07/02/2026
Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo
====================================
Gootichi Oromoo Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo Amuumaa Naannoo Haramaayaa bakka Hubata ja'amtutti dhalate. Alagaan garuu seenaa tana dabsuuf lafa tana Hubat jattee maqaa itti moggaafte. Hubata jechuun Afaan Oromoo qulqulluudha. Hubataa jechuudha.
San malees Imaam Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo ilma Garaadichaatiis kan ofii godhuuf qaadhimteeti asoosama sobaa hedduu barreeysite. Eenyummaa namaatii fi lafa nama maqaa dabsanii hatuun hin taatu. Seenaa qabaannaan tanuma ofii barreeyfachuudha.
Seenaa Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo tan ida'ataa gabaan isiniin ja'a. Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo ilma Garaadaati. Bara jireenya isaa Hawaasa Naannawa Hubataa biratti Ahmed Ibraahim Garaadoo jechuun beekkama. Maqaan kun Garaadummaa Abbaa isaarraa kan moggaafame tahuu isaati. Adeerri isaa Harbuu Ahmed Garaadoo ja'ama. Harbuu jechuun maqaa Mukaati.
Bara dur Maqaan Oromoo irra guddina maquma mukaatiin moggaafama. Ammallee numa jira. Haati Ahmed Ibraahim Garaadoo Shamsiyaa ja'amti. Gargaaraa waraanaa ture Umar Dambaraa ja'ama. Akka namni Seenaa tana lafa kaaye ja'utti Dambaara jechuun Daangaadha. Dambaara jecjuun Afaan Oromoo Oromoonni dur itti fayyadamaa turani.
Dhaabni Imaam Ahmed Ibraahim Garaadoo hundeeysee hogganaa turees Walsiimaa ja'ama. Walsiimaa jechuun walfudhachuu jechuudha. Barreeysaan kun Haadha Mana isaatiis hiikkaa wajjiin lafa kaahe. Akkuma hundi keenya beeynu Haati mana isaa Baatii Waanbaraa ja'amti.
Barreeysaan kun qorannoo gad-fagootiin seenaa tana barreeyse/lafa kaaye/ Haaluma kanaan Baatii Waanbiraa je'ee hiikkaa wajiin sirreeysee barreeyse. Kanaafiis Baatii jechuun ji'a, Waanbiraa jechuun haala gaariidha jechuudha je'eeti haala nama fudhachiisuu fi ragaa qabuun barreeyse.
Jemal Ahmediin
Ebla 14, 2025