31/07/2026
Poolisiin miseensonni garee kubbaa miilaa badan fedhii isaaniitiin kan miliqan ta'uufi gochi daddabarsa namoota seeran alaa taatee kana irratti raawwatamuu ragaan akka hin jirre ibse
Finfinnee, Adoolessa 31, 2026: Poolisiin Iswiidin taphattoonni garee kubbaa miilaa Itoophiyaa kan baay’inaan 20 ta’an dorgommii dargaggootaa Giiziyaa Kaap (Gothia Cup) 2026 magaalaa Gootenboorg irratti hirmaatanii booda badan, fedhuma isaaniitiin kan ta’e malee gochi daldala namootaa kan seeraan alaa raawwatamuu isaatiif ragaan tokkollee kan hin jirre ta’uu ifoomse.
Dhabamuu taphattoota kanaa erga gabaafameen booda, Feedereeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibsa baaseen, gareen dargaggootaa kun gara Iswiidin kan imale tattaaffii dhuunfaa isaaniitiin ta'uufi garee biyyaaleessa Itoophiyaa bakka kan hin bu'in ta'uu ifoomse
Akka miidiyaan Iswiidin gabaasetti, gareen kuni irra caalaan isaanii ijoollee umrii 14 hanga 17 keessatti kan argaman ta'uufi , geggeessaa ga'eessa tokko waliin dorgommii Adoolessa 12 hanga 18 geggeeffame irratti mana barumsaa keessa turan. Guyyaa dhuma dorgommiichaa irratti, qopheessitoonni gareen kun utuu hin beeksisaini iddoo qubannaa isaanii gadhiisanii miliquu isaanii erga barameen booda poolisitti gabaasaniiru.
Poolisiin akka beeksisetti, qaamonni dhimmi ilaallatu gareen kun eessa akka jiru beekuuf carraaqqii itti fufe jira. Garuu yeroo ammaa kanatti gochi yakkaa yaaliin namoota seeraan ala daddabarsuu raawwatamuu isaatiif ragaan tokkollee hin jiru. Qorannichi dhaabbilee dhimmi ilaallatu biroo waliin qindoominaan geggeeffamaa akka jirus ibsameera.
Bakka bu’aan miidiyaa dorgommii Gothia Cup Fredriik akka ibsetti, taateen kun kanaan dura isaanii qunname kan hin beeknefi baay'ee addadha. Gareen Itoophiyaa kun kanaan duras dorgommii kana irratti kan hirmaate ta’uufi qopheessitoonni dorgommiichaa garee sana waliin hariiroo yeroo dheeraa kan qaban ta’uu eere.
Gaazexaan Siwiidin Göteborgs-Posten fi Expressen akka gabaasaniitti, qopheessitoonni dorgommiichaa bakka bu’aa garee Itoophiyaa sanaa waliin qunnamtii kan qaban ta’uufi taphattoonni kun nagaadhaan akka jiranis ta'e maatii isaanii waliin qunnamtii akka qaban bakka bu'aan sun beeksiseera. Garuu, bakka bu’aan kun gareen kun eessa akka jiru ykn gara Itoophiyaatti deebi'uu isaanii mirkaneessuu irraa of qusateera.
Adoolessa 28, dorgommiin kun erga xumuramee guyyoota 10 boodas, gareen kun gara Itoophiyaatti kan hin deebine ta'uun gabaafameera.
Feedereeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibsa miidiyaa hawaasaa irratti qoodeen, badiinsa taphattoota kanaafi gadduu isaa beeksiseera. Akkasumas, taphattoonni kun miseensa garee biyyaaleessa Itoophiyaa akka hin taane ifa godheera. Feedereeshinichi oduuwwan "garee biyyaaleessa Itoophiyaati" jechuudhaan gabaafaman fudhatama kan hin qabne ta’uufi, oduuwwan akkasii sirrii akka hin taane eerera.
Dorgommiin Gothia Cup dorgommiilee kubbaa miilaa dargaggootaa idil-addunyaa biyyoota addunyaa irraa gurguddoo ta'an keessaa isa tokko dha. Dorgommiin kun waggaa waggaatti gareewwan biyyoota hedduu irraa dhufan gara magaalaa Gothenbuurgitti kan hawwatuu dha.
Maddi: Addis Standard Afaan Oromoo 🙏