Seife nbelbal radio

  • Home
  • Seife nbelbal radio

Seife nbelbal radio Broadcasting & Media Production Company · Nonprofit Organization

29/07/2022

HD ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Dura taa’aan KFO Profeeseer Maraaraa Guddinaa Hoteela Ayyati Rejeensii magaalaa Finfinnee tti argamuun Mootummaa Ameeriikaatti jiila bakka bu’oota Diploomaasii gaanfa Afriikaa Kan ta’an waliin Marii geggeessan.
======================================

Hayyu Duree ABO fi Dura taa’aan KFO Profeesser Mararaa Guddinaa Guyyaa Har’aa kana waaree booda sa’a 4 irraa hanga sa’a 5:30tti, bu’uura bellama imbaasiin biyya Ameeriikaa magaalaa Finfinnee qindeesseen Hooteela Ayati Rejeensiitti “argamuun mootummaa Ameeriikaatti bakka bu’aa addaa dhimma dipiiloomaasii gaanfa Afriikaa Kan ta’an kan yeroo ammaa jila isaanii waliin Itoophiyaa daawwataa jiran Mr Mike Hammer waliin dhimma biyyatti fi ajandaa garaagaraa irratti Marii bal’aa geeggeessanii jiru . Marii kana irrattis jila dipiloomaatii gaanfa Afriikaa kana dabalatee Ms. Valerie Parry imbaasii Ameeriikaa Itoophiyaatti argamutti dipiloomaatii fi itti gaafatamtuu dhimma siyaasaa fi dinagdee akkasumas “state department “ Ameeriikaatti gaafatamummaa Kan qabduu qooda fudhattee jirti.

Marii yeroo dheeraa godhame Kanaan hoggantoonni paartiilee lachuu dhimmoota jajjaboo ta’an irratti Lolaa fi Nageenyaa, dinagdee, Marii Siyaasaa waliigalaa, hidhamtoota siyaasaa fi addatti haala Oromiyaa keessaa, haala haasawa nagaa hammatu irratti mariin godhame jira. Kanaan wal maddittis dhiibbaa addatti paartiilee kanneen kana irratti paartiin aangoo qabatee biyya bulchaa jiruu godhamaa jiru dhabbatuu qaba Kan jedhus ijoo marii kanaa ture . Haal duree tokko malees hidhamtoonni Siyaasaa hiikamuu,Mootummaan lola kallattii garaagaraan geggessaa jiru dhaabuu ,Waajjiraalee Partilee kanaa cufaman banamuu fi Paartiileen siyaasaa Kun Sochii bilisaan akka taasisan karaan jiraachuu akka qabus gafataniiru.

Hoggantoonni ABO fi KFO nagaa waaraa Oromiyaa fi biyyatti waliigalaa keessatti fiduun Kan danda’amu humnaan akka itti paartiin biyya bulchu godhaa jiru osoo hin taane nagaan bu’ee karaa nagaan marii hunda hammatee rakkoon Siyaasaa bu’uura ta’ee deebii argate qofaa dha jechuunis hubachiisan. Keessattu marii biyyooleessaa jechuun akka nagaa barbaadutti fakkessee paartiin biyya bulchu ABO fi KFO qoophixeessuudhaan sochiin godhamu bu’aa kan hin fidne ta’u akka hawaasni addunyaa hubatu jechuun kaasan.

Dipiloomaatonni kunis nagaa gaanfa Afriikaa , biyyaa Itoophiyaas ta’ee addatti Oromiyaa keessatti dhaleessuuf shoorri paartiileen Kun qaban himuun gama isaaniin nagaan akka bu’ee lammileen nagaan jiraataniif waan irraa eegamu kan godhan ta’uus himanii jiru . ABO fi KFOn Miseensonni isaanii danuun hidhaatti gidirfamaa sochii dhorkamanis akka jaarmiyaatti hojiilee gurguddoo mirga ummata qabsa’aniif hojjeechaa jiraachuu kan himan hoggantooti kun gama isaaniin gaaffii sabni Oromoo fi lammileen biyyatti qaban karaa nagaa akka furmaata argatan qaama kamuu waliin akka hojjechuuf qophii akka ta’anii fi falli tokkich biyyatti daandii nagaatti geessuu marii Siyaasaa hundaa hammate qofaa akka ta’ee dhammachuun marii isaanii golabataniiru.

Madda :Sabqunnamtii ABO irraa

Finfinnee, Adooleessa 29/2022

05/02/2022

Addis Abeba - Three opposition parties Oromo Federalist Congress (OFC), Oromo Liberation Front (OLF) and Ogaden National Liberation Front (ONLF) said the process of Ethiopia's planned National Dialogue and the nomination of Commissioners to lead it is not impartial [OFC], unknown [OLF] and lacked re...

Address


Telephone

+17137705656

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Seife nbelbal radio posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share