JMN Afaan Oromoo

JMN Afaan Oromoo JMN Jijjiiramaaf Hojjeta

Qondaalli Waraanaa Olaanaan Ameerikaa Aangoo GadhiiseQondaalli waraanaa olaanaan Ameerikaa fi Barreessaan Humna Waraanaa...
01/09/2026

Qondaalli Waraanaa Olaanaan Ameerikaa Aangoo Gadhiise

Qondaalli waraanaa olaanaan Ameerikaa fi Barreessaan Humna Waraanaa biyyattii, Daan Diriskool, gara ji’oota 18 aangoo irra turan booda hojii isaanii irraa aangoo gadhiisaniiru.

Akka miidiyaaleen Ameerikaa, CBS dabalatee, gabaasanitti, Diriskool fi Ministirri Ittisaa Ameerikaa Pete Hegseth gidduutti ji’oota hedduuf walitti bu’iinsi fi garaagarummaan yaadaa ture. Sababni sirriin walitti bu’iinsa isaanii ifatti hin ibsamne.

Diriskool, kan umuriin isaanii waggaa 41 ta’e, qondaala waraanaa umuriin isaa xiqqaan aangoo kana irra ga’e keessaa tokko turan. Isaan keessumaa teeknooloojiiwwan waraanaa haaraa fi diroonii cimsuu irratti xiyyeeffachuun, naannoo Pireezidaantii Donald Trump keessatti “nama diroonii” jedhamee beekamu.

Waayit Haawus hojii Diriskool faarsuun, karoora ittisaa Trump hojiirra oolchuu, dandeettii waraanaa cimsuu fi marii Raashiyaa fi Yukireen gidduutti taasifame keessatti gahee gaarii taphachuu isaanii ibseera.

Aangoo gadhiisuu Diriskool kunis yeroo qondaaltonni waraanaa olaanoon hedduun hojii isaanii irraa kaafamaa ykn aangoo gadhiisaa jiranitti ta’e. Isaan keessaa Barreessaan Humna Galaanaa Ameerikaa John Phelan fi qondaalota waraanaa biroo ni argamu.

Diriskool duraan loltuu Ameerikaa ta’uun, bara 2007 keessa raayyaa waraanaa seenuun, bara 2009 immoo Iraaq keessatti tajaajilaniiru.

Akkasumas, dhimma waraanaa fi marii Raashiyaa–Yukireen keessatti gahee qabaachuun beekamu.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Godina Dangilaatti Garee Nagaa Booreesuuf Yaale Irratti Tarkaanfii FudhateRaayyaan Ittisa Biyyaa ...
01/09/2026

Raayyaan Ittisa Biyyaa Godina Dangilaatti Garee Nagaa Booreesuuf Yaale Irratti Tarkaanfii Fudhate

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Godina Dangilaa keessatti gareen finxaaleyyii nagaa fi tasgabbii naannichaa booreessuuf socho’aa ture irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.

Akka ibsa Ajaja Reejimentichaa Shambal Baashaa Gezhaany Aletti, gareen kun naannichatti dhokachuun ummata nagaa irratti miidhaa geessisuu, qabeenya uummataa fi mootummaa barbadeessuu irratti bobba’ee ture. Kana hordofee, Raayyaan Ittisaa tarkaanfii murteessaa fudhachuu ibsameera.

Tarkaanfii fudhatameen miseensonni garee sanaa hedduun hojii irraa akka bahan, itti gaafatamaan zamaachaa gareichaa dabalatee, meeshaaleen waraanaa, rasaasni fi qabeenyonni garee sanaaf tajaajilaa turan to’annoo jala ooluu ibsameera.

Reejimentichi humnoota nageenyaa naannichaa waliin ta’uun nageenya uummataa mirkaneessuu fi hawaasni hojii isaa guyyaa guyyaa sodaa tokko malee akka itti fufuuf tarkaanfiiwwan nageenyaa cimsuun itti fufsiisuus beeksiseera.

Gama biraatiin, Ajajni 10ffaan miseensonni garee finxaaleyyii kanaa harka kennachuu itti fufuu ibseera.

Godina Gondar Kaabaa, naannoo Debre Bahir fi Beles akkasumas Gondar Giddugaleessaa keessatti, hidhattoonni gareichaa 17 waamicha nagaa mootummaa irraa dhiyaate fudhachuun meeshaalee waraanaa isaanii guutuu waliin humna waraanaatti harka kennaniiru jedhame.

Haaluma kanaan, tarkaanfiin Raayyaa Ittisa Biyyaa fi harka kennannaa miseensota garee kanaa, naannolee kanneen keessatti nageenya fi tasgabbii deebisuuf hojiiwwan taasifamaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsameera.

PIREZIDAANTIIN IRAAN: “AMERIKAAN WAA’EE WALIIGALTEE ISLAAMAABAAD IRRATTI WAADAA SEENTE YOO RAAWWATTE, DEEBII GAARII NI K...
01/09/2026

PIREZIDAANTIIN IRAAN: “AMERIKAAN WAA’EE WALIIGALTEE ISLAAMAABAAD IRRATTI WAADAA SEENTE YOO RAAWWATTE, DEEBII GAARII NI KENNINA”

Pirezidaantiin Iraan, Masuud Paazaakistaan, Ameerikaan waadaa waliigaltee niwukilaraa Islaamaabaad keessatti galte yoo raawwatte, Tehran deebii gaarii kennuuf qophii ta’uu ibsan.

Pirezidaantichi yaa’ii Dhaabbata Tumsa Shaangaayiirratti haasawa taasisaniin, Ameerikaan waliigaltee kana erga mallatteessitee torban lama hin guutin waadaa galte cabsuu ishee qeeqan.

Akka isaan jedhanitti, Ameerikaan waliigaltee kana cabsuun ishee irraa kan ka’e, Tehran deebii “galateeffamuu qabu” kenniteetti.

Waliigalteen Islaamaabaad kun marii ji’oota sadii Paakistaan fi Qaxaar gidduutti taasifameen booda kan uumame ta’uu ibsameera.

Paakistaan akka ibsetti, marii kana keessatti Ameerikaan kaayyoo ishee galmaan gahuu dhabuu isheetiin dhukaasa dhaabuu irratti waliigaluuf dirqamteetti.

Waliigalteen ji’a Waxabajjii darbe irra ga’ame kun, dhimmoota diinummaa xumuruu fi rakkoo naannoo Strait of Hormuz irratti xiyyeeffatan dabalatee, dhimmoota biroo hedduu kan hammate ta’uu ibsameera.

Pirezidaantiin Iraan Masuud Paazaakistaan, walgahii kanarratti yaada baankii waloo, gamtaa al-ergii fi gamtaa anniisaa biyyoota hirmaatan gidduutti hundeessuuf hayyamu dhiyeessaniiru.

Haa ta’u malee, waliigaltee kana keessatti waadaa galame maal akka ta’e fi Ameerikaan waadaa sana raawwachuu dhiisuu ishee irratti ibsi dabalataa qaamolee Ameerikaa irraa hin kennamne.

Ayyaanota Bara haaraa 2019 dhufaa jiraniif rakkoon dhiyeessii akka hin muudanneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe B...
01/09/2026

Ayyaanota Bara haaraa 2019 dhufaa jiraniif rakkoon dhiyeessii akka hin muudanneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Biiroon Daldalaa Oromiyaa.

Hogganaa Ittaanaan Biiroon Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashuu ibsa miidiyaaleef kennaniin, sababa ayyaanichaatiin hanqinni meeshaalee bu’uuraa fi loon qalmaaf oolaan akka hin mudanneef sadarkaa godinaalee fi magaalotaatti oomishaalee gahaa dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

Dabalataanis, dhiyeessii meeshaalee caalmaatti guddisuuf gabaa Sanbataa 914 tti bifa egzibiishiniitiin dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan ,midhaan nyaataa kuntaala kuma 400 fi kuma 200 ol , kuduraa fi muduraa toonii kuma 300 fi kuma 59, zayita nyaataaf oolu liitira miiliyoona 2.2, akkasumas sukkaara kuntaala kuma 24 ol gabaaaf dhiyeessaa jiraachuu Obbo Tasfaayeen ibsaniiru.

Sababa faddaaltootaa fi gidduu seentotaatiin rakkoon hanqina dhiyeessii akka hin mudanneef to’annoo fi hordoffiin gabaa Sanbataa fi dhaabbilee daldalaa hundarratti xiyyeeffannoon kan taasifamu ta’uuibsuu ragaan BKO ni mul’isa.

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Tokkummaa Sabdaneessaa Cimsuuf Gahee Olaanaa QabaAfa-Yaa’iin Mana ...
01/09/2026

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Tokkummaa Sabdaneessaa Cimsuuf Gahee Olaanaa Qaba

Afa-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii FDRI fi Qindeessaan Koree Olaanaa Ayyaana Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 21ffaa, Obbo Aganyeewu Tashaaggar, ayyaanichi tokkummaa sabdaneessaa fi dimokraasii cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsan.

Obbo Aganyeewuun akka jedhanitti, ayyaanicha bu’aa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee olaanaa galmeessisuuf qophiifi hojiiwwan xiyyeeffannoo qaban hojjetamaa jiru. Ayyaanichi saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyyattii aadaa, duudhaa fi muuxannoo isaanii waljijjiiruun tokkummaa isaanii akka cimsatan carraa gaarii uuma jedhan.

Dabalataanis, ayyaanichi nageenya waaraa fi guddina dinagdee biyyattii mirkaneessuuf uummattoonni garaagarummaa isaanii keessatti waliin dhaabbachuu akka danda’an ibsameera.

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 21ffaan, filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa karaa nagaafi dimokraatawaa ta’een xumuramuu fi mootummaa haaraan hundaa’uu, akkasumas rakkoolee biyyaalessaa marii fi waliigalteen furuuf bu’uura kaa’ameen walqabatee hiika addaa qabaachuu Afa-Yaa’ichi ibsaniiru.

Ayyaanichi magaalaa seenaa qabeettii Jimmaa keessatti kan kabajamu yoo ta’u, Jimmaan Sirna Gadaa dabalatee hambaa seenaa fi aadaa hedduu qabduun beekamti. Kanaafuu, ayyaanichi obbolummaa, tokkummaa fi waliin jireenya saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii daran calaqqisiisuuf carraa guddaa akka ta’u ibsameera.

01/09/2026

Tiraampi: "Iraan Niwukilara Osoo Qabaattee Israa'el Ni Barbadaa'ti Ture"

Gamtichi haleellaa sanyummaa ummata gurraacharra gahu qolachuuf ni hojjeta – Mohaammadi Alii YuusuufGamtaan Afrikaa hale...
31/08/2026

Gamtichi haleellaa sanyummaa ummata gurraacharra gahu qolachuuf ni hojjeta – Mohaammadi Alii Yuusuuf

Gamtaan Afrikaa haleellaa sanyummaa ummata gurraacharra gahu qolachuuf ni hojjeta jedhan Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mohaammadi Alii Yuusuuf.

Mohaammadi Alii Yuusuuf guyyaa Afrikaanotaa fi dhaloota Afrikaa ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Afrikaanoota Ameerikaa, Kaaribiyaanii, Awurooppaa, Eeshiyaa fi Paassifikii jiraatan hunda baga geessan jedhan.

Diyaaspooraawwan dhalattoonni Afrikaa guutuu addunyaarra jiraatan Afrikaa beeksisuun guddina aadaa fi misooma Afrikaaf gumaacha olaanaa taasisuu kaasan.

Guyyaan kun Afrikaa ijoollee ishee biyya alaa jiraatan waliin walitti hidhuuf, akkasumas Afrikaanota diyaaspooraa biyya alaa jiraatan seenaa isaanii Afrikaa waliin qaban akka yaadatan gochuuf, akkasumas akka maatii tokkootti egeree fi carraa Afrikaa waliin murteessuuf kan yaadame ta’uu ibsameera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UN) Ummanni gurraachi beekamtii, haqaa fi misooma akka argatan gochuuf karoora waggaa kudhanii baasee hojjechaa jira.

Kana malees, jibba alagaa (zenoofoobiyaa) fi loogii namoota gurraachaa irratti raawwatamu ittisuuf ni hojjeta jedhan.

Afrikaanota diyaaspooraa biyya alaa jiraatan akka miseensa ijoo maatii tokkootti akka ilaalan ibsuun, Diyaaspoorawwan Afrikaa Ajandaa Afrikaa 2063 hojii irra oolchuuf gahee murteessaa akka qaban hubachiisan.

Mohaammadi Alii Yuusuuf, Dhalattoota Afrikaa kanneen kutaalee addunyaa garaagaraa keessa jiraatanif nagaa, guddinaa fi badhaadhina hawwanii, Gamtaan Afrikaa Afrikaanota diyaaspooraa waliin tumsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaa mirkaneessan.Gabaasni FMC

Riqichi Adwaa miidhama irra gaheen tajaajilamtootaaf yeroo hin murtoofneef  cufamuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Magaal...
31/08/2026

Riqichi Adwaa miidhama irra gaheen tajaajilamtootaaf yeroo hin murtoofneef cufamuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Riqichi kun yeroo dheeraaf tajaajila kennaa turuu kan hubachiise Abbaan Taayitichaa amma garuu miidhaa keessummeesseen tajaajilamtootarra balaa akka hin dhaqqabsiifneef daandichi cufamuu ibseera.

Bu’uura kanaan rakkoon mudate qorannoofi dizaayiniin deeggaramee furmaatni waaraan hanga kennamutti daandiin Addabaabayii Dubartootaarraa gara ibsaa tiraafikaa Baaldiraas geessu har’a Hagayya 25/2018 irraa eegalee kallattii yaa’insa tiraafikaa lameeniin guutummaan guutuutti sochii tiraafikaaf cufaa tahuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Magaalaa Finfinnee hubachiisera.

Kana waan taheef konkolaachistootni daandiiwwan filmaataa biroo akka fayyadaman Abbaan Taayitichaa beeksiseera.

Hoggantoonni Olaanoo RSF Yeroo Waraana Sudaanitti Dhoksaan Gara Israa’el Imaluu GabaafameHoggantoonni olaanoo Humnoota D...
31/08/2026

Hoggantoonni Olaanoo RSF Yeroo Waraana Sudaanitti Dhoksaan Gara Israa’el Imaluu Gabaafame

Hoggantoonni olaanoo Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) yeroo waraanni Sudaan itti fufee jirutti, qondaaltota mootummaa Israa’elii fi bakka bu’oota tajaajila basaasaa waliin wal arguun marii dhoksaa taasisuuf gara Israa’el imaluu isaanii gabaasni qorannoo tokko ifa godhe.

Akka gabaasa African Intelligence irraa bahe jedhameetti, namoonni RSF waliin hidhata qaban garee lama ta’uun bara 2017 fi 2018 gara Israa’el imalaniiru.

Gareewwan kun magaalaa Tel Aviv keessatti qondaaltota Ministeera Dhimma Alaa Israa’el, keessumaa kutaa dhimma Afrikaa, akkasumas bakka bu’oota tajaajila basaasaa waliin marii taasisaniiru jedhame.

Gabaasichi akka ibsutti, jila jalqabaa keessatti Abdul Rahim Hamdan Dagalo, obboleessa hogganaa RSF Mohamed Hamdan Dagalo, kan maqaa Hemedti jedhamuun beekamu, fi miseensa olaanaa hoggansa RSF akkasumas miseensa maatii isaanii Algone Hamdan Dagalo argamaniiru.

Daawwannaa lammaffaa irrattis namoonni dhuunfaa lama kunneen, gorsaa seeraa RSF waliin gara Israa’el deebi’anii imalaniiru jedhameera.

Tiraamp Viidiyoo AI Odola Kaarg Iraan Agarsiisu Truth Social Irratti MaxxansePireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp,...
31/08/2026

Tiraamp Viidiyoo AI Odola Kaarg Iraan Agarsiisu Truth Social Irratti Maxxanse

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, viidiyoo teknooloojii Artificial Intelligence (AI) fayyadamuun qophaa’e, kan Odolli Kaargii Iraan keessatti argamu haleellaa fi barbadaa’uu isaa fakkeessu, marsariitii isaa Truth Social irratti maxxansaniiru.

Akka gabaasa BBCtti, Tiraamp viidiyoo kana waliin ergaa gabaabaa barreessuun, “Odolli Kaarg guutumaan guutuutti barbadaa’eera” jechuun ibsaniiru.

Viidiyoon Tiraamp maxxansan kun, xiyyaara irraa ol ka’anii ilaalamu fakkaatuun, kuusaa boba’aa fi dooniiwwan boba’aa dho’anii gubatan kan agarsiisu yoo ta’u, viidiyoon sun kan AI’n uumame ta’uu gabaafameera.

Viidiyoon kun kan maxxanfame yeroo Ameerikaa fi Iraan gidduutti muddamni waraanaa itti hammaachaa jirutti.

Kaleessa humnoonni Ameerikaa, sirnoota misaa’elaa Iraan lama Odola Laraak irraa socho’aa turan, kanneen fanjii galaanaa irratti kaa’uuf yaaliin taasifamaa ture jedhaman, haleeluu isaanii beeksisaniiru.

Gama biraatiin, Koreen Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC) haleellaa Ameerikaaf deebii kennuuf, buufataalee waraanaa Ameerikaa naannawaa Baha Giddugaleessaa keessatti argaman irratti misaa’elaa fi diroonii fayyadamuun xiyyeeffannoo kennuu beeksiseera.

Odolli Kaarg immoo Iraan keessatti bakka tarsiimawaa ta’ee, boba’aa fi oomishaalee boba’aa gara gabaa idil-addunyaatti erguuf gahee olaanaa qaba. Kanaaf, odolli kun diinagdee fi al-ergii boba’aa Iraaniif bakka murteessaa ta’etti ilaalama.

Address

Istanbul

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when JMN Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category