Fox news Afaan oromoo

Fox news Afaan oromoo Baga Nagayaan Gara Fox news Afaan oromoo itti Dhuftan

Xiyyaarri US F-15 amma Iraanitti kufe isa ammayyaa yoo ta'e hanga $100million baasa jedhama.Xiyyaarri kun nama lama baat...
04/04/2026

Xiyyaarri US F-15 amma Iraanitti kufe isa ammayyaa yoo ta'e hanga $100million baasa jedhama.
Xiyyaarri kun nama lama baata. Sababni gara Iraan imaleef samiirratti dirooniifi misaayeloota Iraan haleeluuf akka ta'e amanama.
Ofii Haleellaa akkamii raawwatuuf gahumsa qaba?

Adabbiin gaa’elaa’ jedhu gibirri miliyeenara haaraa kutaa Waashingitan falmii kaaseera                 Gibirri galii yer...
21/03/2026

Adabbiin gaa’elaa’ jedhu gibirri miliyeenara haaraa kutaa Waashingitan falmii kaaseera Gibirri galii yeroo jalqabaaf kutaa biyyaa Waashingitan galii waggaatti doolaara miiliyoona 1 ol ta’u irratti gibira %9.9 kaa’a.

Garuu akka seera kanaatti, ulaagaan doolaara miiliyoona 1 namoota dhuunfaa, hiriyoottan gaa'elaa fi hiriyoota mana keessaa irratti raawwatiinsa qaba.

Kana jechuun hiriyoonni gaa’elaa walitti qabaman doolaara miiliyoona 1 ol yoo argatan gibira kanaan rukutamu, kunis waa’ee “adabbii gaa’elaa” jedhamu irratti falmii uuma.

Namoota 200 ol naannoo Somaaleetii baqatanii Moyyaalee qubatan maaltu mudate?Bulchiinsi magaala Moyyaalee namoota 200 ca...
20/03/2026

Namoota 200 ol naannoo Somaaleetii baqatanii Moyyaalee qubatan maaltu mudate?

Bulchiinsi magaala Moyyaalee namoota 200 caalaan kan tibbana naannoo Somaaleetii baqatanii gara magaalichaa dhufan qubsiisee deeggaraa jira.

Kantiibaa itti aanaan magaalaa Moyyaalee Obbo Abdii Eedii akka himanitti, namoonni kunneen naannoo Somaalee bakka Laayee jedhamurraa baqatanii dhufuun Magaala Moyyaalee qubatan.

"Akka isaan irraa odeeffannetti namooni kutaalee biyyattii adda addaa irraa naannoo Somaalee deemanii hojii adda addaa hojjechuun ofjiraachisaa jiran dhiheenya bakka jiraachaa jiranitti waldhabdee uumame hordofeeti kan baqatanii dhufan"

"Akka isaan jedhanitti jalqaba namoota hojiif garas deemantu gurbaa somaalee loon tiksu tokko ajjeese. Ajjeechaa sana hordofee tarkaanfii haaloo bahiinsaa fudhatame hordofuun haleellaan nurratti raawwatama sodaa jedhuun kanneen bakka adda addaatii achitti hojjechaa turan kan baqatanii bahan" jedhan.

Baqattoonni kunneen dhalattoota Oromoo, Geede'oo fi sabaa fi sablammoota biroo yoo ta'an Kibaxata darberraa eegaluuni kan gara Magaala Mooaayeeltti baqatanii dhufan.

Namoota naannoo Somaaleerraa baqatanii Moyyaalee qubatanMadda suuraa,Komunikeeshinii Magaala Moyyaalee
Lakkoofsi namoota baqatanii dhufan kanaa 200 akka caale kan himan angaa'aan magaalichaa kuni, ammallee kanneen bakkicharraa baqaanii dhufaa jiran jiru jedhan.

Kanneen baqatanii dhufan kana keessa daa'imman, dargaggoonnii fi namootni gurguddoon keessatti kan argaman ta'uus eeran

Bulchiinsi magaala Moyyaalees lammiilee naannoo Somaalee irraa sodaadhaan baqatanii gara magaalichaa dhufan kana iddoo tokkotti qubsiisuun deeggarsa gochaafii jiraachuu himan obbo Abdiin

19/03/2026

Baga Ayyaana EID Al Fitri Tan Hijraa 1447 ittiin isin Gahe EID MUBARAK

Lammiileen Iraan miliyoonaan lakkaa'aman chaanaaliiwwan saatalaayitii afaan Parshiyaan tamsaasan kan hordofan ta'us, ofi...
18/03/2026

Lammiileen Iraan miliyoonaan lakkaa'aman chaanaaliiwwan saatalaayitii afaan Parshiyaan tamsaasan kan hordofan ta'us, ofiin odeeffannoo walabaa argachuuf ni rakkatu.

Uummata Iraanitti waayee waraanichaa maaltu itti himamaa jira?

18/03/2026

American Hanqina Maallaqaa irraa Kan Ka.e Buufata Xiyyaaraa ishee Cuftuuf Akka Dirqisiifamte Himte

Israa’el guyyaa lama keessatti ajjeechaa sadaffaan ministeera basaasaa Iraan ajjeesuu dubbatteetti.                     ...
18/03/2026

Israa’el guyyaa lama keessatti ajjeechaa sadaffaan ministeera basaasaa Iraan ajjeesuu dubbatteetti. Israa’el Kibxata darbe akka jettetti Ministirri Odeeffannoo Iraan Esmaa’eel Khatib “haleellaa xiyyeeffannoo” Tehran keessatti raawwatameen ajjeefamaniiru.

Israa’el qondaalli nageenyaa olaanaa Iraan Alii Laarijaanii fi ajajaan humnoota Baasij Iraan Gholamreza Soleimani lamaan isaanii iyyuu ajjeefaman erga jettee yeroo muraasa booda ta’eera.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan waa’ee gabaasa du’a Khatib yeroo gaafataman “wanti ibsame hin jiru” jedhan.

18/03/2026

Iran Messail Israel itti Darbachuudhaan Lubbuun Namoota 2 Darbee Kuuniis Madaahee Jira
18/03/2026

Iran Messail Israel itti Darbachuudhaan Lubbuun Namoota 2 Darbee Kuuniis Madaahee Jira

Address

Nairobi
00100

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fox news Afaan oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share