Haqa

Haqa Nama Uumama biroo irraa kan adda godhu hamaa fi gaarii adda baasuu danda'uusaati.
(1)

26/10/2025

warra gadi si buusuuf gadi bu'ee yaadu duukaa gadi hin bu'iin

10/10/2025

📖 Far. 91:16 “Bara dheeraadhaan isa nan quufsa, akka ani fayyisus isa nan argisiisa" in jedha.”
🎈 Nagaan waaqayyoo isniif Haa baay'atu qulqulloota guutummaa Adduunyaarraa karaa foddaa televizyiinii fi toora miidiyaalee hawaasummaa keenyaan nu hardofaa jirtan hundumaaf.
🎈Namni waaqayyoo raajii Masarat Taayyee, guyyaa kabaja yaadannoo dhaloota isaanii sababeeffachuun namoota dhibee garaagaraatiin qabamanii dhukkubsataa jiraniif kadhachuufiif namoota 1500'f waamicha gochuun isaanii ni yaadatama.
🎈Waamicha isaanii hordofuun namoonni hedduun guyyoota kaleessaa fi har'aa (28 fi 29/01/2018) simannaan taasifameefii tajajilamuuf iddoo qabataniiru.
👉 Maarree sagantaan kadhannaa gaafa (30/01/2018- 02/02/2018) tti taasifamu kun guyyaa borii/ Jimaata ganamaa eegalee tamsaasa kallattiin waan darbuuf nu hordofaa isiniin jechaa, gamanumaan, Waa'ee nama waaqayyo bara kana keessa dibee nuu kaase raajii Masarat Taayyeetiif Waaqayyoon galateeffaataa, akka isin waa'ee isaaniif waaqayyoon kadhattaniif waamicha isiniif goona.
👆 Namoonni sababa garagaraatiin carraan kun isin hin qaqqabne, karaa tamsaasa keenya kallattii Kanaan amantiin sagalee waaqayyootti hidhachuun fayyina keessan simachuu dandeessu. Fageenyi Lafaa, Fayyisuu Harka Waaqayyoo Hin Daangessu.
🎈 Irra deebi'uudhaan, Nama waaqayyoo Raajii Masaratiin, Baga dhalattan!
====== የአማርኛ ትርጉም =====
📖 መዝሙር 91:16 “ረጅምን ዕድሜ አጠግበዋለሁ፥ ማዳኔንም አሳየዋለሁ።"
🎈በቴሌቪዥን መስኮት እና በተለያዩ የማህበራዊ ሚዲያዎቻችን ለምትከታተሉን ክቡራን የፕሮግራሞቻችን ተከታታዮች፣ የእግዚአብሔር ሰላም ይብዛላችሁ!
🎈የእግዚአብሔር ሰው ነቢይ መሰረት ታዬ፣ የልደት ቀናቸውን መታሰቢያ ምክንያት በማድረግ ለ1500 ህሙማን ለመጸለይ ጥሪ ማደረጋቸው ይታወሳል።
🎈 ጥሪያቸውን ተከትሎ ታድያ እንግዶቻችን ቦታ ቦታቸውን ይዘው፣ ዝግጅቱ ተጠናቋል!
🎈 ስለዚህም የጸሎት ፕሮግራሙ ከነገ አርብ (30/01/2018) ጠዋት ጀምሮ እስከ እሁድ(02/02/2018) የሚደረግ ሲሆን፣ ሙሉ ፕሮግራሙን በቀጥታ ስርጭት እንድት ከተታተሉን እያልን፣ በዚሁ በዘመናችን እግዚአብሔር ለምድራችንና ለዓለማችን ቀብቶ ስላስነሳው ሰለ ነቢይ መሰረት ታዬ እግዚአብሔርን እንድታመሰግኑና እንድትጸልዪላቸው ጥሪያችንን እናቀርባለን!
🎤 የቦታ ርቀት፣ የእግዚአብሔርን የማዳን ክንድ አይገድብም!
🎈በድጋሜ እንኳን ለእግዚአብሔር ሰው ነቢይ መሰረት ታዬ የልደቱ መታሰብያ ቀን አደረሳችሁ!
መልካም ልደት!
===== English translation=====
📖Psalm 91:16: "With long life, I will satisfy him and show him my salvation."
🎈To all our followers of our programs on television and various social media, may God's peace be upon you!
🎈It is recalled that the man of God, Prophet Mesed Taye, has made a call for 1,500 sick people to pray for them on the occasion of his birthday.
🎈Following his call, our guests took their places, and preparation for the event is over!
🎈Therefore, the prayer program will be held from tomorrow, Friday (30/01/2018), morning until Sunday (02/02/2018). We kindly invite you to join us in the live broadcast of the entire program, and we encourage you to pray and thank God for Prophet Mesed Taye, whom God has anointed for our land and our world in our time!
🎤 Distance is not a barrier to the healing power of God!
🎈Once again, happy birthday to the man of God, Prophet Mesed Taye!
Happy birthday!

01/10/2025

Daa'imaa fi ____ ofjalaa hin dhaban.

10/09/2025
Gaaf-tokko abbaan sooressi tokko ilma isaa fudhatee gara ganda tokkotti imale. Namoonni kaan hagam hiyyeessa akka ta'an ...
10/09/2025

Gaaf-tokko abbaan sooressi tokko ilma isaa fudhatee gara ganda tokkotti imale. Namoonni kaan hagam hiyyeessa akka ta'an itti argisiisu barbaadee, lafa qonna maatii hiyyeessa tokkoo keessatti yeroo dabarsan, Yeroo imala irraa deebi'an abbaan ilma isaan, " imalli akkam ture ?" jedhe gaafate. Ilmisaas" baayyee gaarii ture abbaakoo jedhee deebiseef.
Abbaan: hiyyeessi akkamitti akka jiraatu argitee?

Ilma: eyyee 🤙

Abbaa: Egaa imala kana irraa maal baratte mee natti himi?

Ilma: Nuti saree tokkoo qabna isaan afur qabu , nuti kuufama bishaanii xiqqaa qabna isaan lageen qabu, nuti ibsaa qabna isaan urjii qabu. Nuti nyaata ni bitaanna isaan ni oomishatu. Nuti of eegannoof dallaa qabna isaan hiriyyoota qabu. Nuti Televiijinii qabna isaan maatii fi firoota waliin yeroo dabarsu jedheen.
Abbaan mucaa waan dubbatu dhabee afaan qabate. Achiis ilmi isaa akkas jedheen, "abbaa hammam hiyyeessa akka taane waan natti argiisiifteef galatoomi' jedheen jedhama.😌

10/09/2025

🌻Sagantaa Ayyaanaa Addaa🌻 ልዪ የበዓል ፕሮግም🌻Special Holiday program.🌻
🌻 Oduu Gammachiisaa hordoftoota 'Arara TV' fi Jiraattota magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee maraaf.
🌻Simannaa bara haaraa sababeeffachuun fulbaana 1(kamisa) bara 2018, Sagantaan waaqeffannaa Addaa Qophaa'eera.
🌻 Saganticha irratti Namni waaqayyoo kan tajaajilan yeroo ta'u, sagantichi karaa foddaa Talavizyiinii fi miidiyaalee hawaasummaa keenyaa hundaa kallattiin ni tamsa'a.
🌻Kanaaf magaala Naqamtee fi naanno isheetti kan argamtan Warri qabdan wayyaa aadaa keessaniin faayamaa kottaa walii wajjin isa dabarsineef galeteeffataa isa dhufuuf kadhannaa!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻 Barri keessan haa eebbifamu!🌻🌻🌻🌻🌻
🌻🌻🌻🌻🌻🌻 የአማርኛ ትርጉም 🌻🌻🌻🌻🌻
🌻 መልካም ዜና ለ'አራራ ቲቪ' ተከታታዮች እንዲሁም ለነቀምቴ ከተማ እና አካባቢዋ ነዋሪዎች በሙሉ!
🌻 ሀሙስ መስከረም 1፣ 2018 የአዲሱን አመት ክብረበዓል በማስመልከት ልዩ የአምልኮ ፕሮግራም ተዘጋጅቷል።
🌻 በእለቱም የእግዚአብሔር ሰው ነቢይ መሰረት ታዬ የሚያገለግሉን ሲሆን፣ ሙሉ ፕሮግራሙ ከጠዋቱ 2:00 ጀምሮ በቴሌቪዥናችን መስኮት እና በሁሉም የማህበራዊ ሚዲያዎቻችን በቀጥታ ይተላለፋል።
🌻 ስለሆነም በነቀምቴ ከተማ እና አካባቢዋ ያላችሁ በባህል፣ በባዕላዊ ልብሶቻችሁ አሸብራቃችሁ እንድት መጡ እያልን በመላው ዓለም ያላቹ ተመልካቾቻችንም በቀጥታ ስርጭታችን ከእኛ ጋር በዓሉን እንድታከብሩ ተጋብዛችኋል!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻 ዘመናችሁ ይባረክ! 🌻🌻🌻🌻🌻
🌻🌻🌻🌻🌻English Translation 🌻🌻🌻🌻🌻
🌻 Good news for the followers of 'Arara TV' and the residents of the city of Nekemte and its surrounding areas!
🌻 A special worship program has been prepared to celebrate the New Year's holiday on Thursday, the 11th of September 2025.
🌻 On that day, a man of God, Prophet Meseret Tayye, will minister to us, and the whole program will be transmitted live early from the morning.
🌻The program will be broadcast live on our television and all our social media platforms.
🌻 Therefore, we kindly invite all of you in the city of Nekemte and its surroundings to come in person, beautified in your cultural dress, and our viewers to celebrate the new year with us through our live stream.
🌻🌻🌻🌻🌻🌻 Blessed be your time! 🌻🌻🌻🌻🌻

10/09/2025

Baga bara 2018 geessan!

29/08/2025

Fakkeessituuf garaa hin laafin!

28/08/2025

Baarnaabaas jechuun maal jechuudha

27/08/2025

Bakka awwaalaa deemanii, reeffa dhiifama gaafatan!
——
Japanitti bara 2020 keessa namicha maqaansaa Shizuwoo Ayishimaa jedhamuufi namoonni kan biroon sadii, meeshaa ‘sensitive’ ta’e kan biyya alaatti ergamuu hin qabne biyya alaatti ergan jedhamanii to’annoo jala oolan.

Qorannoorra yommuu jiran Shizuwoon si’a 8 mirga wabii gaafatee dhorkame. Utuma mana hidhaa keessa jiruu kanuma gidduutti dhukkuba kaanserii garaachaatiin qabamee du’e. Inni du’ee ji’a shan booda, dubbiin waan dogoggoraati; jarri balleessaa hin qaban jedhamee himanni adda cite.

Yommuu kana maatiin Shizuwoo poolisii irratti himata banan. Himata kanaanis dogoggora uumameef poolisiin maatii Shizuwoof doolara miliyoona 1.12 akka kaffalu manni murtii murteesse. Poolisiinis ol iyyannoofi mormii tokko malee murtoo kana fudhatee maatii Shizuwoof maallaqa jedhame kenne.

Kanaan hin geenye.
Hooggantoonni poolisii abaaboo qabatanii bakka awwaalcha Shizuwoo deemuudhaan jilbeenfatanii dhiifama gaafatan. “Dogoggora si hiinee, dogoggora si himannee, balaarra si buufnee dhiifama nuuf godhi” jedhan!

Ani akkuman seenaa kana argeen biyya keenyan yaadadhe; yaada koottin lakkaa’e…meeqatu yakkaa malee hidhamee dararamee akka du’e…meeqatu himata sobaan qilee akka bu’e…meeqa manni murtii bilisa baafnaan didanii akka hidhaa jiran…lubbuu kabaja hin qabne, dhiiga gumaa hin qabne, maatii beenyaa hin qabne….

Yaadee yaadeen imimmaan koo natti dhufe…lubbuun Japan jirtus, lubbuun Itoophiyaa jirtus Waaqa fuulduratti tokkuma mitii garuu? Ayii!

Adresse

Oslo

Åpningstider

09:00 - 17:00

Telefon

+251993405864

Nettsted

Varslinger

Vær den første som vet og la oss sende deg en e-post når Haqa legger inn nyheter og kampanjer. Din e-postadresse vil ikke bli brukt til noe annet formål, og du kan når som helst melde deg av.

Del