Obora media network

Obora media network Información de contacto, mapa y direcciones, formulario de contacto, horario de apertura, servicios, puntuaciones, fotos, videos y anuncios de Obora media network, Guadalajara.

Qabeenyi akka sammuu fayyaa Caalu hin jiru, hiyyummaan akka wallaalummaa Caalu hin jiru, gargaarsi akka gorsa sirrii Caalu hin jiru, dhaalli akka amala Gaarii Caalu hin jiru.

14/05/2026

I'm in the top 5% of Tajudiin Mohammed fans. I earned 129 points on their weekly engagement list last week.

10/05/2026

Filachuun Mootummaa Qabsoon Arganne Bulchachuudha!

Mootummaan jijjiiramaa Muummee Ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimadiin durfamu filannoo marsaa 7ffaa caamsaa 24 gaggeffamu amanamaa, haqa qabeessaafi dimokraatawaa taasisuun biyya roga maraan fakkeenya taate ijaaruuf waadaa gale dirree siyaasaa bal'isuun gochaan agarsiisaa jira.

Mootummaan Badhaadhinaa Abbichuufi Mootummaa jijjiiramaan hoogganamu qabsoo Sabaafi Sablammootafi addatti immoo aarsaa qaalii ummanni Oromoo kanfalaniin angootti bahe milkaa'inoota hojii misoomaa, hawaasummaafi dipiloomaasii waggaa 50tti hin hojjetamne, waggaa 8 qofa keessatti galmeessee olka'insa Itoophiyaa addunyaarratti mul'isuun filannoo marsaa 7ffaa caamsaa gaggeeffamu irratti dorgoma.

Mootummaan Ummata keessaa bahee ummataan filatame injifannoo seenaa qabeessa galmeesse filachuun immoo mootummaa qabsoon argannee bulchachuudha. Badhaadhina Filannoo keessan calqabaa taasisuun ijaarsa biyyaa eegalame itti haa fufsiifnu.

19/03/2026

Halkan itti Dhabaaf dhibee kee furmaata itti argatu Rabbiin siif godhu 29ffaa

Yeroon itti galaana diimaa milkeessinu ammumadha!Mootummaan jijjiiramaa gama hundaan ol aantummaa Itoophiyaa dhugoomsuuf...
09/03/2026

Yeroon itti galaana diimaa milkeessinu ammumadha!

Mootummaan jijjiiramaa gama hundaan ol aantummaa Itoophiyaa dhugoomsuuf halkanii guyyaa hojjetaa jira.Guddummaa biyyaaf dhiimmoota murteessoo ta'an keessaa tokko dhimma galaana diimaati. Kanas milkeessuuf Abbichuun miira yeroo hin qabnuun hojjechaa jira. Galaana Diimaa mirkaneessuun dhimma egeree Itoophiyaa murteessudha. Biyyoonni guddatan hundi karra galaanaa isaanii mirkaneeffachuun dinagdee isaanii jabeessaniiru. Kanaaf Itoophiyaanis mirga ishee kabachiisuun imala ishee gara galaana diimaatti tattaaffii cimaa gochaa jirti.
Yeroon isaa ammuma dha. marii nagaa, waliigaltee fi tumsa naannawaa irratti hundaa’uun Galaana Diimaa mirkaneessuun dinagdee jabaa, daldala bal’aa fi badhaadhina uummataaf bu’uura kaa'uuf ciminaan hojjetamaa jira. Kanaaf hundi keenya kaayyoo kanaaf qophii fi kutannoo guddaa qabna.

Ministeerri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed fi Giifti Duree Zinnaash Taayyachaw Harargee Bahaa Gaara Seena Qabeessa Ik...
09/03/2026

Ministeerri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed fi Giifti Duree Zinnaash Taayyachaw Harargee Bahaa Gaara Seena Qabeessa Ikoo Turizimii Qundhudhoo fi Fardeen Bosonaa Gaara Qundhudhoo Daawwatan.

Galmi keenya badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuudha!!Galmi mootummaa ida'amuu badhaadhina hundagaleessa ta'e dhugoomsuu...
26/02/2026

Galmi keenya badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuudha!!

Galmi mootummaa ida'amuu badhaadhina hundagaleessa ta'e dhugoomsuudha. Sababni isaas, Badhaadhinni abdii egeree dhalootaa waan ta'eefidha. Abbichuun hiyyummaa dhidhimsuuf hoogganaa kutatee ka'e waan ta'eef gama hundaan jijjiirama ajaa'ibsiisaa fidaa jira.

Itoophiyaan har’a qarqara jijjiirama guddaa irra geessee jirti. Caba seenaa kanaan duraa suphaa, qabeenya ishee awwaalamee ture immoo humna diinagdeetti jijjiiraa jirti. Marii biyyaalessaa fi tarkaanfiiwwan haqaa irratti hundaa’uun, amantaa uummataa deebisanii ijaaruu fi barii haaraa akeekaa jirti.
Karoorri badhaadhinaa of-danda’uu fi abjuun keenya inni guddaan badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuudha. Adeemsi kun immoo hojii qabatamaa fi bu’aa hundi keenya ijaan arginuun jalqabamee jira. Badhaadhina mirkaneessuun dhimma dantaa dhuunfaa osoo hin taane, xurree hiyyummaa keessaa baanee biyya guddattiitti ittiin ceenudha.

Dr. Abiyyi Itiyoophiyaa biyya modeela Afrikaa taasisee jira. Wantoota hedduu biyyi keenya fakkeenya taatun keessaa muraa...
26/02/2026

Dr. Abiyyi Itiyoophiyaa biyya modeela Afrikaa taasisee jira. Wantoota hedduu biyyi keenya fakkeenya taatun keessaa muraasa yoo kaafne misoomni koriidarii,qonni qamadii,inisheetivoonni qonnaa,turizmiin fa'iidha. Kana malee Dr. Abiyyi falasama addunyaaf nama gumaacheedha. Kun immoo biyyi keenya biyya moodeela addunyaa akka taatu taasiseera.

🇪🇹 Filannoo Marsaa 7ffaa: Bu’uura Sirna Dimokiraasii Jabaa!--------------Filannoon marsaa 7ffaa Itiyoophiyaa keessatti g...
26/02/2026

🇪🇹 Filannoo Marsaa 7ffaa: Bu’uura Sirna Dimokiraasii Jabaa!
--------------
Filannoon marsaa 7ffaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu, imala dimokiraasii biyya keenyaa keessatti jijjiirama guddaa Seenaa biyyatti keessatti taatee haaraa calaqqisiisa jira, Adeemsi filannoo kun iftoomina, walqixxummaa fi hirmaannaa uummataa irratti hundaa’uun gaggeeffamaa.

Paartileen siyaasaa garaagaraa filannootti hirmaatan qophii isaanii karaa nagaa fi seera qabeessa ta’een gaggeessaa jiru, Adeemsi kun to’annoo fi qajeelfama dhaabbata mootummaa irraa walaba ta’e National Election Board of Ethiopiatin gaggeeffamaa jiraachuun isaa amanamummaa fi haqaa qabeessummaa cimsaa jira, Galmeen filattootaa, leenjiin raawwachiistoota filannoo fi qophiin buufataalee filannoo haala qindaa’een adeemsifamaa jira.

Sirni dimokiraasii jabaachuun filannoo qulqulluu fi walqixxummaa qabu gaggeessuu irratti xiyyeeffata waan ta’eef, tarsiimoo hoggansa cimaa Muummeen Ministeeraa FDRI Dr. Abiy Ahmed Ali diriirseen dirree siyaasaa bal’isuun, yaada garaagaraa kabajuu fi marii siyaasaa nagaan akka geggeeffamu taasisuuf hojii bal’aa hojjetaniiru. Kunis paartileen siyaasaa garaagaraa bilisaan akka socho’an, yaada isaanii akka ibsatan fi uummanni filannoo isaa sodaa malee akka raawwatu haala mijeesseera.

Filannoon bara kanaa kanneen darban irraa adda ta’uu isaa wantoonni hedduun agarsiiftudha, Hirmaannaan dargaggootaa fi dubartootaa dabalaa jira; qaamoleen hawaasaa garaagaraas qooda fudhachaa jiru. Kunis dimokiraasiin lafa qabachaa jiraachuu fi murtiin siyaasaa sagalee uummataan murtaa’uu kan mirkaneessudha.

Walumaagalatti filannoon marsaa 7ffaa kun Itiyoophiyaan gara sirna dimokiraasii jabaa fi itti fufiinsa qabuutti ce’aa jiraachuu kan mul’isuudha, Sirni dimokiraasii jabachuun, filannoo haqaa qabeessa fi amanamaa gaggeessuun, tokkummaa, tasgabbii fi badhaadhina biyya keenyaa itti fufsiisuuf bu’uura cimaa ta’ee tajaajila.

25/02/2026

paartii badhaadhinaa filannoo hunda keenyaati.

ittii Gaafatamtuun partii badhaadhiina Anaa Addee Temima Ahmed Abker

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenya Taatetti!
12/02/2026

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenya Taatetti!

Dirección

Guadalajara

Notificaciones

Sé el primero en enterarse y déjanos enviarle un correo electrónico cuando Obora media network publique noticias y promociones. Su dirección de correo electrónico no se utilizará para ningún otro fin, y puede darse de baja en cualquier momento.

Compartir