01/28/2026
me debbisaa 🎇
"Karoora yeroo hunda itti yaadu Tokkoon siif hima if biratti barreeyfadhu..!
•Hariiroo jabduu Rabbii keetii waliin qabaadhu , salaata yeroo irratti salaatu ,guyyaa hunda qur’aana qara’uu fi hariiroo dhooysaa Rabbii wajjiin qabaadhu.
Guyyaa hunda ibaadaa bareechaa itti fufiinsa qabaadhu.
Dilii keessa jirtu lakkisuuf yaali dilii saniitu gabricha Rabbii gaarii tahuu si dhoorgutti jira.
•Projektii hayyama Rabbiitiin rizqii tee siif bal’iftu ta si gargaartu harka si qabdee hafuura si baafachiiftu Takka hojjachuuf yaadi (yeroo hunda nama mindaa murtaawaan qofa jiraatu hin tahin.)
•Fayyaa qaamaa keetiitiif karooraa kaayadhu.. Ispoortii hojjadhu ,nyaata qaama keetiif faayidaa hin qabne ( waan gaaza qabu ,waan sukkara qabu…) firraa xiqeeysi..qaama keetitti yaaddawu hin lakkisin Torbaanitti Sa’a Lama maaliif hin taane kanniif.
•Barnoota kee qacoollatti jala deemi..yoo barnoota Akkaadami irra jiraatte mooraali jabduun bakka jirtu keessaa mul’achaa fixi.
Yeroo Takkallee beekumsa amantii teetii barachuu fi ida’achuu irraa if duuba hin deebi’in.
Ulamaa jala gad taa’i ,nama gaarii saahibi ammaa ammatti masjiidatti deebi’i.
•Nama waa dubbisu tahi ,guyyatti fuula 15nillee maaliif hin taane osoo ati waan dubbifne waan haaraya hin baranne guyyaan sirra hin dabrin.
Ammoo kitaaba faayidaa siif hin qabne moggaa hin bahin.
•Lubbuu tee ,ilmaan kee ,jaartii teetii fi haadha abbaa keetirraa itti gaafatamaa tahi.
Nama qalbii fi qaamaan yeroo hunda isaan bira jiraatu tahi.
•yeroo hunda if jijjiiru irraa hin hifatin ,jireenyi kee gama ati yaaddu kana malee gama biraatin irra caalaa tahu mala.
Karaa san barbaadi itti hojjadhu.
•Qabeenyi ,beekkamtii fi naggadni cufti osoo qalbii tee keessatti hin taane harka kee keessatti yoo tahe bareedaadha.
Rabbiif hojjachuu keessatti jeeynummaan hin jirtu ati gabricha waan taateef akka inni barbaadutti isa gabbaruun dirqama keeti..!
Fayyaa naaf qabaadhu..!"
Jannataaf Carraaqi ✍️✅