Voice Of Humanity

Voice Of Humanity 𝗩𝗼𝗶𝗰𝗲 𝗼𝗳 𝗵𝘂𝗺𝗮𝗻𝗶𝘁𝘆 𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗵𝗮𝗾𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮

06/06/2026

Ameerikaan lammiileen ishee hatattamaan akka bahan waamicha dabarsiteYunaayitid Isteetis lammiileen Ameerikaa biyyoota B...
03/03/2026

Ameerikaan lammiileen ishee hatattamaan akka bahan waamicha dabarsite

Yunaayitid Isteetis lammiileen Ameerikaa biyyoota Baha Giddu-Galeessaa hedduu keessa jiran balaa nageenyaa hamaa irraa of eeguuf akka naannicha gadhiisan karaa Ministeerri Dhimma Alaatiin waamicha dhiyeesseera.

Lammiileen hunduu naannicha keessa jiran filannoowwan geejjibaa daldalaa argataniin saffisaan akka bahan waamicha dabarseera

Waamichi kunis lammiilee Ameerikaa biyyoota:-

👉 Baahireen,
👉 Iraaq,
👉 Masrii,
👉 Iraan,
👉 Israa’el,
👉 Weesti Baankii fi Gaazaa,
👉 Joordaan,
👉 Kuweet,
👉 Libaanos,
👉 Omaan,
👉 Qatar,
👉Sa’udii Arabiyaa,
👉 Siiriyaa,
👉 Yunaayitid Arab Emireet, fi
👉 Yaman keessatti argaman kan ilaallatu ta’uun ibsameera.

Voice Of Humanity

Oduu Simbirtuu Miidiyaan mootummaa Iraan du'a hoogganaa Ol'aanaa biyyattii Leader Ayatollah Ali Khamenei mirkaneesseeraM...
01/03/2026

Oduu Simbirtuu
Miidiyaan mootummaa Iraan du'a hoogganaa Ol'aanaa biyyattii Leader Ayatollah Ali Khamenei mirkaneesseera

Mootummaan Iraan gabaasa du’a hogganaa olaanaa Alii Khamenei hordofee guyyoota 40f yeroo gadda biyyalessaa labsiteetti.

Voice Of Humanity

Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa balalii gara Baha Giddu Galeessaatti taasisu muraasa haquu beeksise Finfinnee, Gurr...
28/02/2026

Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa balalii gara Baha Giddu Galeessaatti taasisu muraasa haquu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2026: Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa haala nageenyaa yeroo ammaa Baha Giddu Galeessaa keessatti hammaachaa dhufe irraa kan ka’e balalii gara naannichaatti taassifamu muraasa haquu isaa beeksise.

Dhaabbatichi ibsa baaseen, hanga ammaatti balaliin gara Teel Aviiv, Damaamfi Beeyiruut akka haqaman beeksiseera. Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa haala nageenyaa naannichaa dammaqinaan hordofaa akka jiru himuun, nageenyaafi mijannaa imaltootaafi hojjettoota isaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an akka fudhatu ibseera.

Dabalataanis, rakkoon dabalataa akka hin mudanneef imaltoonni gara naannichaa imalan haala balalii isaanii chaanaalii dijitaalaa dhaabbatichaa irratti akka ilaallatan, akkasumas dhaabbilee imala isaanii akka qunnaman waamicha dhiyeesseera.

Harra ganama haleellaa waraanaa Israa’eliifi Yuunaayitid Isteetis Iraanirratti jalqaban hordofee sararawwan daandii xiyyaaraa Awurooppaa warreen akka Luftaanzaa akkasumas Sarara Daandii Xiyyaaraa Faransaayi Teel Aviiv fi Beeyiruut dabalatee gara magaalota biyyoota Galoo Galaana Arabaatti balalii taasisan haquu beeksisuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Voice Of Humanity

waraanni baha giddu galeessaa Israel fi Iran gidduu marmaara ture eegalee jiraVoice Of Humanity
28/02/2026

waraanni baha giddu galeessaa Israel fi Iran gidduu marmaara ture eegalee jira

Voice Of Humanity

Paartiin Badhaadhinaa “Bissii Qamadii” mallatoo  filannoo ittiin dorgomu taasifachuu ibse Filannoo waliigalaa torbaffaaf...
10/02/2026

Paartiin Badhaadhinaa “Bissii Qamadii” mallatoo filannoo ittiin dorgomu taasifachuu ibse

Filannoo waliigalaa torbaffaaf Paartiin Badhaadhinaa Bissii Qamadii akka mallatoo filannootti akka gargaaramu beeksise. “Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti” ka jedhus dhaadannoo ijoo filannoo kanaa paartichi qabatee dhufe ta’uus Paartiin Badhaadhinaa foomseera.

Paartichi kana kan ifoomse “Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti” jechuun maanifeestoo filannoo qopheesse guyyaa harraa wayita ifa taasisettidha.

Mallatoo filannoo paartichi fayyadamu “Bissiin Qamdii” mallatoo tokkummaafi waloomaa ta’uurra taree mallatoo omishaa akka ta’es wal tajjii harraa kanarratti ibsameera.

Tajaajilli Odu Itoophiyaa sirna mallatoofi maanifeestoo filannoo ifoomsuu kana irratti, Obbo Tamsgeen Xurunaafi Adam Faaraah dabalatee koreewwaniifi angawootni hedduun argamanii akka turan gabaaseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoon walii galaa biyyaalessaa Caamsa 24, 2018 akka gaggeeffamu ibsuunsaa ni yaadatama.

Voice Of Humanity

Hooggantonni 11 misooma Lafaan walqabate shakkaman to’atamuun mana murtiitti dhiyaatan!Magaala Finfinneetti namoonni bu’...
09/02/2026

Hooggantonni 11 misooma Lafaan walqabate shakkaman to’atamuun mana murtiitti dhiyaatan!

Magaala Finfinneetti namoonni bu’aaf jecha aangoo mootummaa fi uummataan itti kenname seeraan ala fayyadamuun shakkaman, hogganaa itti aanaa duraanii Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa dabalatee hoggantoonni fi hojjattoonni 11 poolisiin to’atamuun Mana Murtiitti dhiyaataniiru.

Isaanis:
Obbo Molliittoo Abbaayinah Erqaalloo:- Hogganaa itti aanaa duraanii Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa magaalaa Finfinnee

Inj. Charinnat Abbabaa Ya’adatee:- hogganaa duraanii waajjira Misoomaa fi Bulchiinsa Lafaa kutaa magaalaa Boolee

Solomoon Balaay Makonnin:- ogeessa murteessaa dhimmoota tekinikaa Biirichaa

Adimaasuu Adaanee Wandimmuu:- ogeessa Komii fi iyyaannaa Biirichaa

Gizaachoo Mulugeetaa Dassee:- Dursaa Garee Sirreeffama qabiyyee Biiricha

Darajjee Goshuu Haayilee:- Hojiraawwachiisaa olaanaa duraanii Aanaa 13 kutaa Magaalaa Boolee

Alamtsahaay Lammaa K/Maariyaam:- Ogeessa Qulqulleessituu Sanadaa Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa aanaa 13, kutaa magaalaa Boolee

Girmaa Tafarraa Ayyaanaa:-Daarikteera Hordoffii dhimmoota teknikaa fi seeraa Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Lafaa Magaalaa Finfinnee

Amaanu’eel Alamaayyoo Maammoo:- Ogeessa Tekinikaa aanaa 13 Kutaa Magaalaa Boolee

Biiniyaam Haayiluu Gabiree:- Ogeessa Tekinikaa aanaa 13 kutaa magaalaa Boolee

Abiyoot Jufaaree Baayisaa:- Daarikteera dhimmoota yakkaa Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa magaalaa Finfinnee kan turan to’annoo jala oolfamuun manamurtiitti dhiyaatanii qorannoo dabalataaf beellamni yeroo gaafatamee qorannoon isaanii itti fufeera.

Haalumaa kanaan bara 2016 aanaa 13 Kutaa Magaalaa Boolee bakka addaa naannoo Daandii Xiyyaaraatti qabiyyee lafaa uummataa fi mootummaa pilaanii yeroo 9ffaan Paarkii Adwaan qabamee kan ture fi pilaanii yeroo 10ffaan pirojeektii bakka magariisaa ‘Window of Afrika’ sadarkaa magaalaatti bakka aara galfii tajaajila uummataaf qabamee fi qabiyyee baankii lafaa keessa jiru sababa seera qabeessaan ala

Guyyaan qormaata bahiinsaa ifoomeera!!Qormaanni ba'iinsa kan walakkeessa waggaa bara 2018 kennamu gaafa guyyaa 16- 27, 2...
28/01/2026

Guyyaan qormaata bahiinsaa ifoomeera!!

Qormaanni ba'iinsa kan walakkeessa waggaa bara 2018 kennamu gaafa guyyaa 16- 27, 2018 akka kennamu Tajaajilli madaalli barnootaa fi qormaataa beeksiseera.

Haaluma kanaan barattoonni qormaaticha fudhachuuf galmooftan akka itti qophooftan isin hubachiifna.

https://t.me/VOH_EDUCATION
Voice Of Humanity

Ameerikaatti sababa haala qilleensaa rakkisaan jeettiin kufee caccabe=====Balaliistonno jeettichaa balaan kun osoo hin m...
26/01/2026

Ameerikaatti sababa haala qilleensaa rakkisaan jeettiin kufee caccabe
=====
Balaliistonno jeettichaa balaan kun osoo hin mudatiin dura naannoo buufata xiyyaaraa sana arguudhaaf rakkachaa akka turan himameera.

source: BBC AFAAN OROMOO
Voice Of Humanity

Address

Addis Ababa
Doha

Telephone

+251949056322

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Voice Of Humanity posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share