02/09/2025
"Qarshii Hamma Barbaadde Irratti Barreeffadhu!" Billionaire Bill Gate
Guyyaa tokko gaazexeessituu tokkotu duureessa addunyaa kanaa kan ta’e Bill Gate waliin af-gaaffii (interview) gooti. Gaazexeessittiin gaaffii ishee keessatti,
“Dhoksaa fiixaan ba’insa keessanii maaliidha?” jettee isa gaafatte.
Duureessi kunis gaazexeessituu kanatti check qullaa itti kennee, “Qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu” ittiin jedha. Isheenis, akka nama fedhii hin qabneetti check sana ofirraa dhiibaa, “Lakki, ani akkas jechuu barbaadeen miti. Dhoksa fiixaan ba’insa keessanii maal akka ta’e isin gaafachuu barbaadeni malee” jetteen.
Bill Gate ammas irra deebiin check kana itti kennee, “Qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu” ittiin jedha. Isheen garuu ni didde.
Duureessi addunyaa kun check kana itti agarsiisaa, “Dhoksa fiixaan ba’insakoo carraa amma akka siin si qaqabbee kana, otuu of jalaa hin gubin itti fayyadamuukoodha. Dhoksaan milkaa’inakoo carraan argadhe hundumaatti fayyadamuukoo dha.
Otuu ati carraa amma siif kenname kana itti fayyadamtee, silaa yoona kana gaazexeessituu duureetti addunyaa kanaa ta’uu dandeessa turte. Ani carraa lama siif kenne. Addunyaan kun carraa lama namaaf hin kennitu. Carraa tokkittii si qaqqabe itti fayyadamuun dhoksa fiixaan ba’umsaa ti” ittiin jedhe.
Bill Gate gaazexeessituu sanaaf carraa lama kenne ture. Isheen garuu itti hin fayyadamne. Otuu itti fayyadamtee, silaa akka inni jedhe, duureettii addunyaa kanaa taati ture.
Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu adda addummaa kan uumuu carraa argataniitti fayyadamuufi dhiisuudha. Carraan aduu miti, naanna’ee dhufuu dhiisuu danda’a. Jijjiirama jireenya keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba. Carraa argatte hundatti fayyadami.🥰