SQ Bilisummaa Oromoo

SQ Bilisummaa Oromoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo is The Voice of Oromo Youth that serves for the voiceless of the Oromo people.

π™Žπ™–π™‘π™–π™–π™‘π™šπ™š π˜Ώπ™–π™§π™§π™–π™–Humni waraanaa sirna ppn qajeelfamtu godina Salaalee Aanaa Darraa keessatti qabeenya namoota dhuunfaa han...
11/01/2023

π™Žπ™–π™‘π™–π™–π™‘π™šπ™š π˜Ώπ™–π™§π™§π™–π™–

Humni waraanaa sirna ppn qajeelfamtu godina Salaalee Aanaa Darraa keessatti qabeenya namoota dhuunfaa hanga tajaajoota hawaasaa kan tahan barbadeessaa jira.
Waraanni flashiestii Abiyyiif ergaramu kan jibba Oromoon guutame haala armaan gadiin argitan kanaan qabeenyaa hawaasaa abiddaan barbadeessuun hojii ala taasisee jira.

α‹­αˆ… α‹αˆ½αˆ΅α‰΅ αˆ˜αŠ•αŒαˆ₯ቡ α‰ αˆ°αˆ‹αˆŒ α‹žαŠ• αˆ‹α‹­ α‹¨αˆ…α‹α‰£α‰½αŠ•αŠ• αˆ•α‹­α‹ˆα‰΅ αˆ€α‰₯α‰΅αŠ“ αŠ•α‰₯αˆ¨α‰΅ αŠ αˆ¨αˆ˜αŠ”α‹«α‹Š α‰ αˆ†αŠ αˆ˜αŠ•αŒˆα‹΅ α‰ αŠ¨α‰£α‹΅ መሣαˆͺα‹« αŠ₯α‹«αŒ‹α‹¨α‹ α‹­αŒˆαŠ›αˆ.....

 Ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun hidhaarraa baasanii ajjeesan.Harmeen armaan gadii kun Aadde Kuulanii jed...
11/01/2023



Ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun hidhaarraa baasanii ajjeesan.

Harmeen armaan gadii kun Aadde Kuulanii jedhamu. Shaggar Bahaa Boosatitti ilmakeetu Bosona Jira jedhanii waraanni PP erga qabamanii hidhanii Sarara irraan gahanii booda hidhaarra baasanii onkoloolessa 30/10/23 ajjeessanii gatan .
Waraanni pp gara kan Eenyummaan isaanii haadhatti dhukaasuun ajjeesanii gatuurra gahaniiru .

10/02/2023
10/02/2023

Magaala Gimbiitti hawaasni geejjiba dhabuun danqame. [SQ,Onkolooleess 2,2023] Wallagga Lixaa magaalaa Gimbii irraa uummati Oromoo danqamuu odeessi magaalichaa arganne beeksisee jira. Sababaan dhorka kanaa uummati Oromoo gara ayyaana Irreessaa Bishooftuu akka hin imalleef ta'uun beekamee jira. Mootum...

Godina Iluu Abbaa Booraa Magaala Godinattii kan taate Mattuuti caasaan Faannoo sochii taasisaa jira.[SQ,Fulbaana 28,2023...
09/29/2023

Godina Iluu Abbaa Booraa Magaala Godinattii kan taate Mattuuti caasaan Faannoo sochii taasisaa jira.

[SQ,Fulbaana 28,2023]

Caasaan Faannoo deeggarsa mootummaa naannoo Oromiyaa fi Federaalaa argachuun biyyattii keessatti ijaaramaa turan qindoomina kallattii fi alkattii mootummaa aangoo qabatee jiru wajjin taasisaa jiraniin Oromiyaatti jeequmsa taasisaa jiru.

Dhiyeenya kana Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaa magaalaa Limmuu Gannati irratti sochii taasisuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana Oromiyaa Kibba Lixaatti ittuma fufuun Faannoon sochii ijaarsaarra darbuun haleellaa taasisuu jalqabuu isaatu odeessisaa nu qaqqabee jira.

Kaleessa galgala jechuun Fulbaana 27,2023 gareen faannoo Oromiyaa Kibba Lixaa Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuutti sochii ijaarsaa fi dargaggoota Oromoo torban darban kesssa caasaa biltiginnaa wajjin ta'uu nama hiisisaa turan,yeroo ammaa kana haleellaatti seenuun dargaggoo Abdii jedhamu reebanii yeroo ammaa kana hospitaala Mattuutti yaalama jira.

Jiraattootni magaalaa Mattuu gareen shorqubataa haala garagaraatiin magaalatti keessatti of ijaaruu yeroo itti fufee qabee yoo iyyannes kan nu dhagahu dhabnee yeroo ammaa kana ijaaramuun qe'ee abbaa keenyaa irratti haleellaa akka nurratti taasisan kan harka lafa jalaatiin eyyama kenneef mootummaa Biltsiginnaati jechuun yaada isaanii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootiin gahaniiru.

Godinaa Wallagga Lixaa Aanaa Begiitti;Godina Qellam Wallaggaa Anfillootti dhibee busaa fi beelaan uummati Oromoo dhumaa ...
09/28/2023

Godinaa Wallagga Lixaa Aanaa Begiitti;Godina Qellam Wallaggaa Anfillootti dhibee busaa fi beelaan uummati Oromoo dhumaa jira.

Akkuma beekamu lola waggoottan shanan kana Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti adeemaa jiruun,aanaaleen Godina Wallaggaa daangaa irra jiran rakkoo beelaa fi dhibee daddarbaan qabamuu hammataa fi baratamaa ta'aa adeemuun yeroo ammaa kana hawaasni hedduun dhibee tamsa'aa weerara busaatiin qabamuu fi beelaan dhumaa jiraachuu maddeen nuuf himaniiru.

Gabaasni keenya bakkicha irraa argannee fi kan Aanaa Anfilloo,baadiyyaa Muggii irraa maatii isaa magaala jiraatu dubbifne walumaa galatti hawaasni mana yaalaas dhaqee dhibuu qorichaa irraa yaala malee du'aa jirra jechuun dubbatan.

Namni maqaa isaa akka dhahamu hin feene magaalaa Finfinnee irraa dubbifne maatiin keenya Muggii jiran horii isaanii akka itti gurguratan dhabamuu irraa maallaqa mataa kootii yoon ergeef illee midhaan kan akka boqqolloo,hanciroo (bisingaa)faa kubbaayyaatti birrii afurtama ta'uu isaatiin dhumuuf deemna jedhan jechuun nuuf hime.Gama kanaan maallaqa ittiin bitatan caalaatti midhaan bitamu dhabamuu fi rakkoon dhiyeessii kun isa hedduu yaaddessuudha.

Magaalaa Beegii,Kobar,Qondaalaa,Qashmandoo fi iddoolee hedduutti rakkoo dhibee busaa fi rakkoo beelaan hawaansi gaaga'amaa jirra kan jedhan namooti dubbifne,maddi rakkoo kanaawaraana ta'us addatti mootummaan Itoophiyaa hawaasa WBOn keessa maandheffatee lolaa jiru kana irraa dhiyeessii kutuun fixuu karoora "Galaanicha goksuu" jechuun Fiqaaduu Tasammaan waltajjii Caffee Oromiyaa irratti dubbate dhugoomsaa jira.

Haala amma Oromoon iddoolee waraanaa akka Gindabarat,Kiiramuu,Amuruu fi kanneen kana fakkaatan keessa jiru irratti hawaasni Oromoo biyyoota addunyaarra jiru dhiibbaa hatattamaa akka taasisuu gaafanna.

09/27/2023
09/26/2023

Baankiin Siinqee mirga hojjettoota sarbe,qabeenya uummataa Oromoos saame jechuun hojjettootni komatan .

Fulbaana 20,2023 irraa jalqabee guyyoota jahaffaaf hojjettootni Baankii Siinqee duula lagannaa labsanii hojiitti hiikaa jiraachuu odeessi SQ qaqqabe ni mul’isa.

Duulli lagannaa kun maaliif barbaachise jennee hojjettoota dameelee baankichaa odeessa nuuf himanii fi maamiltoota fayyadamtootaas dubbifnee yaada armaan gadii nuuf kennanii jiru

Baankichi maayikiroo faayinaansii WALQO jedhamu irraa kan Siinqee jedhamee moggaafamee fi hojiirra jiru tahuu nuuf himuun
"Baankiin kun duraan WALQO jedhamee yeroo hundeeffame qabeenya magaalota Bishooftuu,Naqamtee,Asallaa,Jimmaa fi Mattuu fa'itu walitti dhufee hundeesse.

Har'a Baankiin Siinqee kun gandummaadhaan kan liqimsame jechuunis hojjettootni baankichaa ni dubbatu.
Manaajerootni firoomaa fi ganda dhalootaan irratti wal ijaaramanii kan qacaraman tahuu fi qabeenya Oromoo bal'aa kan Salaalee fi Shawaa Lixaa duwwaadha jedhanii yeroo itti ilaalan irra gahameera jechuunis komii isaanii SQtti dubbataniiru .
Hojjettoota Baankichaa irratti loogii amantaa,gosaa fi gandaatu qaqqaba.Baankichi mirga hojjettootaa ulaagaa Baankii Biyyaalessaa gadiitiin hojjechiisuun manaajerootni olaanoon saamicha guddaatti jiru jechuunis ni balaaleffatu.

Hojjettootni Baankii Siinqee akka nuuf dhaamanitti nuyi baankii siyaasaa kan Shimallis,manaajeroota wajjin paatiroolii waraana ittiin bituu fi bichisiisutti mirgi keenya sarbamuun dhaabbachuu akka qabuu fi ummatni bal’aan akka nuuf hubatu barbaanna jedhu.

Hongee Booranaa irratti miliyoona 115 kennina jedhanii waadaa galanii kan turan Baankiin Siinqee bulanii dirqamaan kaffalaa nuun jedhan hojjettoota irratti muranis jedhan.
Hojjetaa fi hojjechiisummaa dhaabbatichaa cabeetu,qabeenyaa baankichaa kennuurra kiisa dhuunfaa keenya saamanii kaffalan,nu saaman,daa'imman keenya hagabuu bulchan jechuunis komii isaanii ni dubbatu

Miindaan hojjetamu kan manaajerootaati.Liqaa ofii gadhiisanii fudhatanii bulanii liqii hojjetaa haqu,isa hojjetaan head Office liqeeffatu warra dameetu hojii hojjetee galchaaf jechuunis shira baankii siinqee keessatti raawwatamaa jiru himu.

Baankichi Qabeenya Oromootiin Oromoo rakkisuurra bulchiinsoti magaalotaallee garbummaa Shimallis jalaa bahuuf baankicha diiganii kan uummata Oromoo lagaan hin qoodne dhaabuu qabu jechuunis yaada isaanii SQf himaniiru.

Hojjettootni Baankii Siinqee Diddaa hanga guyyaa har'aa kanaan kasaaraa kitila hedduu kan mudate yoo tahu .Baankii gandee kana diignee baankii Oromoo dhaabna.Kanaaf kara deemtoti muudamaan dhufanii dafqa keenya hin nyaachuun dhaabbachuu akka qabus hojjettootni Baankii Siinqee jabeessanii dubbatu.

Tajaajilamtoota Baankii Siinqee keessaa yaada akka nuuf kennan kan gaafatne keessaa namni tokko akkas jedhuun nuuf himan β€œguyyoota darban kana inuman deddeebi'a garuu konneekshiniitu hin jiru jechuun rakkoo argaan jira" jechuun yaada isaanii nuuf kennanii jiru.

Komii isaanirra gahu kana SQn gaaffii fi deebii hojjettootni Baankii Siinqee himatanii fi maamiltootni jedhaniif Obbo Niwaay Magarsaa dubbisuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne.

09/24/2023

Waraanni Biltsiginnaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Goossanii Baabboo Uggaa Hordaa bakka jedhamutti mana maatii jiraattotaa gube.

Manni maatii miseensota WBOti jedhamuun gubame kun kan Obbo Tashoomaa Dabalaa yeroo ta'u ilmi keessan Hambisaan hidhatee nu lola jechuun yoo ta'u,dabalataanis qabeenyaa Obbo Abarraa Caalii ilmi keessan hidhatee nu lola jedhuun baabura midhaan daaku lamaa fi mana jireenyaa maatii isaanii afur gubamee jira.
Akkuma kanaan dura gabaasaa turre,bulchaan Aanaa Waamaa Hagaloo Addisuu Hordofaa jedhamu nageenya argamsiisuu maqaa jedhuun badhaasa federaalaa waanin fudhadheef aanichi qabeenya kooti yaada sirna ipeeriyaalistii anaarkisistii bulchiinsa namtokkee hordofuun mana maatii jiraattootaa gubuu,bulchiinsa daangaa aanaa Waamaa Hagaloo darbee aanaalee ollaa Nuunnuu Qumbaa,Waayyuu Tuqaa fi Sibuu Siree seenuun namoota nagaa mana keessanii WBOn midhaan nyaate odeessa jedhu qabna kan jedhuun namoota nagaa ajjeesaa,aanaa isaanii malee aanaa Waamaatti fudhee hidhuun roorroo fi gidirsaa hamaa naannichatti raawwataa jiru.

Ethiopian military convoy ambushed in south Somalia.Fighters of the Al-Qaeda-aligned militant group Al-Shabaab on Sunday...
09/17/2023

Ethiopian military convoy ambushed in south Somalia.

Fighters of the Al-Qaeda-aligned militant group Al-Shabaab on Sunday ambushed a convoy of Ethiopian troops traveling near the border town of Rabdhure in Somalia’s Bakol region.
The ambushed Ethiopian soldiers had crossed over the border into Somalia to reinforce their forward operating base in the town of Wajid, which has been under militant blockade for nearly a decade.
In a statement, Al-Shabaab said it had killed 167 Ethiopian soldiers and captured others as prisoners of war. Militants also claimed destroying military vehicles, halting the advance of Ethiopian troops and seizing a cache of weapons.
Somali officials have confirmed the attack and the ensuing gun battle, but have yet to give details.
Ethiopia’s military and African Union Transition Mission in Somalia (ATMIS) have not immediately commented on the attack.

Somaliguardian

09/17/2023

Dhumaatii Ummata Oromoo Wallaggaa irratti raawwatamaa jiru ilaalchisee Artist Umar Suleemaan dhaamsa Ummata Oromoof dabarsan.

Address

Columbus, OH

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when SQ Bilisummaa Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to SQ Bilisummaa Oromoo:

Share