Wolaloon Ibsadha Yaada Koo

Wolaloon Ibsadha Yaada Koo HAYYUUN EENYU? Qalamaaf waraqaa

06/11/2025

Of ta'ii jiraadhu
Namatti hin hirkatin
Rakkina_kees baastee
Namatti hin himatin

Jette jettee nama
Tasumaan dhagahin
Jecha namaa ilaaltee
Mogolee hin bu'in

Rabbii keetiif malee
Mataa gadi hin qabin
Namaan waan miidhamteef
Haamileen sin cabiin

Bakka yaadde ga'uuf
Kan darbe yaadachaa
Isa dhufuuf tattaafachaa
Gaddaa fi gadadoo
Hundaa dandamachaa

Imala kee itti fufii
Jireenyi hin dhaabatu
Ati
Gad of qabde taanaan
Eenyu sin jaallatu
Gaafa wa siin jedhus
Tasaa hin ilaallatu

Kanaaf
Kaayyoo kee jabeessi
Namoota si miidhaan
Ofirraa fageessi

Hundumayyuu dursi
Dursa ofiif laadhu
Waa'ee nama dhiisii
Mataa keef jiraadhu

Maal jedhu namaatiif
Tasa_n dhiphatini
Gonkumaa hin godhin
Wanta_n jaallatini 🤷
Nasiro Beriso ናሲሮ በሪሶ

05/20/2025

🥹

Hanga feete jabaattus
Rabbii kiyyaaf laaftu
Kanaaf nan yaachisne
Rakkoon feete dhuftu.

Ani yoon Badii qabaadhe
Keetuma ilaahii
Si qabaachu kiyyaaf
Alhamdulillaahii.

Xiqqoof guddo mara
Malleessaa too naaf dhiisi
Rakkoo natti jirtuus
Mee keessa na baasi.

✍️
✍️

05/16/2025

4 games left.
Cristiano is the best goalscorer in Saudi Pro League with 23 goals 💪

05/16/2025


========

silaa guyyaa takkaaf
oolte mana yaalaa
dureessa tahuun kee
wly siif galaa

Alhamdulillaahii
wly fayyaan faayaa
fayyaa too naaf tiksi
na godhi nagayaa .....

http://t.m/Nasirotube
http://nasirotube.shop
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍 ❤ 🗨️ ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ

05/10/2025

..😓

Nan Miidhinaa
Madaan Qabaa
Nan Dhiibinaa
Humnan Dhaba

Kaayyoo Guddoo
Galma Hin Qabne
Hawwii Jabduu
Hin Dhugoomne

Meeqaan Qabaa
Nan Miidhinaa
Humnaan Dhabe
Nan Dhiibinaa

Meeqaan Arkee
Gaariifii Hamaa
Hundaan Shakke
Ilmaan Namaa

Hin Amanuu !
Naan Himinaa
Madaan Qabaa
Nan Tuqinaa...!!
WWolaloon Ibsadha Yaada KooHHighlights

Abdii Hin Muratin Abshir Yaa Nama koo Wanti Arra Dhabde Ni Dhufa Gaaf-TokkoRabbiin kee Siif Jira Rakkinni YEROOFI...!Rak...
04/18/2025

Abdii Hin Muratin
Abshir Yaa Nama koo
Wanti Arra Dhabde
Ni Dhufa Gaaf-Tokko

Rabbiin kee Siif Jira
Rakkinni YEROOFI...!
Rakkoon Qoramuun kee
Jabaa Waan TAATEEFI...!

Jechi Rahmaan Jedhu
Irra Daddeebi'ee
Abdii Narraa Qabdan
Hin Murinaa Jedhe.

Hedduu Garaa Laafa
Mootiin kee Rahmaanii
Sitti Hin Hammaatu
Wallaahii Rabbiini

Fitinaa Hedduun
Rabbi Isin Qoraa
Nama Obsa Qabuuf
Mindaa Gaarii Jira

Jedheeti Nuuf Himaa
Rabbi Garaa Laafaa
Obsi kee Jabaannaan
Boodaan Milkii Dhufaa.

Obsa Guddaa Obsi
Rakkoon Sirraa Hafaa
Boruuf Carraa Gaarii
Siif Qabatee Dhufaa.

04/16/2025

ወዴት ነው ያለሽው

በቁረአን በተውሂድ ፣ ቤትሽን ያዋብሽው
ጊዜሽን በሙሉ ፣ ለሱና የተውሽው

ላሉባልታ ወሬ ፣ ቦታ ማትሰጪው
ላቺ ኸይር ስትሺቺ ፣ ለኔም የምትሽችው

ላቺ የምትወጅውን ፣ ለኔም የምትወጂው
በሱና መርከብ ፣ ላይ ተሳፈርሽ ያለሽው

ይህን ሁሉመስፈርት ፣ አሞልተሽ የያሽው
ሱኒቱ እህቴ ፣ ወዴትነው ያለሺው??😘
WWolaloon Ibsadha Yaada Koo

04/14/2025
03/22/2025

Sodaatamaan rabbi❗️

Jabeenyi kan Rabbiiiti
Namni jabaa miti.
Yerumaaf of Tuultee
gadooddee iyyitii

Sodaatamaan rabbi
Isa ajjeesee kaasuu.
Gaafa inni si qabee
Eenyulleen sin baasuu

Sodaatamaan rabbi
Kan si jiraachisuu.
Uumaama isaa mara
Kan arjoomee nyaachisu

Qabaataanis rabbi
Kan hundaaf rahmatu.
Kan uumamni hunduu
Iyyatee waammatuu

Kan si qabuu mee
maaluma dhabee.
Kan si qabates
Mee yoom cabee

Namni homaa keessa
Hin jirtu, boru duute baddi.
Yaa garaa koo nana
Utuu rabbiin qabduu
maaliif kutta abdii

Inni akka koo hiyyoomes
Inni horee qanani'eses
Booddeen isaa du'aa.
Jireenyi Adduunyaa kun
tasa homaa hin buuftu bu'aa.
Wolaloon Ibsadha Yaada Koo

Address

Minneapolis, MN

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wolaloon Ibsadha Yaada Koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share