28/08/2025
28-08-2025
Oromoo fi Diinota Oromoo
Kutaa 1ffaa
Barreessitoonni: Ayyaanaa Goobanaa fi Caalaa H. Abaataa
Oromoon saba guddaa, Bahaa fi Gaanfa Afrikaa keessatti qabeenya jaajjaa, aadaa xuxxubaafi
tuullaa, seenaa boonsaa fi duudhaa ganamaa dhalli namaa hedduun gate qabatee barootaa
kitila hedduuf jiraatedha.
Erga baroota dhiyoo seenaan isaa bareeffamuu jalqabees uummata addaa fi addunyaa
tanaafuu qabeenya tahe ta’uu akkasumas gaafasii fi gaafanas uummata aadaa bareedaa , sirna
bulchiinsaa addaa jaarraa addunyaan dukkana keessa turte qaroomina addaan sirna Gadaa
jedhamu tumatee, beekumsa hawaa, dachee fi bishaaninis jabaa, saba dhaha mataa ofii qabuu
fi boonaa Waaqayyoon kukkulee uume dha. Bara dhalli namaa kallattiin harkaa badee, uumaa
isaa wallaluu irraa fedhan namatti amanan, ykn bobbocaa fi waa halle harkaan tolchanii
amanaa turanitti Oromoon saba Waaqa tokkkicha hundaa olii beekee amantii isaa ganamaa
waaqqeffannaan bulee dhugaan bulee dhugaas tiksaa jiraatedha.
Sabni guddaan kuni saba aadaa fi seenaa akkasumas qabeenya qabu qofa osoo hin taane
uummata biyya bareedduu, daangaa beekamaa kara kamiinuu ibsamu qabaachaa fi
bilisummaan wal bulchaa jiraataa turee dha. Biyyi isaa Oromiyaan dachee gabbattuu, ganna
bana lalistuu kan baadhaasa Waaqayyoo taate tana irratti safuu fi safaffeen heeraa fi sirnaan
waan lafa irra jiru, binensa bosonaa hanga waan bishaan keessa jiraatniitii akkasumas lubbu
qabeeyyii fi dhabeeyyii waaqi uume hundaaf kan seeraa qabu, qabeenyan isaa kan akka lafaa
fi albuuda dhaloota dhufaa darbaa jiraachisu qabeenya waloo kan qabaachaa turee dha. Safuu
fi seedi isaa seeraa fi heera uumaa tiksuun madaala uumamaa eegee waan hunda akka wal
madaalee jiratau kan taasise uummata qaroominaa fi hubannoo ol-aanaa qabacha ture dha
jedhu qorattoonni seenaa fi aadaa hedduun.
kaartaa biyya Oromiyaa fi haala quubsuma Oromoo agarsiisu
Uummatni Oromoo bara birmadummaa guutuu dhaan daangaa isaa kabachiifatee jiraachaa
ture, sa’aa namni isaa, xiqqaa guddaan isaa fi guututti qe’ee fi araaddaan isaa darbee biyyi
isaa ulfina addaa qabaachaa uummatichis tokkummaa olaanaa qabaachaa waan tureef,
daangaa biyya isaa sanas tokkummaan, gamtaa gurmuu kanniisaa fakkaatuun kuulaa fi diroo
Oromummaa isaatin eeggatee tikfachaa ture. Gaafaa bilisummaa fi walabummaan isaa mijuu
fi dambooba qabu sana Oromoon nagaan jiraacha ture;Oromoon akkuma marsaa Gadaan
marsee Gadaan deebi’u dhaloonni fiinnoo miseensa Gadaa isaatiin dirqama dhalootummaa
bahachuuf gulantaa isaa eegee dangaa isaa Caaccuu-Kallachaan diinaa Oromoo fi Oromiyaa
of irraa qoolatee,nagaan jirachaa ture.
Diinooti Oromoo Jaarraa 4ffaa eegalanii karaa heddduun, toftaa fi tarsimoo baayyeedhaan
dandeenyan eenyummaa isa dhabamsuu dadhabnaan Oromoo fi eenyummaa isaa haalanii
jijjirsiisuuf karaa hedduu itti bobba’anis tasuma ni yaalan malee hin milkoofne. Lolli diinotaa
kuni garuu lola qaamaa fi afuuraa dabalatee loloota gosa hedduu hanga guyaa kanaatti wal
irraa hin cinne itti fufaa dabareen diinotaa wal jijjiiraa as gahame. Diinonni Oromoo kunneen
yeroo adda addaatti, bakka adda addaa fi haala adda addaatiin itti duulanii yaalanis
Oromoonni hanga Gadaan isaa hin laafnetti gootummaan injifatee diina ofirraa qolachaa ture.
Erga Gadaan laafee wiirtuun isaa ganamaa citee fi ciccitees Oromoon haaluma qubsuma
isaatiin diinni daangaa Oromiyaa akka hin sarbine gochaa turan. Fakkeenyaaf karaa Kaabaa
Oromoonni Walloo gosoonni Oromoo Raayyaa fi Yaajjuun diinaa kana Oromoo irra
waggootaa dhibba hedduuf lolaatii ittisaa turan. Qomoon Oromoo Tuulamaas diinaa karaa
heddduun wiirtuu Oromoo cabsee handhuura isaa dhuunfachuuf yaalaa ture waliin lola bara
dheeraa gaggeessaa turan. Bahaa fi Kibbaan Qomoon Oromoo kanneen daangaa Oromiyaa
sarbuun birmadummaa Oromiyaa sarbuu yaalaa turan hedduu waliin falmaa akka akkaa
gaggeessaa turan. Baroonni Oromoon bilisummaa fi walabummaa qabaachaa turan suni
jaarraa Oromoon jiruu fi jireenyi isaa badhadhinaa, nagaa fi suga guutuu keessa jiraachaa ture
fi yeroo quufaa fi gabbinaa ture jechuu dandeenya.
Lafa Oromoonni irra jiraatan,kaartaa dhaan
Diinooti Oromoo kunneen warra adeemsa keessa akkuma jaarraan jijjiiramu baqaan bahaa fi
ganafa Afrikaa erga qubatan adeemsa waliin jireenyaa keessatti fuudhaa fi Heerumaan ilmaan
kuusha waliin wal makaa garuu ammoo shiraa fi diinummaa kudhaammatanii as qaari’an
osoo hin gatin ollaa Oromoo jiraachaa turanis yeroo hundumaa ofiifuu kan wal waraanaa
turanii fi darbees uummata akka aadaatti qaama namaatti maxxanuun qaam nama dhortu
(paracite ,kaan saamichaan dhiiga nama akka silmiitti xuuxxee jiraattu tahuurraa garayyuu fi
barayyuu rakkoo dhalaa har’as rakkoon isaan dhalan Oromootti rakkoo ta’aa jiruu dha.
Uummatni Oromoo diinomfattee waggoota hedduuf Oromoo dhabamsuuf hojjachaa turte kuni
Habashaa jechuun of waaman eenyummaa isaan bakka, yeroo fi haala adda addaatiin jijjiraa
of ibsaa seenaa sobaatiin tuullamanii jiraachaa turanii fi jiranii dha.
hundee achii-dhufaatii uummata Habashaa kaartaa dhaan
Akkuma aadaa fi duudhaa isaanitti mirgi namoomaa fi wal qixxummaan isaan biratti hin
beekamu iddoos hin qabu. Beektota isaanii irraa hanga uummataatti hardhallee aadaa wal
qixxummaa fi dimookiraasii akka sabni Oromoo ittiin wal bulchaa ture irraa faallaa waan
taheef saba Oromoo waliin faallaa jiraachaa as gahan. Kanaaf eenyummaa, aadaa, seenaa fi
sirna bulchiinsa Oromoof kabajaa osoo hin taane tuffii fi jibbaansa guddaa qabu. Kanaaf
Tarree diinota innikaatti saba keenya kaa’atanii seenaan waliif dhaamaa fi dabarsaa waan
turanii fi hardhallee murnoonni maqaa jara kanaa dhahatan bifa kamiinuu kanneen ijaaraman
diinummaa fi jibbaansa lallabuun ala kabajaa namummaa dhalli namaa qabu Oromoof hin
qaban.
Gareen aadaa akkana qabdu,kana akka silmii uummata saamun jiraattu kun adeemsa keessa
saba keenya Oromoo cabsuu kan dandeesse walakkeessaa jaarraa 19ffaa yommuu sirnii
kappitaliizimii babldhachaa dhufe seenaa kijibaa uumuu fi dahata amantii godhachuun
biyyoota dhihaa qabeenya fi biyyoota Afrikaa qircatanii uummata Afrikaa ammoo garba
godhachuuf gara Afrikaa imalan uummanni Habashaa kunis wakkilaa jaraa ta’uuf
maxxantummaa biyyoota akka Faransaay, Biriteen Guddoo, Jarmanii, Xaaliyaanii fi darbees
Raashiyaa irraa meeshaa waraanaa ammayyaa fi gorsa ogummaa waraanaa argachuun
daangaa Oromoo afaan qawween caabsuun Oromoo sirna kolonii Habshaa jala galfatte. Erga
jaarraa sana olaantummaa qawween Oromoo gabroomfattee kaasee, aadaa Oromoo, safuu
Oromoo, eenyummaa fi duudhaa Oromoo hunda xureessun, tuffii fi jibbaansa qaban ammoo
kitaaban barreessaa ijoollee isaanis kanuma barsiisaa, addunyattis kijibuma kana oomishuun
haqa Oromoo hanga sadarkaa maqaa isaa jijjiirsiiun akka seenaan isaa badu godhuuf kana
himaa turan. Garee gara jabeeyyii, jibbaansaa fi tuffii Oromoon guuttamanii jaarraa tokkoo fi
walakkaa oliif qabeenya Oromiyaa fi dhiiga Oromoo soorataa fi xuuxaa jiraatan kanaan diinaa
inikkaa jennee waamnaa.
Haa tahu malee diinni Innikkaa kuni hammuma fedhe gargaarsaa fi ogummaa warra adii
argatus qofaasaa Oromoo cabse jechuu hin dandeenyu. Jaarraa sana keessatti gaafa Oromoon
daangaa isaa akka hin cabne walakkaan falmatu inni kaa sirna sana gabbaruuf ykn waliif
galuun, walakkaan humna isaatii ol wareegama sadarkaa duguuggii keessummeessaa yeroo
turanitti shoorri gantootaa sabicha keessaa dhalachuun miiltoo diina ta’anis guddaa ture.
Gantoonni dantaa uummataa fi biyya abbaa isaanii caalaa, wantoota harcaatuu diinni waadaa
galee fi akkasumas firummaa jara filacuun sabni kana akka gabrummaa jallati kufuu
taasisaniiru. Rakkoon kun erga gaafa sanaati hamma ammatti illee dhibee guddaa ta’eet
qabsoo Oromoo keessattis xannacha hamaa ta’uun, uummata keenya hiraarsisaa, hiisisaa,
buqqisiisaa, lafaa fi lafee isaa gurguraa, daangaa isaa sharafaa, qaqqaroo isaa hidhaa fi
ajjeessa, uummata wayyaba haala isaaf tole hundatti dhimma bahuun hongee nam-tolchee fi
beelan fixaa, waan Oromoo Oromoo jedhu hunda ukkaamsaa fi dhabamsiisaa, egeree
sabichaa dukkaneessuf halkuu guyyuu irratti hojjachaa jiru.
Yeeroo dheeraa jaarraa tokkoo fi walakkaa kolonii jala ture kana keessatti uummata kana
dhabamsisufi shirri irratti hin xaxamnee fi hin hojjatamin hin jiru. Shirootaa jajjaboo turan
keessaa hangafni sabni Oromoo Oromummaa isaa akka mulqatee gatu karaa kallattiin
ajjeesuu, arrabsuu fi aadaa isaa akka aadaa duubatti hafaa fi gowwaatti lakkaa’aa, al-kallattiin
ammoo lola afuuraa fi xiin-sammuu irratti labsaa adeemsa keessa of wallaalee ykn of jibbee
akka Oromummaa isaatti qaanfachuun Xoophiyaa fi Xoophiyummaa fudhatu, leellisu
taasisan. Egaa aadaa fi eenyummaan Xoophiyaa isaan Oromoo irratti fe’uu yaalan suni aadaa
warra Habashaa sana jechuu dha.Kanas karaa miidiyaa, karaa imaammata barnootaa, amantii
fi seenaa isaanii kan isaa godhanii barsiisun akka inni kan isaa hin barrane, darbee ‘’
Oromoon uummata aadaa hin qabnee fi dachii kaan irratti homaa gumaata tokkollee qabu
miti’’ jechuun barsiisaa, amantee isaa ganamaa tuffachuun akka inni sana dhiisee kan alagaatti
firoomuu, waliisaa wallaalee akka wal qoodu, gandummaan akka inni dhaadatu, amantaa fi
gosaan akka inni wal diiguu fi shira isaanii sana qaama raawwachiiftuu godhaniit
bobbaafatan. Inni suni hanga guyyaa hardhaatti danqaraa qabsoo Oromoo tahuun itti fufee jira
jechaa dha.
Yakkii akkanaa yeroo dheeraa kana keessatti Oromoon baayyeen keessattu kan mana barumsa
Habashaa keessatit barate, kan sammun gabromme, kan leenjii dhabamsiisa eenyummaa
isaanii sanaan dhugamee of tuffate, ofis jibbee fi sirna nafxanyaa snaaf gugufee buluu filate
bayyaachaa dhufuun diinota innikaaf dabaalaa bahee gufuu qabsoo Bilisumama Oromootti
kan ta’an baayyee argaa jirra. Kana jechuun osoo Oromoo tahee jiruu, diinoota caalaa kan
qabsoo Oromoof diinaa ta’etu baayyate jechaa dha. Oromoon akka sabaatti yoo cimee diinaa
isaatin lolee injifachuun bilisummaa labsate qaamota klanneen sammuu isaanii bilisoomsuun
baayyee barbaachisa. Hanga bilisoomnu qofattis eeguu osoo hin taane qaama qabsoo
godhachuun kanneen hardhas dantaa fi of wallaaluudhaan dabaala shiraa fi diina innikaa
bahan kanneen ofitti deebisiisuun hojjatamuun waan fardii ti.
Yeroo wa’ee beektota ykn elites nafxanyaa ilaallu, jaarraa 21ffaa keessattillee yeroo
addunyaan kun qaroominaan, qabeenya qabaniin, humna namaa( labour), fi waan ittin waa
omishan( capital),albuuda naannoo isaaniii jiru,( raw material) dhimmaa itti bahun biyyaa ofii
guddisaa, mirga namoomaa saboota biroof ulfina kennaa, bilisummaa fi walabummaa
uummattota fi abba biyyummaa saboota ollaa isaanii kabajuun michummaan wajjin jiraataa fi
wal guddisaa jiran kanatti jarri kuni irraa barachuu irra, kittillayyootaa fi gantoota sabichaatti
yaada isaanii kaleessaa uddeellachuun Oromiyaa dhuunfachuun qabeenya sabichaa samuu,
mirga dhalootaa sarbaa nama ajjeesuu fi barbadeessuu malee waan haaraa yaadu hin
danda’an. Habashoonni ilaalcha fokkaataa fi duubatti hafaa kana geeddaruu waan hin
dandeenyef barayyuu Gaanfi Afrikaa beelaa fi lola keessaa bahuu hin dandeenye.
Biyya lolli jiru nagaa fi tasgabbiin, quufni fi qananiin akkasumas fayyaan jiraachuu hin
danda’uu. Biyya nagaa fi tasgabbiin hin jirre immoo guddinnii hin jiru. Bakka guddinni hin
jiree ammoo jireenyi gadadoo, beelaa, dhukkuba, iyyummaa tu dhuunfata. Oromoon erga
diina kana jalatti kufee kaasee rakkolee armaan olii kanneen keessatti kufe.Kanaaf sabni
keenya akka nagaa argatee qananii,sadoo,gammachuu fi tokkummaan uummata adduunyaa
kana keessa jiru waliin jiraachuuf diinota isaa innikaa fi kan keessoo kana injifatee
bilisummaa isaa gonfachuu qaba.
Oromoo saba guddaa hangana gahu kana kan itti hir’ate hunda caalaa dammaqiinsa siyaasaa
ga’aa qabaachuu dhabuu dha. Oromoon dammaqiinsa siyaasaa, Oromummaa fi
sabboonummaa walii isaa waliin walitti isa hidhu kan akka saba tokko ta’uusaa, aadaa, afaanii
fi eenyummaa darbee biyya tokko biyya abbaa keenyaa kan Oromiyaa jedhamtu irratti hireen
isaa illee tokko ta’uusaa qalbifatee waliin socho’uu qaba. Oromoon gosaan, gandaan,
konyaan-kutaan akkasumas amantaan wal hidhee gudunfee socho’a ta’e dammaqinsa ga’aa
hin qabu;kanaafis meeshaa diinaa tahuun isaa killee dha. Oromummaa fi akka lammii
Oromiyaatti dhugaa fi kaayyoo oromummaa hidhatee yoo tokkummaan waliin tokko ta’ee
ijaarame, yoo humnoomee sirna nafxeenyaa Miniliki ijaaree fi gantoota Oromoo keessan
diina deeggeran ofirraa hin kaasuu ta’e,akka sabaattuu hireen baduu isa muudachuu mala.
Baduu jechuun qaaman addunyaa kana irraa dhumuu qofaan hin ibsamu. Sirnii impaayyeeraa
adduunya kana keessa ture hundi xiyyoon isaa saboota gabroomfate liqimsee eenyummaa
biraa itti golgaa waan tureef, sirni akkasii hedduun kufanii baduu amlee takkaa deebi’anii kan
ijaaraman waan hin jirreef impaayerri handhuura Oromiyaatti ijaaramte kunis diigamuun
waan fardii dha. Gaafa Impaayerri diigamee Oromoon bilisoomee abbaa biyyummaa isaas
mirkanfatee walabummaa biyyasaa Oromiyaa labsata. Kuni ammoo lola Oromoo fi
Oromiyaan Xoophiyummaa fi Xoophiyaa waliin walakkaa jaarraa oliif kaayyoo armaan olii
akkeekkaatee itti jiru kanaan Oromiyaan akka injifattu abdii qabna.
Barruu keenya itti aanuu keessatti ilmaan Oromoo baroota 1950-1960ta keessa
dammaqiinsa guddaa qaban akkamiin akka isaan waldaa Maccaa fi Tuulamaa ijaaruun
tattaffi bara dukkanaa sana Oromummaa dhabamuu irraa olchuuf ofii isaanii akka dungootti
baqanii ammoo dhaloota saranaaf riqicha ta’an irratti seenaa gaggaragalchinee waliin ilaalla.
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Ayyaanaa Goobaa fi Caalaa Hayiluu
28-08-2025Oromoo fi Diinota OromooKutaa 1ffaaBarreessitoonni: Ayyaanaa Goobanaa fi Caalaa H. Abaataa kaartaa biyya Oromiyaa fi haala quubsuma Oromoo agarsiisu ‘Oromoon saba guddaa, Bahaa fi G…