Oromiyaan Biyya

Oromiyaan Biyya Amaloota namoota namummaa qabanii yoo hin qabaatin miila lamaan deemuun qofti nama nama hin jechisiisu!

09/11/2026
09/10/2026

Namoota Deeggarsa Argatan Suuraa Fi Viidiyoon Agarsiisuun Seeraan Kan Adabamu Ta’u Himame

Waliif Tv (Fulbaana 10,2026) Finfinnee

Burkina Faso keessatti kabaja fi ulfina namoota deggersa argatanii eeguuf, namoota deggersa argatan nyaataa, uffataa ykn meeshaalee kennamaniin waliin suuraa ykn viidiyoo kaasuufi tamsaasuun seeraan kan nama gaaffachiisuu ta’u qajeelfamni mootummaa haaraan ragga’e jira.



Bulchaan Burkinaa Faaso Ibraahim Tra’oore Adoolessa 2 bara 2026, walga’ii Mana Maree Ministirootaa gaggeesserratti, namoota haala rakkisaa keessa jiran ykn deggersa barbaadan, yeroo gargaarsa argatanitti meeshaa ykn nyaata isaanii waliin suuraa fi viidiyoon agarsiisuun akka hin raawwatamne qajeelfama haaraa raggaasise jira.

Keessumaa, daa’imman, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an, miidhamtoota rakkoo adda addaa fi lammiilee rakkoo keessa jiran, yeroo nyaataa ykn meeshaalee gargaarsaa argatanitti, gargaarsa isaanii waliin dhaabanii suuraa kaasuufi viidiyoo waraabanii tamsaasuun mootummaa biratti fudhatama hin qabu jedhame jira.

Qajeelfamni kun, rakkoo fi dhiphinaa namoota deggersa barbaadanif furmaata jedhame jira. Suuraa gargaaramtoota waliin ka’uun maallaqa walitti qabuuf akka meeshaa tajaajilutti fayyadamuun kabaja namaa sarbuudha jedhamee jira.

Akka ibsa mootummaa Burkinaa Faasootti, dhaabbanni ykn namni dhuunfaa tokko gargaarsa yeroo kennu, nama gargaarsa argate sana meeshaa itti kenname bira dhaabsiisee suuraa ykn viidiyoo kaasee, “nutu isa gargaarra” jechuun tamsaasuun, rakkina nama sanaa akka beeksisaatti fayyadamuudhaa jedhame jira.

Gargaarsa kennuun hojii gaarii ta’us, kabaja fi ulfina nama gargaaramu sanaa miidhuu hin qabu jechuun qajeelfamni kun bu’uura isaa kaa’ee jira.

Burkinaa Faaso keessatti sirni gargaarsaa biyya keessaa cimee hojjechaa jiraachuunis ibsameera. Fakkeenyaaf, duula sagantaa deggersa biyya keessaa ‘Deme Sira’ jedhamee beekamuun hanga Bitootessa bara 2026tti, maallaqni Burkinaa faasoo biliyoona 1.13 ol walitti qabamuu mootummaa biyyattii irraa ibsameera.

Akkasumas, bara 2025 keessa, mootummaa Burkinaa Faaso irraa akka ibsametti, naannolee rakkoo nageenyaa qabanitti, deegarsa nyaataa toonii 22,000 ol akkasummas qorichi toonii 290 ol ergamee jira.

Dabalataanis, maatiiwwan namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an kuma 59tti dhiyaatan, meeshaalee jireenyaa barbaachisoo ta’an argachuu isaanii mootummaa biyyattii beeksiseera.

Kana jechuun, Burkina Faso keessatti xiyyeeffannoon gargaarsa kennuu qofa irratti osoo hin taane, mirga, kabaja fi ulfina nama gargaarsa argatu eeguu irrattis kennamaa jira.

Girmaa Guddisaan

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇
Facebook- www.facebook.com/WALIIFTV
Youtube- www.youtube.com/
Telegram- https://t.me/waliiftvofficial
Tiktok- www.tiktok.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j
Waliif TV Ilaalcha Haaraa

Address

Paris, TX

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromiyaan Biyya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromiyaan Biyya:

Shortcuts

Share