08/17/2026
Gochi suukanneessaan joolleen teenya biyya Arabaatti walirratti raaw'attu hirmaannaa qaamota hundaatiin dhaabbachuu qaba. Kanumarraa ka'uun qaamota nageenyaa Suudiifi kan Itoophiyaa waliin akkaataa yakkamtoonni gochoota kana duuba jiran adabamanirratti mari'achaa jirra. Namoota adda durummaan gara marsaalee hawaasaatiinis ta'ee lafarratti shira hammeenyaa kana xaxan nuuf eeruun gahee keessan akka baatan waamicha dhiheessina.
Odeeffannoon namoota adda dureen yakkoota kana qindeessan adda baafachuuf barbaannu;
- Maqaa dhalootaafi maqaa sooshaal miidiyaaf fayyadaman
- Suuraa nama sanii ( yoo danda'ame kan ammaafi gaafa biyya jiranii)
- Iddoo dhalootaa ( Godina, Aaanaa, Ganda)
- Iddoo yeroo ammaa jiraatu
- Yoom gara biyya amma jiraatanii akka dhufan
- Yoop danda'ame koopii paaspoortii/ National ID/ Viizaa isaanii
Nutis eeruu nuuf ergitan qorannaan mirkaneeffannee qaamota nageenya dhimmi ilaaluuf dabarsuun tarkaanfiin barbaachisaan akka fudhatamu taasifna.
Baalagummaan fokkisaan kun dhaabbachuu qaba. Gahee keessan bahadhaa lubbuu miskiinaafi maqaa sabaas baraaraa!
Via:Jawar Mohamed