Roobaa pages

Roobaa pages Sabaa koof

https://robagb.blogspot.com/2025/09/gorsa-bareedaa-jireenya-keenya-gara.html
09/23/2025

https://robagb.blogspot.com/2025/09/gorsa-bareedaa-jireenya-keenya-gara.html

Jireenyi nama hundaa carraa fi qormaata of keessaa qaba. Namni tokko yeroo hundaa gammachuu fi milkaa’ina barbaada, garuu milkaa’ina dhugaa argachuuf hojii cimaa fi yaada qulqulluu barbaachisa. Namni sammuu ofii irratti hojjetu, of hubachuu danda’u, fi yeroo isaa to’atu carraa cimaa qaba.

GORSA 🥹🙄==============1: Namni ati jaallattu yoo fuula sitti guure jarjartee hammeenyasaa hin dubbatin. Bor deebitanii g...
09/16/2025

GORSA 🥹🙄
==============
1: Namni ati jaallattu yoo fuula sitti guure jarjartee hammeenyasaa hin dubbatin. Bor deebitanii gaafa walitti araaramtan gaabbii cimaa seentaatii
2: Nama tokkotti nama gaarii of gochuuf jecha hiriyyaa kee hin xureessiin. Haqni) dhugaan booda si gaafataatii
3: Yeroo mara dhugaa dubbadhu. Gammachuun sobarraa maddu yeroomaaf malee booda sin fayyaduutii, Dhugaan harra dubbatte bultee si boonsitiitii
4: Baaltii jette jettee hin amanin. Amantees kan biraaf hin dabarsiin. Gaaf tokko si qaaneessaatii
5: Yeroo namni si arrabsu atis hin arrabsiin. Jalaa callisnaan ofiifuu gaabbee dhiisaatii
6: Jaalalleen kee Waadaa waliif qabdan cabsee yoo haala mijeeffate aariif xiiqiin ati waadaa kee hin cabsin. Diinummaas hin yaadiniif. Bor cubbuu waadaa kee lakkuu kaffaluunsaa dirqamaatii
7: Kan si miidhe haaloo bahuu dhiisuun sodaa sitti fakkaatee xiiqiin haaloo bahuuf hin fiigiin. Haaloo (Ija'aa) dhugaan kee baatutu caalaatii
8: Waan bor darbuuf jaalalaan hin qoosiin. Bor dhala dhabuunis jiraatii
9; Jaalala fudhachuu qofa hin yaadiin. Oolmaa waan gaafatuuf kennii fudhu malee!

HADIISA AJAA’IBAA KAN AKKA MALEE NAMA RIFACHIISU!!!"Nabiin Rabbi  (SAW) akkana jedhan, manaamaan namni lama natti dhufan...
06/02/2025

HADIISA AJAA’IBAA KAN AKKA MALEE NAMA RIFACHIISU!!!

"Nabiin Rabbi (SAW) akkana jedhan, manaamaan namni lama natti dhufanii fuudhanii naan deemanii gara Samii bahan jedhan.

"Nama tokkotti dhufne kan Mataa isaa gurbaan wahii bira taa'ee Dhakaan cafaqu kan yeroo inni gama mallaa tokkoon cafaqee Dhakaan konkolaate fiigee Dhakaa san fudhatee dhufee gamaa tokkoon cafaqa ammas yeroo Dhakaan konkolaate fiigee fudhatee dhufa yeroo inni dhufu kan duraa fayyee Eegaa haala kanaan gamaaf gamanaan cafaqamaa taa'aan argee maali namni akkanaa kun Badiin isaa jedheen jedhan jara isaaniin deeman kana lamaaniin bira nuun darbi naan jedhani biran darbe jedhan.

"Ammas nama tokko kan afaan isaa, ijji isaa fi Funyaan isaa gara duubaatti achi baqeyfamu, yeroo cinaan tokko akkasitti baqeyfame kan duraanii ammas walitti fayyèe, ammas gama Fayye san akkasumatti baqeysuu cinaa lamaan haala kanaan tara taraa ittiin azzabamaan arge maaluma Badiin namaa kanaan jedhee bira nuun darbi naan jedhani biran darbe jedhan.

"Nama Laga Diimaa wahii daaku kan gurbaan tokko cinaa taa'ee yeroo inni bahuuf bishaan kana daakee dhufu gurbaan kun Dhakaa fuudhee afaan isaa keessa dhahee gadi itti deebisa haala kanaan qixaaxamaan arge maaluma kun jedheen gaafadhe bira darbi naan jedhani biran darbe jedhan.

"Ammallee nama lama dhiiraaf dhalaa qullaa isaanii boolla tokko kan afaan dhiphatu wahii keessatti gubatanii iyyu kan ibiddi jala jaraatii ol itti lallabu ol bahuuf iyyaa cinqamu dhaabadheen gadi ilaalee maaluma Badiin namaa kanaan jedhee bira nuun darbi naan jedhani biran darbe jedhan.

"Ammas nama tokko kan haalaan fokkatu kan ilaaluun isaa namatti hin tolle wahii kan inni ibidda jala fiigee qabsiisun arge maal kun jedheen gaafadhe bira darbi naan jedhani biran darbe.

"Ammas nama manguddoo wahii kan haalaan bareedu kan jalli isaa caffee kan Daa'imni tixiqqoon bira jiranuun arge nan gaafadhe bira darbi naan jedhani biran darbe jedhan

🥎🥎Seenaa Addaa Dubbisaa Itti Seenaa🥎🥎🥎🥎Namticha tokkotu fajrii dammaqee akka salaatuuf salaata fajrii masjidatti uffata ...
06/01/2025

🥎🥎Seenaa Addaa Dubbisaa Itti Seenaa🥎🥎

🥎🥎Namticha tokkotu fajrii dammaqee akka salaatuuf salaata fajrii masjidatti
uffata uffatee wudu'atee gara masjidaa deeme
osoma deemu karaa walakkaa Keessatti mucucaatee kufe uffanni isaa horofaan/dhoqqeedhaan laaqame olka'ee gara manaa deebi'e.

⚾️⚾️Lammaffaa uffata isaa jijjiiratee wudu'atee deeme salaatuuf bakkuma dura itti gufatte kufe lammaffaa mucucaatee kufe uffanni isaa horofaan/dhoqqeedhaan laaqamee Gara mana isaa deebi'e.

🏀🏀Ammas uffata isaa jijjiiratee wudu'atee manarraa bahe oso deemaa jiruu nama ifaa harkaa qabuu tokkoon wali dhufee ati eenyu je'eeni gaafate.

🥎🥎Akkana isaan jedhe,ani si argee jira wayta marraa lama kufte marsaa sadeffaa akka ati hin kufneefin ifaa siif ibsuu filadhe hanga ati masjiida seentutii je'een.

🏀🏀Yeroo tana gurbaan khun ati nama gaari fakkaattaa khoottuu seeni ni salaannaa jennaaniin seenuu dide irra deddeebisee gaafate,namtichi garuu seenuu didee ati maali hin salaattuu jennaaniin akkana isaan jedhe.

🥎🥎 Ani sheyxaana anatu sikuffise marraa duraa akka manatti deebituuf akka masjidatti hin salaannee sigodhuufi garuu ati ni deebite hoggaa ati gara manaa deebite uffata jirjiirrattu san Rabbiin diliitee hunda siif dhiise.

🏀🏀marraa lammaffaa khuftee ati gara
manaa deebite uffatta jirjiirratte deebite sanis rabbiin maatiitee cufaafu ni araaramee
marraa sadaffaa Keessatti wannin ifaa siif ibseef akka ati hin kufneefi yoo khufte ammas Rabbiin ollaa khe guutuudhaaf araarama godhuu sodaadheeti je'een.
ﻓﻼ ﺗﺠﻌﻠﻮﺍ ﻟﻠﺸﻴﻄﺎﻥ ﻋﻠﻴﻜﻢ ﺳﺒﻴﻼ
🥎🥎Sheyxaanaaf karaa hin godhinaa
Yoo share godhuun si jibbisiise share hin godhin Sheyxaanni isa kana sidhoowwe haqa hin godhattu sawaaba isii argachuu sawaabni isii waan guddaa ta'eef.

🥎🥎🥎🥎Hin bahin subhaanallah jedhi🥎🥎🥎jzk

🥎🥎Seenaa Addaa Dubbisaa Itti Seenaa🥎🥎

🥎🥎Namticha tokkotu fajrii dammaqee akka salaatuuf salaata fajrii masjidatti
uffata uffatee wudu'atee gara masjidaa deeme
osoma deemu karaa walakkaa Keessatti mucucaatee kufe uffanni isaa horofaan/dhoqqeedhaan laaqame olka'ee gara manaa deebi'e.

⚾️⚾️Lammaffaa uffata isaa jijjiiratee wudu'atee deeme salaatuuf bakkuma dura itti gufatte kufe lammaffaa mucucaatee kufe uffanni isaa horofaan/dhoqqeedhaan laaqamee Gara mana isaa deebi'e.

🏀🏀Ammas uffata isaa jijjiiratee wudu'atee manarraa bahe oso deemaa jiruu nama ifaa harkaa qabuu tokkoon wali dhufee ati eenyu je'eeni gaafate.

🥎🥎Akkana isaan jedhe,ani si argee jira wayta marraa lama kufte marsaa sadeffaa akka ati hin kufneefin ifaa siif ibsuu filadhe hanga ati masjiida seentutii je'een.

🏀🏀Yeroo tana gurbaan khun ati nama gaari fakkaattaa khoottuu seeni ni salaannaa jennaaniin seenuu dide irra deddeebisee gaafate,namtichi garuu seenuu didee ati maali hin salaattuu jennaaniin akkana isaan jedhe.

🥎🥎 Ani sheyxaana anatu sikuffise marraa duraa akka manatti deebituuf akka masjidatti hin salaannee sigodhuufi garuu ati ni deebite hoggaa ati gara manaa deebite uffata jirjiirrattu san Rabbiin diliitee hunda siif dhiise.

🏀🏀marraa lammaffaa khuftee ati gara
manaa deebite uffatta jirjiirratte deebite sanis rabbiin maatiitee cufaafu ni araaramee
marraa sadaffaa Keessatti wannin ifaa siif ibseef akka ati hin kufneefi yoo khufte ammas Rabbiin ollaa khe guutuudhaaf araarama godhuu sodaadheeti je'een.
ﻓﻼ ﺗﺠﻌﻠﻮﺍ ﻟﻠﺸﻴﻄﺎﻥ ﻋﻠﻴﻜﻢ ﺳﺒﻴﻼ
🥎🥎Sheyxaanaaf karaa hin godhinaa
Yoo share godhuun si jibbisiise share hin godhin Sheyxaanni isa kana sidhoowwe haqa hin godhattu sawaaba isii argachuu sawaabni isii waan guddaa ta'eef.

🥎🥎🥎🥎Hin bahin subhaanallah jedhi🥎🥎🥎jzk

Seenaan biraa itti fufaa .

06/01/2025

Rabbi nuuf haa Araaramuu🤲

06/01/2025


Amala namoota sammuu bilchaata qabanii. ...........................................................................(1,)✍...
05/26/2025

Amala namoota sammuu bilchaata qabanii. ...........................................................................
(1,)✍ Yeroo hundumaa sochii irratti argamu. Maaliyyuu yoo isaan mudate sochii isaani hin dhaaban. Yeroo isaani gubuu hin fedhan.
(2,)✍Jijjirama "baga nagaan dhufte jechuun" ni simatu. Mudannoo jijjiiramicha irratti jijjiramicha fiduu irratti isaan mudatus akkasuma ni fudhatu.
(3,)✍Gammachuu dhaabbataa ta'e qabu. Kufaatin iyyuu yoo isaan mudate akka carraa gaariitti waan fayyadamaniif gammachuun isaani hin hir'atu. Humna isaaniifi qabeenya isaani wanta to'achuu hin dandeenyetti hin qisaasessan.
(4,)✍Namoonni akkasii kun Gaariidha, haqa qofa jaallatu. Waan itti dhaga'amee haasa'uufis eeyyama namaa utuu hin eegin dubbatu. Sodaato miti. Wanta sirrii ta'ee itti mula'te hojjechuuf sodaa hin qaban.
(5,)✍Milka'ina namoonni biroon goonfatanitti ni gammadu. Hinaaffa wanti jedhame jireenya isaani keessatti hin mul'atu. Namoota milka'ina argatanitti fuula hin guuran. Milka'ina isaan argatan kanas hin qeeqan.
(6,)✍Mudannoo milka'ina dursee dhufu fudhachuuf fedhii guutuu qabu.
Ati kamiin keessa akka jirtu of ilaali. Yoo hanqina qabaatte sirreeffachaa adeemi. Namoota bilchaatoo jedhaman kanatti makamuuf ammuma irraa jalqabii sammuu kee irrattii hojjechuu eegali. Sammuu keef itti gaafatamuummaa kan qabu si qofaadha.

Ulfaadhaa.

Ani Wallaalticha baruuf Tattaafataa jiruudha.

Amantaa Musliimaa keessatti waan hedduu namatti tolu keessaa.1. Namni hunduu mana amantaa yommuu dhaqe wal qixa.  Daa'im...
05/25/2025

Amantaa Musliimaa keessatti waan hedduu namatti tolu keessaa.

1. Namni hunduu mana amantaa yommuu dhaqe wal qixa. Daa'ima, guddaa, beekaa, wallaalaa, dureessa, hiyyeessa, gurraacha, adii jedhamee masjiida keessatti iddoon qophaa'u hin jiru. Hunduu wal qixxeedha. Hiyyeessi duubatti hiriiree dureessi duratti haa hiriiruu wanti jedhu hin jiru.

2. Iddoon dhoksaa abbaa amantaafis ta'ee nama kamiifuu qophaa'u hin jiru. Masjiinni kan nama hundaati. Wanti icciitii jedhamuu fi iddoo icciitii jedhamu hin jiru.

3. Balballi masjiidaa hoogganaa guddaa ta'ee, daa'ima ta'ee kan ilmi namaa hundi ittiin seenee ba'u tokkoon ala hin jiru.

4. Kutaa addaa ykn VIP jedhamu kan abbootin qabeenyaa ykn abbootin aangoo olaanaa kophaatti keessatti salaatan hin qabu. Hunduu bakkuma tokkotti salaata, rabbiin kadhata.

5. Abbaan amantaa masjiida keessatti waan kitaabni amantaa ykn qur'aanni jedhu barsiisa malee dandeettii isaa fi aangoo isaa namatti agarsiisuu hin danda'u. Abbaan amantaa akka amantaatti rabbiin kadhata malee ani akkana siif godha ykn akkana taata namaan hin jedhu .

Amantaa walqixxummaan dhugaa keessatti dhugoomu 🥰

Addunyaan sin sobinIsiif jechas qalbiin teetisHin GoginJabaadhii hojjadhiiWaan Hamtuu Qofatti hin GorinWaan Gaarii Ammoo...
05/19/2025

Addunyaan sin sobin

Isiif jechas qalbiin teetis
Hin Gogin

Jabaadhii hojjadhii

Waan Hamtuu Qofatti hin Gorin

Waan Gaarii Ammoo

tokkoyyuu irraa hin Gorin

Ilma namaas hin jibbin

Ka si jibbes hin dhibin

Na gargaari jennaan

Waan Dandeettun hin Didin.𝘴𝘦𝘦𝘮𝘰𝘳𝘦......

𝐉𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐢🫵

Address

New York, NY
2332

Telephone

+251910370029

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Roobaa pages posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Roobaa pages:

Share