
17/04/2025
Oduu: Barruun namoota bara 2025 addunyaa irratti dhiibbaa uuman 100 keessatti lammii Teediroos Adihaanoom filate
Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Teediroos Adihaanoom namoota bara 2025 keessa sadarkaa idil-addunyaatti dhiibbaa uuman ykn dhageettii guddaa qaban 100 barruun Taayim (Time) ifoomse keessatti hammataman.
Dr. Teediroos Adihaanoom filatamuu isaanii ilaalchisee barreeffama fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxasaniin, “tarree dhiibbaa uumtoota keessatti hammatamuun koo ogeessota kaayyoo fayyaa hundaaf jedhu galmaan ga’uuf magaalaa, baadiyyaa, fi naannoo walitti bu’iinsi itti uumame keessatti halkanii fi guyyaa hojjetaniif beekamtii kennuudha” jedhan.
Barruu kana irratti waa’ee Dr. Teediroos ragaa bahuun kan barreessan ogeessi dhibee daddarbaa beekamaa Piroofeesar Laarii Briiliyaant, Dr. Teediroos Adihaanoom “nama mul’ata qabu, murtee saayinsii irratti hundaa’e kennuudhaaf deeggarsa guddaa godhu” jechuun ibsaniiru.
Pireezidaantiin Doonaald Tiraamp, abbaan qabeenyaa Elon Mask, Muummichi Ministeeraa Yunaayitid Kingidam Ker Staarmar namoota bara kana keessatti dhiibbaa guddaa uuman jedhamuun barruu kana keessatti filataman keessaa argamu.