota Oromoo arrabsuun, fi paartiilee mormitootaatti gufuu ta’uun isaanii ni mul’ata.
Kun ammoo mallattoo dadhabinaa fi sodaa keessa jiru agarsiisa.

Fkn. Obbo Shimallis Abdiisaa yeroo darbe Yaa’ii Caffee Oromiyaa irratti hayyoota Oromoo fi paartiilee mormitootaa arrabsuun isaanii bifa wal-xaxaa fi dogoggora siyaasaa cimaa of keessatti kan qabate ta’uun isaa ifa ture.
Hayyoonni Oromoo, akka fakkeenyaatti, seenaa keessatti qooda olaanaa taphatanii fi qabsoo bilisummaa, walqixxummaa fi guddina saba isaaniif falmaa turaniiru.
Kanaaf, isaan arrabsuun ofiif illee ifatti dadhabina ofii of saaxiluu yoo ta’e malee hiika biraa waan qabaatu natti hin fakkaatu .

šŸ‘‡Haala Amma Caasaan Biltsiginnaa keessa jirtuu fi Qabatama Ummatni Oromoo keessa jiru:

Mootummaan yeroo ammaa kanatti caasaa isaa ummata irraa fagaatee, hojii isaa humna waraanaa fi doorsisaa irratti hundeessuudhaan ummata ofiin ukkaamsee bulchuuf yaalaa jira.
Badhaadhinni jerri odeessu, qaamota Odola badhaadhinaa ( የ į‹°įˆ“į‰± įŠį‹ŽįˆØį‹‹į‰½) worra ta’an biratti malee ummata bira hin jiru.
Ummatni kun mootummaa kana irraa dhugaa fi haqaan hojjetuu dhabuu, dhimmi ummataa akka rakkina lafaa, mirga siyaasaa fi mirga namoomaa irratti abdii kutannaa guddaa ta’eetu jira.

2. Tokkummaa Hayyoota fi Ummataa Oromoo:

Hayyoonni Oromoo, kanneen barumsaan, ogummaan, akkasumas seenaa fi aadaa saba isaanii beeku fi kabajan, yeroo ammaa walitti dhufuun mootummaa kana biratti sodaa fi shakkii guddaa uumeera. Sababni isaas, hayyoonni kun dhugaa dubbatu, dhimmoota sabaa ifa baasanii himu, mootummaa abbaa irree jibbisiisu. Tokkummaan hayyoota Oromoo, utubaa jabaa ta’ee caasaa mootummaa kufaatii irra jiru kana keessatti jijjiirrama barbaadamu fiduuf deeggarsa guddaa ummata biratti argataa jira.
Tokkummaan Hayyoota keenyaa Gara fuulduraas cimee itti haa fuufuun Hawwii kooti!.

3. Cabiinsa Siyaasaa fi Diinagdee:

Cabiinsi siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru, haala yeroo ammaa Oromiyaatti mul’atu caalaa, saboota biroofis rakkoo ta’aa jira. Mootummaan ce’umsa dimokiraasii gaggeessuuf haala mijeessuuf osoo hin yaalin, gara mootummaa abbaa irree deebi’uun, mormitoota ukkaamsuu, fayyadamtoota mootummaa ofii taasisuu fi sirna federaalaa keessaatti aangoo of harkaa qabuun ummata jilbeeffachiisuuf halkanii guyyaa hojjechutti akka jiru Guyyaa Guyyaan waanuma ija kee haan toora social media kana irratti argaa oolluudha.
Kana Addumyaanis quba qabdi.
Kana keessa, sabni jelqabarratti Miidhaa hamaaf saaxilamaa jiru, Oromoodhuma.

Dhiibbaa siyaasaa kana waliin, dinagdeen biyyattii kufaatii cimaa keessa seenuun jireenya ummataa rakkisaa taasiseera. Gatii nyaataa fi tajaajila bu’uuraa dabalaa jiru, daldaltoota fi qonnaan bultoota rakkisaa taasisuun, guddina irraa fagaachuun jiraachuu murichaa jira.

Akka Yaada kootti furmaataa fi Daandii Jijjiiramaa jedhee Kanin Yaadu:šŸ‘‡

• Tokkummaan hayyoota Oromoo jabaachuu qaba.
• Ummanni Oromoo, mootummaa abbaa irree kana dura dhaabbachuun mirga isaaf falmachuu qaba.
• Paartiileen mormitootaa humna isaanii waliin qabatanii gara hojii dhugaa fi hojii ummataa deebi’uu qabu.
• Qeerroofi Qarreen Oromoo seenaa isaanii beekuudhaan, tokkummaa fi sirna haqaa buusuuf hirmaachuu qabu.

===Xumura/conclusion irratti Dhaamsa koo:šŸ‘‡===

Arrabsoo fi salphinna hayyoota Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kana balaaleffachuun dirqama Oromoota maraati. Hayyoonni Oromoo kabajamoo dha. Tokkummaan isaanii caasaa mootummaa dadhabsiisuu fi jijjiirrama haqaa fiduuf meeshaa jabaa dha. Mootummaan tokko yoo ummata isaa jibbe, ummanni sunis dhugumaan mootummaa san jibbaa – kun haqa dha. Kanaaf, yeroo ammaa Oromoon hundi gara tokkummaa, gara qabsaa’ummaa fi gara bilisummaa dhugaa tarkaanfachuu qaba.

Aman fc

Address

Nairobi
Asella
00610

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethio-Socialist posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ethio-Socialist:

Share