07/11/2025
Jimmatti hattuu ragaa eenyummaasaa ibsu mana hatuuf seene keessatti dagatee bahe
Daataa qusachuuf barreeffama qofa dubbisi
Dargaggoo hannaan yakkamaa ta'e
Ibsa waa'ee suuraa,Abbaan Alangaa magaalaa Jimmaa akka beeksisetti, yakkamaan kana dura hannaan himatamee ture
7 Sadaasa 2025, 07:19 EAT
Seenaan yakkaa magaalaa Jimmaa keessatti dhiheenya raawwate mammaaksa Oromoo 'harka hanna bare dooluutu shokoksa' jedhu qabatamaan waan ibsu fakkaata.
Dargaggeessi yakka hannaatiin waggaa dura itti murtaa'ee hidhaa xumuree bahe bariidhuma hidhaa baheen hannaa raawwate.
Kan nama dinqisiisu garuu guyyuma tokkolleen ooluu obsa dhabee hannatti bobba'uusaa miti. Akkaataa itti eenyummaan isaa baramedha.
Abbaa Alangaa aanaa Magaala Jimmaatti abbaa adeemsa yakkoota adda addaa kan ta'an Aadde Jamiilaa Jamaal BBCtti akka himanitti, himatamaan Fu'aad Abbaa Fadad jedhamu kuni ALI bara 2017 keessa yakka hannaatiin himatamee murtii argatee ture.
Haa ta'uutii ALI Fulbaana 02, bara 2018 yakka ittiin adabame kana adabbiisaa xumuruun xalayaa ittiin adabbiisaa xumure fudhatee mana amala sirreessaatii gadhiifame.
Himatamaan kuni xalayaa mana amala sirreessaatii kennameef kana kiisa isaa keessa kaa'ateera.
Mana amala sirreessaa turee bahus garuu amallisaa akka yaadame hin sirranne.
Gaafa mana amala sirreessaatii bahe kana barii magaala Jimmaa bakka mandara qocii jedhamutti mana namaa seenee yakka hannaa raawwata.