08/11/2025
??
==========================
kun bara amantootni hedduun gara itti goran harkaa badee, eenyu duuka akka bu'an adda baafachuun itti ulfaatee fi waan qabatanii waan dhiisan itti wallaalaniidha. Bara itti Waldaan Waaqayyoo isheen dhiiga Hoolicha mudaa hin qabneen bitamte gaaga'ama hafuuraa(spiritual crisis)kallattii hedduun keessummeessa jirtuudha jedheen yaada. Gama tokkoon eegdotaa fi soortuu hafuuraa warra sirrii dhabuu, gama kaaniin qaala'iinsa jireenyaa. (Kana gaafan jedhu soortuun sirriin hin jiran jechuu koo miti). Tajaajiltootni maqaa Wangeelaan daldalan tokko tokko, saba haalotaan danqame kana qooda dubbii Wangeelaatiin jabeessan, abdii qabneen gowwoomsaa, waan jiruu fi hin jirre abdachiisaa nama qilleensa qabuuf ari'uutti dhaloota gomjaajessaa, isaanii dagachiisanii waa'ee milkaa'inaa fi badhaadhummaa lafa kanaa duwwaa itti odeessaa isaaniitiif immoo sooromanii, garuu amantoota danuu Fayyinaa Yesuusiin irraa gara duubaatti deebisan!! Kaan immoo biyya lafaa irra addunyaa du'aa fi dukkanaa kaleessa keessaa dhufan akka filataniif karaa saaqaniif!! Qooda daandii jireenyaa keessatti sagalee Waaqayyootiin wal jajjabeessinu namoota baay'eef sababa gufannaa taane!.....????
?
" Isin kana gochuudhaaf waamamtaniittu; Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera. "
(1 Phexros 2: 21)
1. Yesuus lubbuu isaa kan nuuf kenne, gamoo nu ijaarsisuuf utuu hin taane jireenya nuuf kennuuf akka ta'e hin dagatinaa!
" Yesus, "Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna."
(John 10: 11)
2.. Kan nuti waamamneef karaa namni tokko hordofe akka hordofnuuf utuu hin taane duuka akka buunuuf. Mat11:28-29
2. Duuka buutota namoota dhuunfaa(tajaajiltootaa)ta'uu dhiifnee Yesuus isa nu waame sanaa haa taanuu!
3. Barsiisaa sirrii fi fakkeenya keenya isa dhugaa isa ta'e Yesuus irraa
-OF DEEBISUU fi GARRAAMUMMAA haa barannuu!
" Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. "
(Maatewoos 11: 29)
4. Warri waldaa kiristaanaa keessaa dhabne jettan, inni jiraatii, Yesuus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu ilaalaa; isas hordofaa,! Ibr12:2
5. Isa nuuf dhiphate Yesuusiifis gatii (aarsaa Wangeelaa)kaffaluufis dheebochuu qabna.
amanuu keessan duwwaa utuu hin ta'in, isaaf dhiphachuu danda'uunis immoo isiniif kennameera."
(Filiphisiiyus 1: 29)
6. Gammachuu fuula isaa dura jiru ilaalee yeelloo fi du'a fannoo isa obsaan danda'e Yesuusiin irraa barannee duuka haa buunuu!
" ... Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e. "
(Ibroota12: 2)
7. Isa har'aa duwwaa utuu hin taane du'aan garasiis haa yaadannuu!
" Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kristosin abdanna erga ta'ee, namoota hundumaa caalaatti nuuf boo'uutu ta'a. "
(1 Corinthians 15: 19)
Maddi: Fuula fb faarfataa Damee Bisiraat