Voice of peace

  • Home
  • Voice of peace

Voice of peace Voice of Peace is a movement. In a world filled with noise, division, and conflict, we choose a different path. We believe peace isn't just a dream.

We amplify voices of compassion, understanding, and unity. It's a daily practice.

Dhugaa Media Voice of peace
18/09/2026

Dhugaa Media Voice of peace

“Tsimdoo hin beeknu; garuu tumsa keessa jirra” Ibsi WBO' kun kan dhagahame yeroo hoogganaan garichaa ol'aanaan Kumsaa Dirribaa mariif Asmaraatti imaleera jedhama jirutti

Dhugaa Media Finfinnee, Fulbaana 18, 2026:

Waraanni Bilisummaa Oromoo jedhee of-waamu fi kan Paarlaamaan mootummaa federaalaa ganna shan dura "Shanee" jechuun farraje ibsa kaleessa galgala baaseen, dhimmoota nageenyaafi siyaasa Oromiyaa fi Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa adeemaa jiru irratti yaada isaa ibseera.

WBO' yookaan kan mootummaan ABO-Shanee jechuun waamu kun, ibsa isaa keessatti hidhattoonni garee “Fannoo Wallaggaa” jedhamuun waamaman Mootummaatu ijaaree hidhachiise jechuun himate.

Haa ta’u malee, yeroo waraanni Fannoo Wallaggaa, kun Wallaggaa bakkeewwan garaa garaatti haleellaa raawwachaa ture, sababa kanaaf haleellaa raawwatame uummata isaarra qolachuu akka dadhabe hin eerre.

Akkasumas, WBO’n (ABO-Shaneen) ibsa isaa keessatti gareen kun hanga waraanni naannoo Amaaraa eegaletti qaama milishaa mootummaa ture; booda garuu caasaa milishaa mootummaa keessaa baafamuu isaas ibsuun, garichi yeroo ammaa mootummaan hoogganamaa akka hin jirres akeekeera.

WBO’n (ABO-shaneen) ibsa isaan, gareewwan Faannoo fi “Fannoo Wallaggaa” jedhaman waliin ilaalcha siyaasaa qabaachuu isaallee haaleera.

Gareen “Fannoo Wallaggaa” jedhaman akka qaama mootummaa amma jiru mormaniitti ilaalamuu akka hin qabnes eere.

Gama biraatiin, gamtaa Tsimdoo jedhamu keessa hin jiru garuu tumsa qaamolee mootummaa federaalaa Itoophiyaa morman waliin hiriirreerra jechuun kan ibse WBO’n (Shaneen) garee Tsimdoo jedhamu hin beeku jechuun haaleera.

Haa ta’u malee, jechi Afaan Tigiriffaan 'Tsimdoo' jedhu Afaan Oromootti gaafa hiikamu 'tumsa' jechuu waan ta'eef, ilaalcha kamiin giricha waliin hariiroo hin qabnu jechuun akka ibsame ifa miti.

Dabalees, WBO’n (Shaneen) ibsa isaan, humnoota mootummaa Doktar Abiyyiin durfamu morman waliin walta’iinsa siyaasaa bal’aa fi marii xumuraa irra ga’uus ibseera.

Wallta’iinsi kun humnoonni mootummaa morman wal-loluu dhiisanii qaama uummattoota irratti xiyyeeffachuu fi waltajjii mootummaa cehumsaa, gaaffileen uummatoota biyyattii hirmaannaa isaanii keessatti itti furaman, qopheessuu irratti hundaa’as jedheera.

Akkasumas, WBO’n (Shaneen) walta’iinsi kun “walta’iinsa adeemsaa” malee waliigaltee dhimma siyaasaa ijoo irratti hundaa’e miti jechuun ibseera.

'Uummata Siivilii hidhachiisuu' yaadaa jedhurrattis yaada isaa kan eere WBO’n (ABO-Shaneen) uummanni balaa isa mudatu irraa of-ittisuuf hidhachuuf mirga qaba jechuun ibsee, mootummaan garuu uummata hidhachiisaa kan jiru akkanni of-eeguuf qofa miti jechuunis himate.

Ibsi WBO' (ABO-SHANEE) kun kan ba’e yeroo garichi Aantummaa saba isaa dabarsuun diinota seenaa Sabichaa waliin hiriireera jira jedhamee komatamaa jiruttidha.

Odeeffannoo teenna kanneen biroof liinkota armaan gadiin nu hordofaa!⬇⬇
Facebook:https://www.facebook.com/DhugaaMedia24

Telegram:https://t.me/DHUGAAMEDIA
YouTube: https://youtube.com/?si=e3oLfodkDnT4KB49

18/09/2026

Voice of peace Dhugaa malee xi'i hin jedhuu Dhugaa Media Follow godhaa

Miseensota Caffee bara hojii  𝟕𝐟𝐟𝐚𝐚 hundaaf~~~Yaa'iin Duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 7ffaa Fulbaana 15 - 18 Bara 2...
18/09/2026

Miseensota Caffee bara hojii 𝟕𝐟𝐟𝐚𝐚 hundaaf
~~~

Yaa'iin Duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 7ffaa Fulbaana 15 - 18 Bara 2019tti Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti gaggeeffama.

Kanaafuu, Filannoo Marsaa 7ffaa gaggeeffameen Miseensa Caffee Oromiyaa taatanii kan filatamtan hundi Fulbaana 14 Bara 2019 waaree booda sa’aatii 7:30 irraa eegalee galmeen waan gaggeeffamuuf Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamtanii akka gabaastan Waajjiirri Caffee Oromiyaa isin beeksisa.

18/09/2026

Dhugaa Media Facebook

18/09/2026

Dhugaa Media Facebook Voice of peace , fi Comment godhuu hin dagatinaa Galatoomaa!
Voice of peace

18/09/2026

Voice of peace
Maal eedda isii?
Foloo tolchi. Facebook

17/09/2026

"Siyaasa Keessa Firri dhaabbataaf Diinni Dhaabbataan Hin Jiruu?"
Dhugaa Media Fulbaana 16, 2026
Namoonni tokko tokko jecha afaan faranjii "there is no permanent enemy or permanent friend in politics; but only permanent interest" jedhu irratti hundaawanii siyaasa keessa firri dhaabbataaf diinni dhaabbataan hin jiru jedhu.

Dubbiin tana keessaa waan tokko irraanfatan. Siyaasni waa'ee diina ke moo'uu qofaamoti. Dantaa qabsooftuuf qabda. Dantaan sun hin jirjiiramu. Dantaa dhaabbataa qabda. Diinni ke dantaa ke waan falmuuf diina ta'e. Gaafa dantaa ke san fudhatee, dantaa sanirratti si mormuu dhiise firoomuu dandeetta. Kanaan achi yeroof wol loluu dhiisuu malta malee diinummaan ke ni hafa jechuu moti. Dubbiin jabduun bakka dantaa san jirti. Yokiin ati dantaa san dhiisuu qabdaa yokaan inni dantaa ke falmuu dhiisuu qaba. Gaafa dantaa ke falmuu dhiise wanti ati itti hin firoomneef hin jirtu. Dubbii ijoon dantaa dha! Isii biraa hin dagatinaa! Dantaan Oromoon irratti mariif hin teenye maal faa dha? Me yaada keessan kennaa!
Facebook

Address

1212

55454

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Voice of peace posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share