30/10/2025
FI
✪ Gaggeesssaan
⁃ Nama mul'ata qabu,
⁃ Kan kallattii beeku,
⁃ Kan kallattii irra adeemu,
⁃ Kan kallattii argisiisu dha.
✪ Gaggeessummaan adeemsa gaggeesssaan tokko adeemuu qabu kan akeekudha!
❏ Gaggeessummaan inni jalqabaa biyya gaggeessuu miti. Jireenya ofii akka ta'utti gaggeessuu, namatti quba qabuu irra of ilaaluu irratti xiyyeeffata. Jireenya ofii ilaaluu jechuun:
⁃ Jireenya ofii gaggeessuu,
⁃ Hamma namatti quba qaban caalchisanii gara ofitti quba qabuu,
⁃ Keessa ofii sakatta’uu,
⁃ Cimsanii of too’achuudha,
⁃ Beekumsaa fi Dandeettii caalmaa qabuun kallattii sirrii argisiisudha.
✪ QABXIILEE GAGGEESSUMMAA
⓵. Akeeka jireenyaa beekuu (Understanding the purpose of life) kaayyoo uumamaniif gadi fageenyaan hubachuun itti jiraachuu.
⓶. Mul’ata Qabaachuu (Visionery)
⓷. Mul’ata Guddifachuu (Vision Development)
⓸. Addunyaa beekuu (Modernity)
⓹. Walitti dhufeenya Namootaa waliin cimsachuu.
❏ Leadership yookiin gaggeessummaan ammayyummaa keessatti addunyaan maal akka fakkaattu beekuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Wanta dhaloonni barbaadan qabatanii dhihaachuun ni ta’a.
Dabalataanis gaggeesssaan:
⁃ Jaalala, beekumsaa fi dandeettii caalmaa qabuun namoota kallattii kan argisiisudha.
⁃ Akeeka jireenyaa kan beeku (Understand the purpose of life) Akkamitti jiraachuun akka ta'uu fi barbaachisu ciminaan adda baasee kan hubatu.
⁃ Mul’ata isa sirrii / Mul'ata Qulqulluu kan qabu. (having a clear vision),
⁃ Abdii jiraataa namoota keessatti kan uumuu danda'u,
⁃ Akkaataa dandeettii isaaniitiin waan haaraa uumuudhaaf namoota kan kakaasuu (motivating others)!
⁃ Dandeettii dhokatee namoota keessa jirutti akka fayyadaman kan taasisu (use the hidden potential).
⁃ Namoonni dandeettii gaggeessummaa qabanii fi mul’ata isaanii guyyaadhaa gara guyyaatti guddifachaa deemudha.
Kabajamtu Aadde Chaltu Sani - ጫልቱ ሳኒ Minister Nama Rabbiin Gaggeessummaa fi Gaggeessaa Ulaagaa guutuun Rabbiin kenneefii. Baga teenya taate .
Gaggeessaa gaggeessuuf Rabbiin Uumee Ani Kabajamtu Aadde Chaltu Sani filadhe Ati hoo Eenyuu filata?
Comment jalaatti barreessaa
Johar Mohammed follow godha galatooma.