
06/02/2025
HADIISA AJAA’IBAA KAN AKKA MALEE NAMA RIFACHIISU!!!
"Nabiin Rabbi (SAW) akkana jedhan, manaamaan namni lama natti dhufanii fuudhanii naan deemanii gara Samii bahan jedhan.
"Nama tokkotti dhufne kan Mataa isaa gurbaan wahii bira taa'ee Dhakaan cafaqu kan yeroo inni gama mallaa tokkoon cafaqee Dhakaan konkolaate fiigee Dhakaa san fudhatee dhufee gamaa tokkoon cafaqa ammas yeroo Dhakaan konkolaate fiigee fudhatee dhufa yeroo inni dhufu kan duraa fayyee Eegaa haala kanaan gamaaf gamanaan cafaqamaa taa'aan argee maali namni akkanaa kun Badiin isaa jedheen jedhan jara isaaniin deeman kana lamaaniin bira nuun darbi naan jedhani biran darbe jedhan.
"Ammas nama tokko kan afaan isaa, ijji isaa fi Funyaan isaa gara duubaatti achi baqeyfamu, yeroo cinaan tokko akkasitti baqeyfame kan duraanii ammas walitti fayyèe, ammas gama Fayye san akkasumatti baqeysuu cinaa lamaan haala kanaan tara taraa ittiin azzabamaan arge maaluma Badiin namaa kanaan jedhee bira nuun darbi naan jedhani biran darbe jedhan.
"Nama Laga Diimaa wahii daaku kan gurbaan tokko cinaa taa'ee yeroo inni bahuuf bishaan kana daakee dhufu gurbaan kun Dhakaa fuudhee afaan isaa keessa dhahee gadi itti deebisa haala kanaan qixaaxamaan arge maaluma kun jedheen gaafadhe bira darbi naan jedhani biran darbe jedhan.
"Ammallee nama lama dhiiraaf dhalaa qullaa isaanii boolla tokko kan afaan dhiphatu wahii keessatti gubatanii iyyu kan ibiddi jala jaraatii ol itti lallabu ol bahuuf iyyaa cinqamu dhaabadheen gadi ilaalee maaluma Badiin namaa kanaan jedhee bira nuun darbi naan jedhani biran darbe jedhan.
"Ammas nama tokko kan haalaan fokkatu kan ilaaluun isaa namatti hin tolle wahii kan inni ibidda jala fiigee qabsiisun arge maal kun jedheen gaafadhe bira darbi naan jedhani biran darbe.
"Ammas nama manguddoo wahii kan haalaan bareedu kan jalli isaa caffee kan Daa'imni tixiqqoon bira jiranuun arge nan gaafadhe bira darbi naan jedhani biran darbe jedhan