18/06/2026
Ulaan Galaana Diimaa Hidda Dinagdee guddina Itoophiyaati!
Itoophiyaaf Galaanni diimaa hiikoo bishaanii qofa kan qabu miti. Ulaan Galaanaa nuyiif karra daldalaan addunyaa waliin nu qunnamsiisudha. Seenaa dogoggooraa karra daldalaa nu dhabsiise sirreessuuf Mootummaan Badhaadhina kutannoon hojjechaa jira.
Biyyi keenya guddina dinagdee saffisaa galmeessitee fi baay'ina uummataa guddaa qabduuf ulaan Galaanaa Diimaa seenaanis seeranis keenya ta'e argachuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu birmadummaa keenya waliin wal qabatudha.
Oomishni qonnaa keenyaa dachaan guddachuun damee Industirii dadammaqsuun galma gama Al- ergii guddisuun sharafa biyya alaa argachuuf qabanne milkeessaa jiran gabaa addunyaaf dhiyeessuuf ulaan Galaanaa argachuun dhimma murteessaa ta'u Mootummaan Badhaadhinaa muummee Ministeera Dr Abiy Ahmed'n durfamu murteessuun Ulaa Galaana Diimaa karra daldala biyya keenyaa baroota dheeraaf fayyadamaa turte deebisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira.
Ulaan Galaana Diimaa Seeraanis Seenaanis Kan Itoophiyaati! Ulaan Galaanaa hidda Badhaadhina keenya ittin dhugoomsinudha.