
26/04/2025
Oduu: Dura taa'aan Komishinii biyyoota ergama deeggarsa fi tasgabbii Somaaliyaatiif loltoota gumaachan galateeffatan
Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yuusuf biyyoota Ergama Deeggarsa fi Tasgabbii (AUSSOM) keessatti loltoota gumaachan galateeffataniiru.
Walgahiin addaa dhimma ergama kanaa ilaalchisee Yugaandaatti gaggeeffameera. Walgahii kana irratti kan argama Dura Taa’aan Komishinii Gamtichaa biyyoota ergama kanaan loltoota gumaachuun wareegama kaffalaa jiraniif galata fi dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.
Gamtichi tattaaffii Somaaliyaatti nagaa buusuuf taasifamu cimsee akka deeggaru akeekaniiru.
Walgahii affeerraa Pirezedaantii Yugaandaa Yowerii Museveniin gaggeeffame kana irratti , , , , , fi hirmaataniiru.
Jilli Itoophiyaa Ministira Ittisaa Aayishaa Mohaammadiin durfamu walgahii kanarratti hirmaateera.
Ministirri Ittisaa Aayishaa Mohaammad walgahii kanarratti haasaa taasisaniin karaa mootummaan Somaaliyaa hanga ammaatti itti deeme dinqisiifachuun, dhaabbilee nageenyaa cimsuu fi qindeessuu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Itoophiyaan Somaaliyaa keessatti nageenyi waaraa akka bu’uu fi hanga humnoonni nageenyaa Somaaliyaa of danda’anitti deeggarsa ishee cimsitee itti fufti jedhan.