Calaqqee Media

Calaqqee Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Calaqqee Media, Digital creator, Chicago, IL.

CALAQQEEN MIIDIYAA (C-MEDIA)➡️ODEEFFANNOO DHUGAA FI QABATAMAARRATTI KAN HUNDAA'EDHA.

🪐 Follow

🪐 Like

🪐 Share...godhaa
🌍🌍🌍🌍🌍🌍🌍🌍🌍🌍🌍
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

https://www.facebook.com/Calaqqee Media

03/29/2025
03/29/2025

Id- Al- Faxiriin guyyaa boruu sanbata guddaa kabajama.

Id Al-Fixrii kan bara 1446 ALH/2025 guyyaa boruu kabajama.

Miidiyaa Abdii Sabaa Hordoftoota amantaa Islaamaa hundaan baga Ayyaana Iid Alfaxir kan bara 1446ffaa nagaan isin gahe jechaa ayyaanni kun kan Nagaa,kan Jaalalaa fi kan Barakaa akka isiniif tahu hawwa.

IID MUBAARAK!

03/23/2025

Daballiin boba'a hangi isaa kan duraa caalu ammas taasifame.

Itoophiyaatti gatiin bobaa'aa har'a irraa eegalee dabaluu isaa ibsame.

Daballiin boba'aa kun takkaan qarshiin inni dabalee kan duraa akka caalu himamaa jira. Akka Xalayaan Ministira Daldalaa , Kassahun Goonfeen mallattaa’ee hubachiisutti sirreeffama gatii kanaan
Bor irraa eegalee:

● Benziila liitira tokko, birrii 112 fi saantima 67

●Keeroosiinii liitira tokko, birrii 107 fi saantima 93
● Naafxaa adii adii liitira tokko, birrii 107, saantima 93
● Naafxaa gurraacha salphaa liitira tokko, birrii 109 saantima 22
● Naafxaa gurraacha ulfaataa liitira tokko, birrii 106 fi saantima 75
●Boba'aan Jeetti liitira tokkoof birrii 113 ta'eera.

Gatiin boba'aa wayiita dabalu, hangi qaala'insaa baay'ee ol ka'uu isaa kan himamu yoo ta'u haalli kun ammas hawwaasa yaaddesseera.

03/23/2025

Oduu_ C-Media

Rokeettiin Libannosirraa itti dhuka'uu hordofee Israa'el haleellaa cimaa Libaanos irratti gaggeessuu beeksifte.

Humni Waraana Israa'el ibsa baasen, bakkeewwan rokkeettin irraa dhukaafamaniifi wiirtuwwan ajaja Hezbollaa heddu mancaasuu beekssie.

Ji'a Sadaasaa keessa Israa'elifi Hezbollaan dhukaasa dhaabuf erga waliigalanii rokkeettiin yeroo jalqabaaf Libaanos irraa gara Israa'eliti dhukaafaamuu isaati.

Mininisteerri Fayyaa Libaanos akka beeksisetti, haleellaa Israa'el gaggeessite kanaan daa'ima tokko dabalatee namoonni lama yoo du'an saddeet ammoo madaa'aniiru.

Libaanos biyya Hezbollaa dabalatee hidhattoonni Filisxeem heddu keessa socho'aniidha.

Haleellaa rokkeettii Israa'elitti dhukaafameef gareen hanga ammaa itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Hezbollaan gamasaan haleellaa rokkeettii kana keessaa qooda akka hin qabne ibsuun, waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka kabaju beeksise.

Humni Waraanaa Libaanos ammoo eenyu rokkeettii akka dhukaase adda baasuf qorannoo jalqabuu ibse.

03/21/2025

Bunni qaala'aa jira jedhame...

Oduu C-Media
Magaalaa Finfinnee keessatti Bunnii Kiiloo tokko hanga qarshii 900tti gurguramaa jira.

Ji'oota muraasa dura buna kiiloo tokko qarshii 600n gurguramaa ture; ta’us yeroo ammaa buna kiiloo tokko birrii 800 hanga 900 fi isaa ol gurguramaa jira.

Gatiin gurgurtaa buna gabaa keessatti gurguramu qulqullina isaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaatus, fayyadamtoonni fi daldaltoonni buna qulqullina gadi aanaa hanga olaanaa qabuuf giddu galeessaan hanga birrii 200 akka dabalu himamaa.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad Gaaffilee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebii guyyaa kaleessa
kennaniin, Oomisni Bunaa jijjiiramaan dura Doolaara miiliyoona 700 qofa ture jedhan.

Bara darbe ammoo al-ergii Bunaa irraa galiin Doolaara biiliyoona 1.4 argamuu himan.
Bara kana ji'oota 8’n darban qofatti al-ergii Bunaa irraa galiin Doolaara biiliyoona 1.2 argamuu danda'eera jedhan.

Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti buna oomishuun adda dureedha; Ragaan akka agarsiisutti addunyaa irratti Biraazil, Veetnaam, Kolombiyaa fi Indooneeshiyaa hordofuun sadarkaa 5ffaa irratti argama.

03/21/2025

# Oduu
Waraanni Sudaan Masaraa Pirezidaantii harka RSF ture deebisee fudhateera.
Maadii Oduu France 24 akka gabaasetti Humni waraanaa Sudaan masaraa pirezidaantii Kaartuum Humnoota Dafee Qaqqabaa (RSF) irraa fudhateera.

Kun ammoo wal waraansa waggoota lamaaf biyyattii diigaa jiru keessatti tarkaanfi murteessaa ta'u eere gabaasni kun.

Ebla bara 2023 yeroo waraanni kun ka’u RSF dafee masaraa mootummaa fi naannawa magaalaa guddoo qabatee ture, Humnootni waraana sudaan ji'oota darban keessa nannawa kana qabachuuf waraana cimaa taasisaa turan.

Jalqaba bara kanaatti mootummaa hundeeffachuu kan jalqabe RFS kutaalee Kaartuum fi ollaa Omdurman, akkasumas sudaan dhihaa keessatti wal waraansi adeemaa tureera.

Amma Waraanni sudaan Magaalaa guddoo kana fudhachuun waraanni kun giddugala Sudaan guutummaatti dhuunfachuuf sochii taasisaa jira jedhamae.

Mariin nagaa garee kana laman gidduutti akka taasifamuuf tattaaffiin godhame tokkollee hin dhugoomne.

Kibxata darbe naannoo masaraa mootummaatti lola cimaan kan ka’e yoo ta’u, dhohinsi dhaga’amee haleellaan qilleensaa waraanni giddugala Kaartuum irratti xiyyeeffate jechuun namoonni ijaan arganii fi maddeen waraanaa Rooyitarsiitt himaniiru.

Waraanni kun rakkoo gargaarsa namoomaa addunyaa irratti isa guddaa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhee waamu kan fide yoo ta’u, RSF fi humni waraanni Sudaan dhiittaa mirga namoomaa hamaa ta’een himatamu.

03/20/2025

"Kaleessa akkuma kee paarlamaa keessa ture. Nama akka kee nama arrabsu dhiisii kan yaada uummataa kaasuu ni hidhu turan. Nuuti garuu si hin hiine. Qusataa dubbadhu!" jedhaniin Ministirri muummee Dr. Abiyyii Ahimad deebii hardha mana maree bakka bu'oota uummataatti Dr Dessaalenyi Caanneetiif deebisaniin.

03/20/2025

Itiyoophiyaan xaa'oo waggoota...

Itiyoophiyaan waggoota lamaan sadan dhufanitti xaa'oo oomishuu ni eegalti jedhan ministeerri muummee Abiyyi Ahmad ibsa har'a miseensota paarlaamaatiif kennaniin.

03/19/2025

Oduu: hawwii ulaa galaanaa qabdu ''dogoggoraa fi yeroon isaa kan irraa darbe'' jechuun qeeqxe

Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saaleh, hawwii Itoophiyaa “dogoggoraa fi yeroon isaa irraa darbe'' karaa “dippilomaasii ykn humna waraanaan” ulaa galaanaa argachuuf taasistu jedhaniin biyyi isaanii “burjaaja’aa” jiraachuu eeruun, kanaaf hawaasni idil addunyaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.

Osmaan Saaleh ibsa kaleessa Asmaraatti ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa, dippilomaatota fi hoggantoota dhaabbilee UN adda addaaf kennaniin, Eertiraan Itoophiyaa waliin waraana banuuf qophii gochaa jirti jedhamuu “himannaa sobaa” jechuun kuffisan.

03/19/2025

"Tokkicha osoo ija hiinee lafa 30km Hawaasaarraa fagaatu geessine beekee hin deebi'u!" jedhan Pireezidaantii Naannicha obbo Dastaa Ledemoo.

Obbo Dastaan yaada kana kan dubbatan haala yeroo Naannoo Sidaamaa keessa jiru irratti ibsa guyyaa kaleessaa Miidiyaaf kennaniin.

Artistii Sidaamaa beekamaan Yohaanis Beqqelee (Tokkicha) jedhamu kan beekamu karaa fuula miidiyaa hawaasaa Pireezidaantii naannichaa Dastaa Ledemoo dabalatee gocha malaammaltummaa irratti hirmaatanii jiru waan ta'eef aangoo irraa haa ka'anii jechaa jira.

Qabsoo jalqabne kana hanga jara aangoorraa kaasnutti gonkumaa adda hin kunnu jedheera. Kana hordofee pireezidaantii naannichaa ibsa halkan edaa kennaniin,"Tokkicha osoo ila hiinee lafa Hawaassaa irraa 30km fagaatu geessinee beekee gara Hawaasaa deebi'a natti hin fakkaatu!" jedhan.

Itti fufuun, "Ani bu'uuruma irraa kaasee Tokkichi Sidaamaa beeka jedhee hin yaadu. Tokkichi Afaan Sidaamaa fudhatee Afaan Sidaamaatiin sirbe malee Sidaama keessa jiraatee xiinsamuu Sidaamaa beeka hubatee, haala ammaa Sidaamni keessa jiru furuu danda'a jedhee hin yaadu!" jedhan.

C-MEDIA odeeffannoo wayitawaafi dhugaa. Follow godhaa

Address

Chicago, IL

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Calaqqee Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share